Naannoon Amaaraa alaabaa naannichaa maaliif jijjiiruu barbaade?

Madda suuraa, Wikipedia
Bitootessa 13, 2021, Manni Maree Naannoo Amaaraa labsii alaabaa naannichaa jijjiiruuf qophaa’e raggaasisee ture.
Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyahuu Tashaagar fuula tiwiitara isaanii irratti akka barreessanitti alaabaan waggootaaf ture akka jijjiiramu manni maree sagalee guutuun murteesseera.
Alaabaan naannichi yeroo ammaa ADWUI’n aangootti erga dhufe booda eegalee fayyadamaa ture si’achi ji’a jaha qofaaf tura jedhameera.
Alaabaan naannichaa kuni bifaan alaabaa naannoo Tigraayitti dhihaata. Dabalataan, hanga paartiin Badhaadhinaa waggaa darbe hundaa'utti alaabaan naannichaafi kan paartii naannicha bulchu tokkuma.
Alaabaan naannichi amma akka jijjiiru ibse caasaa mootummaatti malee ummanni naannichaa gara caalu alaabaa Itoophiyaa asxaa hin qabne akka qabatee bahu kana dura qondaalli naannichaa BBC'tti himaniiru.
Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa keessatti naannoleen hunduu alaabaa ofi ni qabu. Yeroo mirmirsanis alaabaa biyyaa biratti fannisu.
Haata’u malee, yeroo dheeraaf dhimmi alaabaa dhimmoota siyaasa Itoophiyaa keessatti waldhabdeef sababa ta’an keessaa tokkodha.
Maaliif jijjiiruun barbaachise?
Miidiyaan naannichaa akka gabaasetti alaabaan amma jiru ‘’aadaa, duudhaa akkasumas xiin sammuu Amaaraa hin ibsu’’ jedhameera.
Dabalataan alaabaan amma jiru ‘paartii tokko malee ummaticha bakka hin bu’u’ jedhameera.
Sababa kanaaf, alaabaa ummata Amaaraa bakka bu’u qophaa’e akka dhihaatu yaadni jedhu mana maree naannichaan dhihaateera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyachuu Tashaagar alaabaan haaraa dhihaatu ‘’xiinsamuufi seenaa’’ ummata Amaaraa kan ibsudha.
Miseensonni mana maree naannichaas ‘ummata bakka hin bu’u, yaadni garaa garaa irratti dhihaataa ture, turuus murteen ammaa sirriidha,’ jechuu isaanii miidiyichi gabaaseera.
Manni Maree Naannoo Amaaraa ji’oota jaha dhufan keessatti qorannoon taasifamee akka hojiirra oolu murtesseera.
Waldhibdee Alaabaa
Itoophiyaan ammayyaan bara Mootii Miniliik II erga hundoofte eegalee alaabaan itti fayyadamtu magariisa, keelloofi diimaa ta'us yeroo kaan leexaa isaa yeroo kaan immoo mallattooleen garaa garaa irratti bocamaa turan.

Madda suuraa, Ethiopian Foreign Affairs
ADWUI'n aangoo qabatee hanga heerri bara 1995'tti tumamutti alaabaa magariisa, keelloofi diimaa asxaa homaa hin qabne hojiirra oolaa ture.
Erga heerri bahe booda garuu urjiin kan irra kaa'ame yoo ta'u kunis 'walqixxummaa sabaafi sab-lammoota' biyyattii keessa jiranii ibsuuf akka ta'e ibsame.
Ta'us, isa boodallee biyya keessaafi alattillee alaabaan urjii ofiirraa hin qabneefi gosoonni kaanis namoonni yeroo mirmirsan mul'ata.
Keessumaa bulchiinsi MM Abiy Ahimad aangootti yeroo dhufe ummanni alaabaa fedhe bilisummaan akka mirmirsu carraa kan kenne ture. Ta'us, madda waldhibdee ta'urraa hin hafne.
Keessumaa hanga ammaattii naannoo Amaaraatti alaabaan asxaa urjii ofirraa hin qabne ummanni yeroo bal'inaan yeroo itti fayyadamu ni mul'ata.
Dhimma kana irratti kan dura kan gaafataman Dubbii Himaan duraanii Naannoo Amaaraa Obbo Nigusuu Xilaahun 'Waa'een alaabaa maree uummataa barbaachuunsaa hinoolu' jedhanii BBC'tti himanii turan.
Alaabaan Itoophiyaa asxaa hin qabne keessumaa naannichatti ayyaana amantiilee gara garaafi sagantaalee hawaasaa kaanirratti bal'inaan hojiirra oola. Kan asxaa qabu garuu waajjiraaleefi sagantaalee mootummaan qopheessuurratti dhihaata ture.
"Ummanni kun alaabaa kana barbaade qabatee bahuunsaa, alaabaa isa heeraan ka'amee sana ilaalchisee uummata naannoo keenyaa waliin akka gaariitti waliigalteerra gahu dhabuu keenya kan nuuf ibseedha,'' jedhanii turan.
















