Siiriyaa: Ameerikaan erga Raashiyaa waliin walitti buutee humna dabalataa Siiriyaatti bobbaaste

Loltoota |US Siiriyaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan erga Raashiyaa waliin irra deddeebiyuun walitti buutee lakkofsa loltoota seera kabashiisu jette Siiriyaatti bobbaastu dabaluun dhaga'ame.

Qondaaloti Ameerikaa akka jedhanitti, konkolaataawwan waraanaa ja’a dabalatee loltoonni 1,000 Kaaba-baha Siiriyaattii bobbaafamaniiru.

Naannoo Siiriyaa kana to’achuurratti Ameerikaafi Raashiyaa gidduu bara kana muddamni dabaleera.

Tarkaanfiin kun ‘’nageenya humnoota Gamtaa ni jabeessaa,’’ jechuun hogganaan Humna Waraanaa Bishaanirraa Ameerikaa Biil Arbaan dubbatan.

‘’Ameerikaan Siiriyaa keessatti eenyuu waliinuu lola hin feetu, haa tahu malee Gamtaa kana tiksuun garuu barbaachisaa dha,’’ jedhan Arbaan

Arbaan Raashiyaa maqaadhaan hin dhoofne, ibsa qondaalota Ameerikaa biroorraa bahetu dhimma kana addeesse.

‘’Gochaan kun Raashiyaaf mallattoo gaarii dha, dubbii wal-dhabdee kakaasu irraa of qusachuun warra kaaniifillee gaarii dha,’’ jedhan qondaalli maqaan isaanii hin dhahamne.

Loltuuwwan kunneen garas kan ergaman humnooti Raashiyaa lafa Gamtaan Ameerikaa fi humni warra Kuurdish jiran akka hin galle dhaabsisuufi.

Dhuma baatii Hagayyaa irratti loltootni Ameerikaa konkokaataa Raashiyaatiin miidhamanii turan. Biyyooti lameen wal-dhabdee mudateef wal himatu.

Raashiyaan mootummaa Siiriyaa yoo deeggartu Ameerikaan immoo finciltoota Kuurd deeggarti. Waraanni walii waliinii bara 2011 irraa qabee Siiriyaa raase ammallee furmaata waaraa hin arganne.

Raashiyaan pireezidantii Siiriyaa Bashaar al-Asaad yoo deeggartu humni waraanaa Ameerikaa achitti buufachuu yeroo dheeraaf mormiteetti.

Bara 2019tti Pireezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp loltoota 1000 warra Kuurdish deeggaraa turan akka bahan taasisaniiru.

Ji’oota muraasa boodammoo loltoota muraasa achi tursuu akka fedhan dubbataniiru ture.