Lola Tigraay: 'Ameerikaan birmadummaa Itoophiyaa cabsuurraa of qusachuu qabdi'-Amb. Diinaa

Amb. Diinaa Muftii

Madda suuraa, MINISTEERA DHIMMA ALAA ITOOPHIYAA

Naannoo Tigiraay keessatti 'oppereeshinii seera kabachiisuu' walin walqabatee qaama yakka raawwate kamiyyuu karaa walaba ta'een qoratee seeratti dhiyeessuuf mootummaan waadaa galeera jedhan Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Kanaan walqabsiisee yaada US kennaan jirturratti kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan, '' mootummaan Ameerikaa mirga dhala namaatiif yoo quuqama kan qabaatan ta'e, nuti achirraa rakkoo hin qabnu. Garuu waan nuti barbaadnu tokko milishaa saba tokkoo maqaa dha'anii milishaan ebaluu achi seene jechuun tokkummaa biyyattii keessa seenuudha," jedhan.

"Itoophiyaa keessa seenuudha waan ta'eef kun dhorkaadha. Milishaan Teksaas, Waashingitan DC galee, milishaan Waashingitan DC Meriilaand gale wanta jedhu isaan hin fudhatuu kan jedhu ani shakkii guddaan qaba. Hin fudhatan. Kanaaf, milishaa saba tokkoo waamanii milishaa Oromoo, milishaa Amaaraa, milishaa maaloo kan jedhu kun seeraan aladha.''

Kan Ameerikaa dabalatee ambaasaaddaroota biyyoota gara garaa Itoophiyaa keessa jiran waliin naannoo Tigiraay, Maqalee kan deeman Ambaasaaddar Diinaan, haala qabatamaa naannoo sana jiru ilaalaniiru jedhan.

‘’Abbaan fedhe seenaa haala achi keessa jiru akka ilaaluufi akka hubatu godhamee jira. Kan Ameerikaa dabalatee miidiyaaleen gurguddaan biyya alaa naannoo sana keessa jiru. Haala lafarra jiru ilaalaa jiru jechuudha," jedhan.

Ambaasaaddaroonni Awurooppaa erga naannoo Tigiraay, Maqalee daawwatanii booda yaaddoo sarbama mirgoota namoomaa qaban ibsanirratti rakkoo akka hin qabne kan himan Ambaasaaddar Diinaan, "Namni yakka raawwateefi mirgoota namoomaa sarbe seeraan karaa walaba ta'een qoratamee seeratti dhiyeessuudhaaf mootummaan waadaa galeera,'' jedhan.

Hariiroon US fi Itoophiyaa yaaddoo keessa galeeraa?

Haala naannoo Tigraay ilaalchisee sochiin mootummaan US yeroo ammaa taasisaa jiru hariiroo biyyoota lameenii ni miidha jettanii hin yaaddoftanii kan jedhamanii gaafatamaniif Ambaasaaddar Diinaan,''Lakki hin yaaddoofnu,'' jedhan.

''Ameerikaafi Itoophiyaan hariiroo waggaa dheeraa qabu. Hariiroo kana irraa ammoo faayidaa kan argatu biyyoota lamaaniifi ummata biyyoota lamaaniiti.''

''Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii yeroo dheeraadhaaf ture kana cimsuudhaaf nuti gama keenyaan rakkoo hin qabnu. Wanti walitti dhufeenya kana balleessan ammoo hojjetamuu hin qaban jechaa jirra.''

Garuu jedhan Ambaasaaddar Diinaan, sararri diimaan darbamuu hin qabne jirti jedhan.

"Walabummaa biyya tokkoo abbaan fedhe dhiibuu hin qabu. Seerri addunyaas, kan biyyoota lamaaniis kana kan hayyamu miti,'' jedhan.

Waa'ee lammiiilee Itoophiyaa Yaman

Lammileen Itoophiyaa Yaman baqannaarra jiran torban darbe balaa qaqabeen dhuman ilaalchisuun erga mana hidhaa bakka hidhattoonni warra Huttisii jiran keessatti balaan ibiddaa qaqqabee, imbaasiin Itoophiyaa Omaan jiru jala bu'ee ilaalaa tureera jedhan.

Akka Ambaasaaddar Dinaan jedhanitti namoonni 43 ta'an kan miidhaman yoo ta'u, hawaasa achi jiruun Jimaata sirni awwaalcha isaanii raawwatameera.

Yaman lafa tasgabbii hin qabneefi rakkoon jiru waan ta'eef bakka sanattti imalanii waa sirreessuunis rakkisaadha jedhan.

Haata'u malee, mootummaan lammilee achi jiran adda baafatee isaan gargaaruudhaaf hojjechaa jira jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

''Dhaabileen dhimma baqqatotaa irratti hojjetan kan akka IOM, UNHCR fi Fannoo Diimaa waliin mariin guddaan taasifamaa jira. Haala kamiin biyya sana seenamee lammilee rakkoo keessa jiran baasuun itti danda'amurratti hojjetamaa jira.''

Xiyyaarri hanga magaalaa Sana'aatti deemuu akka hin dandeenye kan dubbatan dubbi himaan kun, hanga magaalaa Aden deemamee akkaataa ittiin lammileen kana deebisuun danda'amuurrratti hojjetamaa jira jedhan.