UN viidiyoo saal-qunnamtii Israa'eelitti konkolaataa keessa waraabame qorachaan jira jedhe

Waajjira UN

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii viidiyoo konkolaataa aasxaa UN of irraa qabu keessatti taatee saal-qunnamtii Israa'eel keessatti raawwatameen "haalaan gaddeera" jedhe.

Viidiyichirratti dubartiin qoloo/qamisii diimaa uffattee teessuma duuba konkolaataa tokko keessatti dhiira tokko waliin yoo saal-qunnamtii raawwatan mul'isa.

Viidiyoon marsaalee hawaasummaarratti namoonni waliif qoodan daandii magaalaa Teel Aviiv irratti kan waraabameedha.

UN taaticha qorataa akka jiruu fi namoota viidiyicharratti mul'atan eenyummaasaanii adda baasuuf hojjataa jiraachuusaa ibseera.

Namoonni viidiyicharratti mul'atan hojjattoota UN damee nageenya eegsisan Israa'eel keessatti hojjatan akka ta'an ni amanama.

Dubbi himaan UN damee nageenya eegsisuu kan ta'an Stéphane Dujarric taateen kun "fudhatama hin qabu" jedhaniiru. Viidiyichis sekoondii 18 dheerata.

Taatee raawwatames qorataa akka jiran BBC'tti himaniiru.

UN taateewwan saal-qunnamtii hojjattootasaatiin raawwataman irratti seera jabaa qaba.

Hojjattoonni taatee akkasii raawwatanii argaman gara biyyasaaniitti deebifamu yookiin hojii nagaa eegsisuurraa ni dhoorkamu.

Waggoota dhihoo as UN hojjattoonni amala gaarii hin taanee agarsiisuun himatamaa dhufaniiru.

Barreessaan UN Antooniyoo Gutarees taateewwan akkasiif "obsa hin qabnu" jedhaniiru.

Dubbi himaan waa'ee viidiyichaa maal jedhan?

"Baay'ee rifadhe. Wanti viidiyoorratti arge baay'ee na aarseera," jedhan Obbo Dujarric.

Isaanis dhimmicharratti qorannoon taasifamaa jira jedhaniiru.

Obbo Dujarric akka jedhanitti bakkii fi maaltu akka raawwatame beekameera, eenyummaan namootaas "beekuuf xiqqootu nu hafe" jedhaniiru.

"Taateen raawwatame saffisaan akka qoratamuu fi tarkaanfii akka fudhatamu abdii qabna."

Konkolaataa UN

Madda suuraa, Getty Images

Asiin dura hojjattoota UN taateen akkasii mudatee turee?

Heetar Baar 'Human Rights Watch' damee mirgoota dubartootaarraa viidiyichaa akka isaanii "hin dinqine" ibsaniiru.

Aaddee Heetar "dhimmicha qorachaa jiraachuunsaanii waan gaariidha" jedhan. Ta'us garuu UN "rakkoo viidiyoo kanaa olii qaba" jedhaniiru. Aadde Heetar Burundii fi Afgaanistaan keessatti hojjatu turan.

Bara 2019 taateewwan saal-qunnamtii waliin wal qabatee hojjattoota UN irratti himannaan 175 dhiyaateera. Isaan keessaa 16 mirkanaa'aniiru, 15 hin mirkanoofnee akkasumas isaan hafan ammas qorannoon irratti taasifamaa jira.