UN hojjettoota konkolaataa keessatti quunnamtii raawwatan jedhe miindaa malee hojirraa dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hojjattoota isaa lama konkolaataa qabeenyaa dhaabbatichaa ta'an keessatti quunnamtii saalaa raawwataniiru jechuun erga viidiyoon bal'inaan qoodameen qeeqameen booda miindaa malee hojiirraa dhorkuu beeksiise.
Hojjattoonni mindaa malee hojiirraa kan dhorkaman hanga qorannoon xumuramuuttidha jedhameera.
Hojjettoonni kunneenis konkolaataa dhaabbatichaa keessatti kana kan raawwatan daandii biyya Israa'ee Teelaaviv keessatti ta'uu viidiyoon qoodamee ture agarsiisa.
Viidiyicha irrattis dubartiin wandaboo diimaa uffatteefi dhiirrii tokko konkolaataa keessatti wayita gochicha raawwatan mu'atee ture.
Viidiyoon sakandiiwwan muraasaaf gochicha agarsiise kunis midiyaalee hawaasummaa irratti qoodamusaatiin dhaabbatichii hojjattoota qorachuu eegalee ture.
Dubbi himaan barreessaa Mummee dhaabbatichaa Istefaan Dujaariik gochichaan ''akka nahaniifi baayyee akka itti dhagahame'' dubbataniiru.
Hojjattoonni kunneenis miseensota garee nagaa kabachiiftoota waraana dhaabbatichaa biyya Israa'eel keessatti bu'uureeffatedha jedhameera.
Dubbii himaan dhaabbatichaa BBC'tti akka himaniitti, hojjattoota idil-addunyaa ilaalchisee amala agarsiisu qabaataniifi gocha ittiin himataman irratti, ''hojiirraa dhorkuun sirriidha jedheera,'' jedheera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaani kunis waa'ee dhimma kana ilaalchisee seera cimaa qaba. Addabbii hojjattoota seera kana cabsaniif akkasumas garee nagaa kabachiistoota dhaabbatichaa keessaas dhorkamu ni danda'u jedhameera.
Haa ta'u malee, tarkaanfii addabbiis kan fudhachuun ykn dhiisuun gahee kan garee nageenya kabachiisaati.
Garee nagaa kabachiisaa motummoota gamtoomaniis ta'ee hojjattoonni kaanis gocha quunnamtii saalaatiin haala olaanaadhaan yakkamaa jiru. Haalli kunis waggoota dhihoo keessa ammoo akka dabalaa jiruu himama.
Bara 2019 akka ragaan jedhutti xuxxuqqaan saalaa hojjettoota UN 75 irratti dhaqqabeera.
Gochawwan kanneen keessaas 16 kan ta'an ragaaleen kan irratti argame yoo ta'u, 15 isaanii ammoo qorannoo irratti kan argamaniidha.
Barreessaan Olaanaa UN Antoniiyoo Gutereez gochaaa akkanaaf obsa akka hin qabaanne ibsuun isaanii ni yaadatama.













