Waraana Sooriyaa: Buufanni xayyaaraa Sooriyaa haleelamuu, miidiyaan biyyattii gabaase

A BBC map showing the locations of Homs and Damascus in Syria

Sooriyaatti buufanni xayyaaraa waraanaa misaayelaan haleelamuun, namoonni hedduun du'uu fi miidhamuu, miidiyaan biyyattii gabaase.

Wiixata barii misaa'elaa hedduun buufanni xayyaaraa Tiyaas, T4 jedhamuunis beekamu, haleelamuu miidiyaan biyyattii Saanaa gabaaseera.

Halellaan kun eenyuun akka raawwatame haga ammaa wanti barame hinjiru.

Haleellaan kunis erga haleellaan keemikaalaa magaalaa Duumaatti raawwatameera jedhameen booda kan dhufedha.

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Pireezidantii Siiriyaa Bashar al-Asaad ''bineensa' jechuun waamaniiru. Kana malees michoota isaa Iraaniifi Raashiyaas ''gatii guddaa baasu'' jechuunis akeekkachiisaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Haleellaa keemikaalaa kanaan booda Tiraampii fi gitni isaanii Faransaay Imaanu'el Maakroon ibsa waliinii baasaniin, ''haleellaa kanaaf deebii qindaa'e ni kennina'' jedhanii turan.

Haa tahu malee, angawoonni Ameerikaa haleellaa misaa'elaa kana haalaniiru.

''Wayita ammaa kana, Ministeerri Ittisa Biyyaa Sooriyaatti haleellaa taasisaa hinjiru,'' jedheera Peentaagoon ibsa baasen.