Lola Tigraay: Tigraayitti 'duguuggaan sanyii' raawwateera himati jedhu bu'uura hin qabu-Itoophiyaa

Obbo Dammaqaa Makonnin

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Itoophiyaa, naannoo Tigraay keessatti ‘’yakki duguuggaa sanyii’’ raawwatameera himannaa jedhurratti ibsa ejjennoo mootummaa Itoophiyaa agarsiisu kan baase Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii, mootummaan Itoophiyaa qajeeltoo seera mirga namoomaa idil-addunyaa bareechee beeka, jaarmiyaa kanattis miseensa jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa dhiittaa mirga namaa fi yakkoota suukanneessoo dhala namaarratti raawwataman dura dhaabbachuu fi sirriittis qoratee seeratti kan dhiyeessu ta’uu ibse.

Gama Kanaan jaarmiyaalee idil-addunyaa mirga dhala namaaf quuqaman kamuu waliiin qindoominaan hojjechuuf mootummaan fedhii akka qabus ibseera Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa.

Kun Kanaan osoo jiruu, Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Tigraay keessatti duguuggaan sanyii raawwatameera jechuun himati isaan dhiyeessan bu’uura kan hin qabnee fi murtee yakkaa sobaan mootummaarratti darbeedha jedha ibsi kun.

Akka ibsa kanaatti oppireeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa ture keessatti itti yaadamee qaamni irratti qiyyaafatamee fi duguuggaan sanyii ta’e jedhamee raawwatame hin turre.

Mootummaan Itoophiyaas kanarratti hundaa’eeti kan inni himannaa akkasii haalu.

Wayita mootummaan Itoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi naannawa isaa waliin ta’uun dhiittaa mirga namaa naannocha keessatti raawwatame qorachuuf kutatee jirutti haalota dubbii dabsanii dhaadhessuun haqa fida osoo hin taane xaxaa siyaasaa hammeessaa kan deemuudha jedha ibsi kun.

Hariiroon US fi Itoophiyaa seena qabeessaa fi kan waggoota hedduu ta’uu kan ibsu mootummaan Itoophiyaa ammas taanaan haalota uumamaniin kan danqamu osoo hin taane cimee itti fufa jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa bulchiinsa US amma jiru waliin michummaasaa cimsee dhimmoota garaagaraa irratti waliin akka hojjetu akeekeera ibsi kun.

Deggersi mootummaan US rifoormii Itoophiyaaf gochaa jiru kan galati maluuf kan jedhu ibsi kun gara fuulduraattis bara 2021 keessa hariiroo dantaa biyyoota lamaanii mirkaneessuurratti hundaa’e mootummaan Itoophiyaa cimsee itti fufuuf fedhii akka qabu eereera.

''Dhimmoota nageenyaarratti US deggersa Itoophiyaaf gootu itti hin fuftu''

Dhimma biyya alaarratti Dubbi Himaan mootummaa US Need Piraayis dhimma mirga namoomaa irratti kaleessa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Need piraayis akka jedhanitti Ministirri Dhimma Alaa Antonii J. Bilinken Hogganaa UN Antooniyoo Guteeras waliin kaleessa dhimmaa Afgaanistaan, Itoophiyaa fi Burmaa irratti haasa’uu isaani ibsaniiru.

Dhimmaa Afgaanistaan irratti tasgabbii siyaasaa uumuufi waraanni akka dhaabbatu goochuuf haasaa taasisuu irratti waan wali galaniif Bilinken Hogganaa UN Guteeraasiin galateeffataniiru.

Biliinekn Itoophiyaa keessatti nagaa deebisuuf, lola dhaabuu fi rakkoowwan mirga namooma furuuf biyyattii fi biyyootii addunyaa biroon sochiin dabalataa akka jiraatuuf wamicha dhiyeessaniiru.

Dabalataanis sarbaamni mirga namoomaa naannoo Tigraay jirachuu irratti gaabaasaalee jiran adda baasuuf qaama beekkamtii qabu, of danda’aa fi idil addunyaa irraa ta’een qorannoo gaggeessuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Bitootessa 10 irratti Ambaassaador Paasii jila ambaassadaroota biroo fi dippiloomatota of keessaa qabate waliin gara Maqalee imalanii akka turan Piraayis ibsaniiru

Daawwana kana irratti Ambaassaddar Paasii hoggantoota bulchiinsa yeroofi Tigraay waliin kan mari’atan yoo ta’u, mootummaan US uummata Tigraayii fi lammilee rakkatoo Itoophiyaa hunda akka gargaaru ibsaniiru.

Namootni mirga namooma sarbaniifi haleellaa korniyaa irratti hundaa’e rawwatan yakka isaanii hundaaf itti gaafatamummaan gaafatamuun isaani barbaachisaa akka ta’e ibsiteetti.

Itti fufinsaan kan nuti gaaffannuu dhabbilee gargaarsa kennaniif daandii akka banamuu fi yakka rawwatamaniif itti gaafatamummaan akka fudhatamudha jedhaniiru

Dhimma gargarsaa Itoophiyaaf taasisan irratti kana duraa dhimmaa Hidhaa Guddichaa irratti gargaarsa tokko tokko addaan akka kutne ibseenerra jedhu Need Piraayis.

Dabalataan gargaarsa namooma dabalatee gargaarsota hanqina nyaataa addunyaa fi sochii waldhabee goodansaa tokko tokko irratti deebine hojjachuuf murteessineerra jedhu.

Haala amma Itoophiyaan keessa jirtu irratti hundaa’uun, gargaarsota dhimma nageenya waliin wal qabatan dabalate kanneen addan kunne deebisne jalqabuu dhiisuuf murteessineerra.

Ta’us garuu lammilee Itoophiyaa gargaaru itti fufna, nuti gummachitoota namoomaa Itoophiyaa keessa isa guddaadha.

“Rakkoolee akka hanqina nyaataa, sababa waldhabdeen namoota qe’ee isaanii irraa buqqaaan, weerara hawwaanisaa, lolaa fi weerara Covid-19’f gargaarsa namooma doolara miiliyoona 733 ol ta’u taasisneerra” jedhu.

Wantoota kunneen alatti sochii gargaarsa US addaan kutte deebisanii eegaluuf ammallee kan itti yaadamaa jiru ta’u ibsaniiru.