Waraana Siiriyaa: Siiriyaan reeffa arkiyoolojistii garee hidhataa ‘IS’ dhaan mormi irraa murame argatte

Khaled al-Asaad bara 2002

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Khaled al-Asaad bara 2015, erga IS bakka hambaa seenaa Unesco'n galmaa'e qabatee hidhamee ture

Qondaalonni Siiriyaa arkiyoolojistii beekamaa garee Islamic State jedhamuun bara 2015 yeroo inni magaalaa durii Paalmiiraa eeguuf yaalaa turetti ajjeefame reeffasaa arganne jedhan.

Gareen hidhataa kuni Kaaliid al-Asaad, manguddoo ganna 82 hambaaleen seenaa gatii-jabeessaa eessa akka jiran himuu didnaan addabaabaayitti isaan gorra’e.

Miidiyaan mootummaa reeffi nama kanaa kan namoota biroo sadii waliin naannoo Kaahluul baha Paalmiiraatti argame jedha.

Eenyummaa isaanii mirkaneessuuf garuu qorannoon DNA ni taasifamas jedhaniiru.

Ajjeechaan kuni yeroo IS hambaalee seenaa UNESCO dhaan galmaa’an to’atee turetti kan raawwatame dha.

Kaaliid al-Asaad waggoota 50 ol Paalmiiraa gammoojjii Siiriya kaaba-baha Damaasqasitti hojiitti dabarsan.

Namni kuni bara 2003tti sooruma bahanii iddoowwan hambaa seenaatti hogganummaan otoo qorannoo hojjetaniiti bara 2015tti IS dhaan kan ajjeefaman.

Ilmaansaanii dhiiraa sadii fi soddaansaanii arkiyoolojistoota turan hambaalee seenaa qabataniiti gara magaalaa guddootti baqatan.

Hambaalee kana godambaa magaalaa Taadmoor jedhamturraa fuudhan. Asaad garuu mana koorraa eessayyuu hin deemu jechuun cichaniima achumatti hafan.

‘’Ani nama Paalmiiraa dha, na ajjeesanillee asuman tura,’’ jedhan.

Asaad boodarra IS dhaan qabamuun iddoowwan hambaaleen seenaa jiran akka himan gaafataman himuu didnaan addabaabaayii Taadmooritti baatii Hagayyaa keessa mormisaanii qalamee du’an.

Rogeeyyiin reeffasaanii mukarratti rarra’ee jiru agasrsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa turan. Waraqaan ‘hogganaa Paalmiiraa waaqeffatu’ irratti maxxanfamees ture.

Hoggantuun UNESCO yeroosii Iriinaa Bokoovaa IS Asaad kan ajjeese ‘’jaalala Paalmiiraaf qabu gatii dabarsee kennuu dideefi,’’ jettee turte.

Ajjeechaa kanaan torbee tokko booda IS iddoowwan Paalmiiraa seena-qabeessa jaarraa 1ffaa fi 2ffaatti ijaaraman mancaaseera.

Manneetii sagadaa Baalshaamiin Beel dabalateee gamoowwan barbadaa’aniiru.

Suuraa Bitootessa 4,207 kaafame, Unesco'n IS bakka seenaa qabeessa palmiraa barbadeessuun akka yakka waraanaatti ilaalama jedhe

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Unesco IS bakka seenaa qabeessa palmiraa barbadeessuun akka yakka waraanaatti ilaalama jedhe

Bara 2016tti gareen hidhataa kuni naannicha deebisee qabachuun siidaawwan abbaa utubaa afurii jedhaman barbadeessera,

Bara 2017 humnooti mootummaa naannicha to’atanis deebisanii ijaaruun garuu sababa wal-waraansa biyyattii keessa adeemaa jiruun hin danda’amne.

Yeroo tokko IS iskuweer kiloomeetirii 88,000 qabatee ture. Kunis daangaa lixa Siiriyaa hanga baha Iraaq kan gahu yoo tahu uummata miiliyoona saddeet tahaniis haala suukaneessaa taheen bulchaa ture.

Gareen kuni to’annoosaa duraaniirraa bara 2019tti akka bahu kan taasifame yoo tahu, akka gabaasni UN jedhutti ammallee milishoonni 10,000 Siiriyaa fi Iraaq keessatti socho’u.

Caasaa xiqqoodhaan gurmaa’anillee biyyoota kunneen keessatti haleellaa lubbuu namoota galaafachaa jiru akka adeemsisan ni himama.