Doonaald Tiraamp: himannaa qoccollaa saalaa haaraa irratti dhihaate balaaleeffatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp himannaa bara 1997 magaalaa Niiw Yoork keessatti moodeela takkarratti qoccollaa saalaa raawwataniiru jedhu balaaleeffatan.
Emii Dooris gaazexaa UK Guardian jedhamutti akka himteetti Doonaald Tiraamp yeroo isheen mana fincaaniitii baatutti qaamashee akka tuttuqanii fi dirqiidhaan ishee dhungachuuf akka yaalaniiru jechuun himatte.
Taateen kunis yeroo dorgommiin teenisii US Open taasifamaa turetti akka ta’e himte.
Abuukaatoowwan Pirezidaant Tiraamp garuu himannaa kana filannoo dura “ yaalii aggaamii” isaanirratti taasifameedha jechuun hadheeffataniiru.
Dubartoonni baay’een Pirezidaant Tiraamp qoccollaa saalaa akka isaan irraan gahan ni dubbatu.
Pirezidantichi garuu himannaa isaan irratti dhiyaate hunda balaaleeffatu.
Aadde Dooris yeroos shamarree ganna 24 kan turan yoo ta’u, dorgommii teenisii san jaalalleesaanii waliin teessoo kutaa VIP kan Pirezidant Tiraamp keessa taa’anii akka daawwataa turan himaniiru.
Isaanis gara mana fincaanii erga deemanii booda Obbo Tiraamp alatti isaan eegaa akka turan dubbataniiru.
“Harkaan na qabatanii turan waan ta’eef jalaa bahuu hin dandeenye,'' jechuun himani.
Akka isaan gadhiisan Obbo Tiraamp gaafatanis didani jechuun dubbatu.
Aadde Dooris taatee kana ammatti dubbachuuf wanti isaan kakaase ijoollee isaanii lamaaniif fakkeenya ta’uuf akka ta’e himaniiru.
Taatee kana bara 2016’tti dubbachuuf yaadanii akka turan himuun; sodaa maatiisaaniif jecha dubbachuurraa akka of qusatan himaniiru.
Gorsituun seeraa duula filannoo Pirezidant Tiraamp Jeenaa Eliis CBS News’tti “himannaan kunneen guutumatti sobadha” jedhaniiru.
“Gaazexaa ‘The Guardian’ maxxansasaanii maqa balleessii ta’e kanaaf gama seeraatiin itti gaafatamummaa akka fudhatuuf waan dandeenyu hunda ni goona,” jedhan.
Himannaan qoccollaa saalaa Pirezidaant Tiraamp irratti yeroo dhihaatu kun kan jalqabaa miti.
Yeroo filannoo pirezidantummaa US bara 2016’tti himannaawwan heddu Doonaald Tiraamp irratti dhiyaatanii turan.
Hedduunsaanii erga viidiyoo Tiraamp namoonni beekamoo akka isaanii dubartootarratti “waan barbaadan raawwachuu” akka danda’an qoodame boodadha kan as bahanii qoccollaan saalaa nurratti raawwatameera jechuu kan jalqaban.
Dubartoota himannaa dhiheessaan keessaa takka Jeen E Kaarool turan, isaanis Doonaald Tiraamp dhuma bara 1995 yookiin jalqaba bara 1996 keessa supparmaarkeetii keessatti qoccollaa saalaan isaan irraan akka gahan kan dubbatan.
Isaanis Doonaald Tiraamp gara keenyaa isaan naannessee dirqiidhaan isaanitti akka of siiqse kan himan.
Doonaald Tiraampis himannaasaanii “guutumatti sobadha” jechuun deebii kennaniiru.














