Hojjettoonni 'miidhaa sanyummaa' himatan eeyyama bahuu qabu - Google

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Google hojjettoonni isaa Ameerikaatti argaman miidhaa sanyummaa kan himatanii fi rakkoo qoccollaa saalaatu nurra ga'e kan jedhan yoo ta'e eeyyama fayyaa ba'uu akkasumas ogeeyyii fayyaa sammuu irraa tajaajila gorsaa argachuu qabu jedhe.
Hojjetaan Google tokko akka jedhanitti, dameen humna namaa jaarmiyaa kanaa nama rakkoon akkanaa mudate wayita argu gara eeyyama fayyaa kennuutti fiiguu aadeffateera.
Yeroo dhiyoo as hojjettoonni Google kan damee Hubannoo Nam - Tolchee (Artificial Intelligence Ethics) jedhamu keessa hojjetan waa'ee miidhaa sanyummaarratti hundaa'ee dhaabbaticha keessatti raawwatuu waan dubbataniif hojiirraa ari'amaniiru.
Google himati irratti banamu kana haaleera, garuu himata dhiyaaterratti qorannoo akka gaggeessu ibseera.
''Sirna komii hojjettootaa ittiin keessummeessinu qabna. Karaa iftoomina qabuun hojjechuuf baay'ee yaalla,'' jedha ibsi jaarmiyaan kun baase.
''Hojjettoota imaammata keenya faalleessan irratti tarkaanfii cimaa fudhanna,'' jedhe jaarmiyaan kun.
Hojjetaa duraanii Google kan ta'e Beenjaamiin Kiruuz, bifa isaa ilaalchisuun waan hojjetaan isa waliin hojjetu ittiin jedhe irratti komii qabu damee humna namaa jaarmiyaa kanaaf dhiyeessee akka ture dubbata.
"Ergan komii dhiyeessee booda hojiiwwan an hojjetaa ture narraa mulqamuu jalqaban. Hojjettoonni garee kiyyaa garuu akka waan homaa hin mudanneetti callisanii na ilaalan,'' jedhe.
"Eeyyama yaala fayyaa akkan fudhu erga na gorsanii booda, waan hunda saffisaan raawwatan,'' jedha.
Hojjetaan duraanii Google kan biraan ammoo, ''rakkoo bara darbe irra ga'een qofa namoonni eeyyama yaala fayyaa akka fudhatan godhaman yoo xiqqaate kudhan tarreessuu nan danda'a,'' jedhe.
Gabaasi qorannoo NBC namoota rakkoon akkanaa isaan mudate kudha lama ta'an ifa godheera.
Kanneen keessaa bara darbe hojiisaanii kan dhaban Timnit Gabruu fi Maargaareet Miichel isaan baayyee miidhamaniidha.
Hojiirraa hari'amuunshee mata duree oduu addunyaa kan ta'e Timnit Gabruu, hari'amuunsheen dura ogeeyyii xiinsamamuu akka quunnamuu qabdu gorfamuu himte.














