Lola Tigiraay: Ambaasaaddaroonni Awurooppaa naannoo Tgiraay daawwatan maal jedhan?

Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa naannoo Tigiraay daawwatan

Madda suuraa, @EUinEthiopia

Jilli ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa Itoophiyaa jiranii Bitootessa 10, 2021 naannoo Tigiraay, magaalaa Maqaleetti imale haala achi jiru erga hubatee booda loltoota Ertiraa naannicha keessaa baasuun dhimmoota dursi kennamuufiif qabu keessaati jedhe.

Jilli kun kana kan ibse fuula tiwiitaraa @EUinEthiopia jedhu kan garee ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa Itoophiyaa keessa jiranuuf tolfame irratti.

Haala naannicha keessa jiru irratti ibsa haqa-qabeessa bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay isaaniif kenneef kan galateeffate jilli kun, "Fedhiiwwan jiran guddaadha, akkasumas wantota Gamtaan Awurooppaa (EU)n dursa kennuufiifis ifadha: Waraanaafi sarbama mirgoota namoomaa hunda dhaabuu, loltoonni Ertiraa ba'uufi ummata Tigiraayiif gargaarsa dhiyeessuudha," jedheera.

Mootummaan Ertiraa hanga ammaatti loltoonni isaa naannoo Tigiraay keessa jirachuu kan hin amaniin jiru yoo ta'u, ajjeechaafi yakkawwan gurguddoo biroo loltoota Ertiraatiin Tigiraay keessatti akka raawwataman dhaabbileen mirgoota namoomaa ifoomsan garuu fudhatama dhabsiiseera.

Ambaasaaddarri Jarmanis daawwannaa Maqaleetti taasisaniin bulchiinsa yeroo naannichaa waliin dubbachuun rakkoon sababa humnoonni Ertitaa jiraniif daran hammaachaa jiraachuu hubachuusaa Imbaasiin Jarman Finfinnee jiru ibseera.

"Akka ba'aniif [loltoonni Ertiraa], gargaarsiifi miidiyaaleen akka guutummaatti seenuuf, akkasumas sarbama mirgoota namoomaafi yakkawwan waraanaa ilaalchisuun qorannoon walabaa akka taasifamu irra deebiin ni gaafanna," jechuun Imbaasichi fuula tiwiitara isaarratti baaseera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ambaasaaddarri Siwiidin waggaa kana keessa naannoo Tigiraay si'a sadii akka daawwate kan ibse Imbaasiin Siwiidini Finfinnee jirus, marii Maqaleetti bulchiinsa yeroo naannichaa waliin taasiseen rakkoo gargaarsi namoomaafi haalli nageenyaa, sarbamni mirgoota namoomaafi loltoonni Ertiraa jiraachuun yaaddessaadha jedheera.

Bitootessa 9, 2021 MM Itoophiyaa Abiy Ahmad opireeshinii waraanaa Kaaba biyyattiitti gaggeessaniin duulli idil - addunyaa qindaa'aa ta'e akka isaan qunname ibsuun, biyyoonni Afrikaa bira akka dhaabbatan waamicha dhiheessanii turan.

''Itoophiyaan daangaa ishee keessa seera kabachiisuuf yeroo sochootuufi yeroo ammaa qeeqa idil -addunyaa qindaa'aa ta'e keessa osoo darbaa jirtu lammiileen Afrikaa rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaarraa madde deeggaranii Itoophiyaa bira akka dhaabatan waamicha nan dhiheessa,'' jedhan MM Abiy.

EUn Kamisa Bitootessa 11, 2021 Itoophiyaan michuu barbaachistuu akka taate ibsuun, haalli naannoo Tigiraay, akkasumas qaxanaa sana keessa jiru irratti garuu yaaddoo guddaa qabaachuu baaseera.

Itoophiyaan yeroo ammaa rakkoo keessoo wal-xaxaa biyyarra darbee qaxanaa sanaafillee dhiibbaa qabaatu keessa jiraachuu himuun, lolli hidhannoo naannoo Tigiraay ammoo muddama Gaanfa Afrikaa keessa jiru daran hammeessa jedheera.

Qaamni hundinu atattamaan lola naannoo Tigiraay keessa jiru dhaabuun ummanni naannicha keessa bakka hunda jiru dhorkaa tokko malee gargaarsa akka argatu taasisuu qabu jechuun gaafate EUn.

Carraaqqii mootummaan Itoophiyaa fedhii ummata naannichaa guutuuf taasisaa jiru gaarii ta'uu kaasuun, yaaliin kun UN fi dhaabbilee gargaarsaa hunda waliin tumsa guutuu gochuun cimee itti fufuu qaba jedheera.

Ibsi mana maree EUtiin bahe kun ragaaleen hedduu yakkawwan waraanaafi dhala namaarratti raawwataman jiraachuu akka malu agarsiisan, akkasumas murtii tokko malee ajjeechaawwan raawwatamaniifi sarbamni mirgoota namoomaa hamoon dhaga'aman haalaan isa yaaddessuu eereera.

Tasgabbiin guutummaa qaxanaa sana keessa akka jiraatu gochuuf, akkasumas waraana uumame sanaaf furmaata siyaasaa fiduuf murtee nagaafi qabatamaa taasisuuf mootummaan Itoophiyaa tumsa Gamtaa Afrikaa waliin qabu cimsachuu akka qabullee EUn dhaameera.

Gamataan Awurooppaa Mudde 2020 keessa deeggarsa maallaqa birrii biliyoona afurii ol Itoophiyaaf kennuuf ture yaaddoo lola Tigraay keessa tureen yeroo biraaf dabarsuun isaa ni yaadtama.

Mootummaan Itoophiyaa garuu tarkaanfii Gamtaan Awurooppaa fudhate kana osoo haala biyyattii keessa jiru sirriitti hin hubatiin jedhee ture.

Lolli naannoo Tigraayiitti kun guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoonni TPLF Humna Ittisaa Fedeeraalaa Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun tarkaanfiin akka fudhatamuuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbootaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 60,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.