Naayijeriyaa: Shamarran dhibbaan lakka'aman mana barumsaatii butamanii turan gadhiifaman

Shamarran mana mootummaa duraatti waliti-qabaman erga gadhiifamaniin booda

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarran mana mootummaa duraatti waliti-qabaman erga gadhiifamaniin booda

Shamarran 300 taa'an mana barnootaarraa kaaba -dhihaa Naayijeeriyaatti torbee darbe butamanii turan gadhifamaniiruu jedha hoogganaan naannicha.

Shamarran tana, Jimaata darbe mana barnootaa keessaa hidhatootaan butamanii, bosona geessan jedha poolisiin.

Bulchaan naannichaa Kibxata shamarran amma balaarraa bilisa ta'uu hime.

Butiinsii akkanaa kun Kaaba Naayijeeriyaatti yeroo baayyee furii gaafachuuf raawwata.

"Onneen koo gammachuu guddaati itti dhaga'ama gadhiifamuu baratoota tana labsuuf...." jedhe bulchaan naannichaa Bello Matawalle fuula twitter irraatti yeroo barreesse.

Dabalatan, "carraaqqii cimaa erga goone booda, lammiillee Naayijeeriya cufaan kottaa nageennaa shamarran teennaa nu walliin gammadaa," jedha

Hoogganooti, shamarran 279 gadhiifaman jechuun, lakkoofsii torbee darbe poolisiin namootii butamanii 317 jedhee kenne sirrii miti jedha.

Akka aanga'an tokko miidiyaa Reuters himeetti, faallessa tana kan fide, shamarran garii, erga butamaniin booda baqatan.

"Hedduun keenna ni madoofne.. deemuu hin dandeenne," jette dubartiin tokko BBCtti yeroo himtu.

"Nama deemuu dide rasaasaan rukunna jedhan; laga tokkoo darbinee nu dhoksanii bosona keessa muka jala rafne."

Akka hoogganootii naannoo Zaamfaaraa BBCtti himanitti, gadhiifamuu isaanii kan fide waliigaliinsa gidduu mootummaafi hidhatoota isaaniitti irra gahamedha.

Obbo Matawallee, shamarran gadhiifamuuf kaffaluu mormate, garuu torbee darbe pirezidaant Muhammaduu Buhaarii, mootummootii naannoo, namootii butaman gadhiifamuuf, hidhatoota maallaqaaf, konkolaataa kennuuf himee, tarsiimoo jijjiraa jedheen.

Buhaarin, balaa malee gadhiifamuu shamarran tanaaf gammachuu qabu ibse.

Bara 2014, gareen Boko Haram, barattoota shamarranii 276 magaala Kaaba-bahaa Chibok keessa butee, halleellaa mana barnootaa Naayijeeriyaarraatti addunyyaan xiyyeeffatee ture.

Gocha shamarran mana barumsaa butuu tibbanaa kana gareenitti gaafatamummaa fudhate hin jiru.