Haleellaa Siiriyaa: Qorattoonni bakkicha akka qorataniif hayyamame

Madda suuraa, Reuters
Ogeessonni meeshaalee keemikaalaa bakka haleellaan itti raawwatamee Roobii borii akka qorataniif ni hayyamamaaf jette Ruusiyaan.
The international team has been in the country since Saturday, but has not been allowed to visit Douma.
Gareen idil addunyaa kun Sanbata darberraa kaasee biyyatti seenus Duumaa akka daawwataniif garuu hin hayyamamneef ture.
Haleellaa Eebla 7 irratti US, UK, fi Faransaayiin raawwatame ilaalchisuun Siiriyaa fi michuun ishee Ruusiyaan haleellaan keemikaalaa raawwatame hin jiru, dabaatu raawwatame jechuun haalaniiru.
Miidiyaan Siiriyaa gabaasa harra tamsaaseen, Lixa magaalaa Hoomsitti haleellaa misaayelaa raawwatameef deebii kennuu himeera.
Misaayeloonni kunneen buufata humna waraana qilleensaarratti kan aggaammate akka ta'e himus, eenyu akka dhukaase garuu ifa hin goone.

Madda suuraa, AFP
Gabaasni hidhattoota Heezboolaa irraa bahe kan biraanis humni qilleensaa Siiriyaa misaayeloota buufata xiyyaaraa waraanaa Kaaba-Baha Damaaskasitti argammutti dhukaafame qoluu ibseera.
Dubbi himaan Peentaagan Rooyitarsitti, ''Yeroo ammaa kana sochiin loltoota US naannoo sanatti hin jiru,'' jechuun dubbatu.












