Timniit Gabruu: Google 'dhaabbata loogii sanyii qabudha' jette qorattuun duraanii dhaabbatichaa

Timnit Gebru

Madda suuraa, Getty Images

Saayintistii kompitaraa hubannoo nam-tplchee ykn 'Artificial Intelligence' (AI) beekamtuun dhalattuu Itoophiyaa taate Timniit Gabruu tibba kana mata duree dubbii loogii sanyii Google keessa jiruu taateetti.

Akka isheen jettuutti Google erga waraqaa qorannoo isheen namoota biraa waliin qopheessite irratti dubbii kaaseen booda hojjiirraa ishee ari'e.

Dr Timniit fi deeggartoonni ishee ari'amu isheetiif loogiin sanyummaa dhaabbaticha keessa jiru sababa tahuu himu.

Waraqaan qorannoo sun teeknooloojiiwwan hubannoo nam-tolchee loogii dubartootaa fi namoota saba bicuu irraa ta'an irraan gahu irratti kan xiyyeeffate ture.

Google waraqichi mata duree qabate irratti qorannoo barbaachisuu waan hin guuttanneef Timniit ofiif hojii gadhiisu hime.

Waraqaan sun maaliif fudhatama akka dhabee gaafachuudhaaf, kanneen qorattoota dhaabbatichaa bebbeekamoo fi dameelee isaa kan akka DeepMind, Microsoft, Apple, Facebook, Amazon fi Netflix, dabalatee namoonni 6,000 mallattoo walitti qabaniiru.

Hogganaa Olaanaan Google Sundaar Pichaayi barreeffama gabaabduu barreessaniin: ''Dubartiin gurraattiin hoggantuu taatee fi dandeettii addaa qabdu kun Google'tti gadduun gadhiisuu isheetti itti gaafatamummaa fudhachu barbaadna'' jedhaniiru.

Itti dabaluunis kaampaanichi dhimma hojii gadi dhiisuu ishee attamiin akka qabe ni qorata jedhan. Garuu Timniit dhiifama osoo hin gaafatiin hafan.

Dr Timniit deebii isaa kanaan gammadduu akka hin taane BBCtti himte. Gaaffiif deebiin isheen BBC waliin taasiste akka asiin gadiitti qindaa'eera.

Presentational grey line

Torbanootiin murasni darban dhunfaa keetti akkam turan?

Baay'ee dadhabaan ture. Haala akkasii keessa ta'uun waan salphaa hin turre.

Akkan waan bubbee ykn rooba hamaa keessatti darbatameetti natti dhagamaa ture.

Waraqichi waa'ee maalii ture?

Ani gonkumaa waraqaan sun dambalii akkasii ykn dhimma akkanaa ni uuma jedhee hin yaadnen ture.

Waraqichi waa'ee teekinooloojiiwwan ykn moodeeliiwwan hubannoo nam-tolchee loogii qabanii irratti xiyyeeffata.

Google waraqichi qorannoo dhiheenya gaggeeffaman muraasa hin hammanne jedha

Duraan durse kun dhugaa miti.

Lammaffaa, osuma inni dhugaa ta'ees ammoo, sababii waraqaan odeffannoowwan jedhaman hin qabaanneef, akka isaan na ari'ataniitti nama hojiirraa ari'achuun sirriidha?

Garuu kan jedhame guutummaa guutuutti dhugaa miti.

Osoo nama adii taatee Google haala adda ta'een si ilaala ture jettee yaaddaa?

Dhugumatti haala adda ta'eenan ilaalama ture.

Dhimmootan ani kanaan dura ilaalee hunda keessattu, isaan (Google) kun mata duree akka hin taane gochuuf baay'ee yaalaa turan.

Akka dubbiin gadi qabamee darbuuf baay'ee yaalaniiru.

Kan balleessuu osoo nama biraa ta'ee, yeroo hundaa haasaawwan baraman jiru: ''Oh, beektaa, isaan dhaabbatichaaf baay'ee kan barbaachisaniidha. Baay'ee qaxaleedha kkf.

Gareen kiyya gutuun ana waliin ta'uun balaaf of saaxilanii jiru.

Dhugumatti ana waliin dhaabbachuuf balaaf of saaxilanii jiru. Itti gaafatamaan kiyya ana waliin dhaabbateera.

Ammalleen isaan haala akkanaatiin na keessummeessuuf filatan. Kanaafu, dhuguma akkan waan addatti ilaalameetti natti dhagahamaa jira.

Yoo haala akkasitiin yaaddee, gaaffiin kiyya itti aanuu, Google mataansaa akka dhaabbataatti loogii sanyii qaba jettee yaaddaa?

Eeyyeen, Google mataansaa dhaabbata loogii sanyii qabuudha.

Kana wayita jettiu, ati mataan kee hanga dhiheenyaatti hojjattuu Google turte miti?

Akka waan kaampaaniiwwan teknoolojii guutuu yoo ta'u baatan illeen irra hedduun isaanii loogii sanyii qabanii natti dhagahama.

Dhaabbileen kun attamiin loogii sanyii qabu jechuu hin dandeenye?

Gumii Garee Gurraachaa (Congressional Black Caucus)tu akka hojjetooti isaanii hunda kan hammate ta'uu mirkaneessuuf lakkoofsa isaanii akka maxxansaniif isaan irratti dhiibbaa taasisaa jira.

Dubartii gurraattiin industirii teknoolojii keessatti yeroo turtii baay'ee gadi-aanaa kan qabaattuuf waan akka tasaa ta'ee miti.

Kanaafu, dhugumatti Google fi kaampaaniiwwan teknoolojii kaanis dhaabbilee jibba sanyii qabaniidha.

Sundar Pichai

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Google Sundaar Pichaayi keessoo isaanii qorachuuf waadaa galan

Google 'namoota kaan hammachuuf' iddoo akka kennu hima. Kanaan walii galtaa?

Isa Google daneessummaatti ni amana jedhuun walii hingalu.

Wanti isaan gochu barbaadan, mariiwwan namatti hin tollee kan akka nama hin calsiifnu, takaanfii haaloo irratti hinfudhanu jedhaniitti gammadudha.

Kan kan isaaan gochaa jiranis: ''TOLE, koree namoota akka tasaa filataman wayii hundeessuuf'' ykn ''Dhimma ta'e irratti dolaara miliyoona ta'ee invasti gochuuf jirra,'' jedhuudha.

Garuu ammoo wayita dhimma rakkisaa tokkoo umamuutti haalli jiruu, kan amma ta'ee irraa maal akka fakkaatu agartaa?

Kanaafu, waa'ee sabdaneessuunaatiif ni yaadu jedhee amanuun baayyee natti ulfaata.

Sundaar Pichaayi haala deemsa keetiin walqabatee mudateef dhiifama gaafataniiru. Waa'ee isaa maaltu sitti dhagahame?

Haala kaampaanichi dhimmicha itti qabateefilleen dhiifama hin jenne.

Akka waan isaan hin ilaallanneetti, hawaasa keenya muraasa keessatti shakii umeera jedhe.

Kanaaf inni dhiifama kan jedhe. Kana jechuunis, ''waan sirratti raawwanneef dhiifama homaatu hinjenne.''

Akka waan dhiifama jedhameetti hin ilaalu. Akka ibsa kan isaan waan gaarii hojjatan fakkeessuuttan ilaala.

Timnit Gebru

Madda suuraa, Getty Images

AI gara fuulduurraatti attamiin adeema jetta? AI keessatti waa'ee loogii sanyii ni yaaddooftaa?

Sirriitti malee- namoonni baay'een dirreen loogii itti aanuu ... tarii damee teknoolojii gosa akkanaa kan akka hubannoo nam-tolchee (AI) ta'a jedhu.

Sababii kanaaf, waa'ee isaa baay'een yaadda'a.

Aniifi keessattu dubartoonni gurraaleen baay'een waa'ee kanaa barreessaa akkasumas dareetti barsiisaa turre.

Amma maal gochuuf yaadaa jirta?

Itti aansee maal gochuu waanan qabu yaaduuf yeroo murasa fudhachuun barbaada.

Ammatti, wantin dursa kennuuf nageenyummaa namoota na waliin dhaabbataniiti.

Isaan iratti tarkaanfiin haaloo bahuu kamuu akka fudhatamu hin barbaadu.

Kanaafuu, ammatti dhimmin dursa kennuuf isadha.

Presentational grey line

BBC News himannaawwan gaaffiifi deebii kana keessatti ka'an Google dhiyeesseera. Garuu deebii kallattii kennuu didaniiru.