Waraana Siiriyaa: Achi buuteen lammiileen Siiriyaa kumoota kurna hedduu hin beekamu jedhe UN

Hiriira nagaa biyya Faransaa magaala Paariis

Madda suuraa, AFP

Waraana waliinii Siiriyaan walqabatee namootni kumni kurnootaan lakkaawaman achi buuteen isaanii dhibuu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

Dhaabbatichi bu'aa qorannoo haaraa ifa godheen waraana waliinii Siiriyaa waggoota 10 darbanii keessa namootni hidhaman hedduun du'uu hin oolan jedheera.

Kumootni hedduun ammoo mana hidhaa keessatti dararamanii gariin ajjeefamuu eeruun yakki waraanaa fi yakki dhala namaa qaamolee waraana kana keessatti hirmaatan hundaan raawwatamuu hin oolles jedhame.

Miidhamtootnii fi kanneen yakki yoo raawwatu argan, kan yaaduun danda'amuun olitti dararaan raawwachuu himu. Daa'imman dhiiraa fi dubaraa ganna 11 osoo hin hafiin dirqiin gudeedamuu qorattoota UN ibsaniiru.

Dhimmichi ''madaa biyyaalessaa'' furmaata barbaadudhas jedheera gabaasichi.

Siiriyaan Bitootessa bara 2011 mormii karaa nagaa eegale dhorkuuf tarkaanfii pireezidant Bashiir al-Asaad fudhachuu eegalan hordofee waraana dhalateen gaaga'ama guddoo keessa galteetti.

Waraana kanaan namootni 380,000 lubbuu yoo dhaban walakkaan uummata biyyattii baqaaf saaxilamaniiru. Lakkoofsi kun baqattoota biyyattii turan miiliyoona jaha ta'anis ni dabalata.

Bu'aan qorannoo Komishinii idila addunyaa Mana Maree Walabaa Mirgoota Namoomaa UNn gaggeeffame kun namoota 2,650 waliin af-gaaffii taasifamee fi qorannoo bakka hidhaa 100 irratti gaggeefame irratti hundaa'uun bahe.

Sarbamni mirgaa fi yakki dhaabbatichi bira gahe kun qaamolee waraana kana keessaa qooda qaban hundaan kan raawwatame ta'uun gabaasa kana keessatti ibsameera.

'Ji'ootaaf ifa malee, bishaan xuraawaa dhuguu ...'

Dura taa'aan komishinichaa Paulo Pinheiro, ''mootummaan humnaan mormitoota siyaasaa, gaazexessitoota, quuqamtoota mirga namoomaa fi hiriirtota nagaa walitti qabee hidhuun madda bu'uuraa ta'ee kan waraanicha hammeessee'' jedhan.

''Gareen hidhattootaa fi kanneen UN'n dhaabbata shorrkeessaadha jedhaman [Hayat Tahrir al-Sham, the Islamic State group] achiin duuba mirga uummataa mulquun yakka hammaataa irratti raawwatan'' jedhan.

Namootni hidhaa turanii bahan ji'ootaaf ifa arguuf hiree dhabuu, bishaan xuraawaa dhuguuf dirqamuu, nyaataan miidhamuu fi kutaa namni itti heddummatu keessa mana fincaanii malee tursiifamuu fi waldhaansa fayyaa dhorkamuu dubbatu.

Manneen hidhaa keessatti dararaa arguu kan himatan dhuga bahumsa sobaa irraa fudhachuuf jecha malootni dararaa 20 ta'an isaanirratti akka raawwataman garee qorannoo UN kanatti himatu.

Maloota kana keessaa muraasni elektirikaan qaama gubuu, kutaa qaamaa ibiddaan gubuu, ilkaanii fi qeensa buqqisuu, hidhiirratti haada gochuun rarraasuun yeroo dheeraaf tursuudha.

Magaala Homs keessatti qaamolee mootummaan kan qabame namni tokko yoo yaadatu ''Na dararan ...achiin inni nama qoratu dhufee akkas naan jedhe: ''Asitti si ajjeesuu dandeenya namni ajjeefamuu kee beekus hin jiraatu''' jedha.

Jijjigaa manneen hidhaa dhiyeenya magaala Damaasqoos

Madda suuraa, AFP

''Daayipari malee hin jiraadhu. Qaama koo guutuutu na dhukkuba. Abdii hin qabu. Jireenyi koo guutummaatti awwalameera.'' jetti dubartiin nageenyaa fi basaasa Waraana Mootummaa damee Homsifi Damaasqos keessatti dirqiin gudeedamteefi daraaraa biroo hedduun irra gahuu himattu.

Qaamolee mootummaan alatti namootni harka qaamolee UN shororkeessitoota ittiin jedhetti dararamanis dararaa argan garee UN'tti himaniiru.

Dhiironni hedduun qullaa akka shubbisan dirqisiifamuu, elektiriikiin qaama saalaa isaaniirra gubamuu fi dirqiin gudeedamuu himataniiru. Dubartootni dirqiin gudeedamuu fi sodaachifamuu himatan.

Ajaja manneen murtiin ala himannaa farra shororkeessummaan namootni ajjeefaman jiraachuus komishinicha ragaa argateerraa ka'uun gabaaseera.

Eyad al-Gharib Hoogganaa Siiriyaa duraanii Jarmanitti yakkamaa jedhamee.

Madda suuraa, EPA

Lakkoofsi namoota adeemsa seeraa sirrii hin hordofneen ajjeechaan irratti raawwatame hin beekamu.

Tilmaama jiruun garuu namootni kumoota kurna hedduu kan ta'an mana hidhaa mootummaa keessa osoo jiranii ajjeefamaniiru.

Ragaaleen adda addaa akka akeekanitti namoota mana yaalaa Waraanaatti du'an galmeessuun jumlaan iddoo garaagaraatti awwalamaniiru.

Dhiyeenya magaala Damsaaqoosittillee awwalchi jumlaa akka jiru gabaasicha keessatti eerameera.

Mootummaafi gareen Hayat Tahrir al-Sham hidhamtoota dararuu ni haalan.

Komishinichi biyyoonni hundi yakka Siiriyaa keessatti raawwatame ilaalchisee gaafatamamummaan akka jiraatu gahee akka bahan gaafateera.

Torbee darbe Jarmanitti hoogganaan nageenyaa mootummaa Siiriyaa duranii tokko yakka namoomaa gargaaruu fi hanqisuu dhabuun yakkamaa ta'eera.