Qoccollaa saalaan kan himataman bulchaan Niiwu Yoork 'hojii gadhiisi' jedhaman

Andiruu Kuwoomoo miseensa gameessa paartii dimokiraat

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Andiruu Kuwoomoo miseensa gameessa paartii dimokiraat

Namni siyaasaa gameessi miseensa paartii Dimokiraat ta'an Andiruu Kuwoomoo yakka qoccollaa saalaan wayita himataman kun isa sadaffaadha. Yeroo sadaffaaf erga himatamanii booda hiriyootuma isaanii paartii isaanii keessa jiraniin akka hojii gadhiisan gaafatamaniiru.

Ogeessi suuraa tokko barruu 'New York Times' jedhamutti akka himetti, qondaalli siyaasaa beekamaan kun dubartii himatte kana iddoo cidhaa tokkotti fuulashee harkasaaniitiin tuttuquun dhungachuuf akka barbaadan gaafatanii turan.

Maanguddoon gannaa 63 Andiruu Kuwoomoo, haala naamusa hin qabneen nama tuqan akka hin qabne dubbatanii, yoo yaadi isaanii garmalee hiikamee xaxaa uumeera ta'eefis dhiifama gaafataniiru.

Qorannoon kan eegalame erga miseensonni duraanii mana hojii Aab Andiruu Kuwoomoo lama himata dhiyeessaniiti.

Himannaa alanaa kana booda miseensa kongiresii Niiwu Yoork kan taate Kathleen Rice namoota akka Aab Andiruu Kuwoomoo aangoo gadi dhiisan gaafatanitti dabalamte.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Miseensi mana maree magaalaa Niiwu Yoork Antooniyoo Raynoosoo yaada dubartii miseensa kongireesii kanaa deggeruun twitter irratti barreessan.

Himata amma nama siyaasaa gameessa kana irratti banameef bu'uura kan ta'e ogeessi suuraa Anna Ruch, namni kun bara 2019 cidha tokkorratti dubartii himatte kanarra harka kaawwachuuf wayita isaan jedhan isheenimmoo harkasaanii ofirraa darbatte jechuun ragaa dhiyeesse.

Isaan garuu aariidhaan ammas itti deebi'anii fuulashee qaqqabuun akka dhuungachuu fedhan itti himaa turan jedhan namni ija kaameeraatiin haala yeros ture qabate kun.I

Suuraan haala ture kana agarsiisu gaazexeedhaan maxxanfameera.

''Wayitan kana arge akka maleen rifadhe, haalli bitaa natti gale'' jedhe namni ganna 33 Ruch, wayita barruu New York Times waliin turtii taasise.

Abbaan Alangaa Walii Galaa New York Wiixata kaleessaa irraa eegalee himannaa qoccollaa saalaa nama kanarratti dhiyaate qorachuu eegaleera.

Bulchaan New York, gameessi miseensa paartii dimokiraat Andiruu Kuwoomoo hojii ittisaa fi to'annoo Covid-19 irratti hojjetaniin addunyaarratti beekamtii guddaa nama argataniidha.

Boodarra garuu lakkoofsa namoota sababa vaayirasii kanaan du'anii isa sirrii dhoksaniiru jedhamuun akkaan komatamaa turan, kanaanis qoratamaa jiru.