Kantiibaan magaalaa Si'ol tibbana of ajjeesan yakka miidhaa saalaa waggoota afuriin himataman

Park Won-soon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaa Kibbaa keessatti sirni awwaalchaa guyyoota shaniif tura kan barame miti

Barreessituun kantiibaa duraanii magaalaa Si'ol kan torban darbe ofiin of ajjeesee, waggoota afuriif miidhaa saalaa narratti raawwachaa ture jechuun nama du'e kana himatte.

Kantiibaan duraanii magaalaa Si'ol kun maqaan isaa Paark Won-soon jedhama. Kooriyaa kibbaa keessatti gaggeessitoota hunda caalaa dhiibbaa guddaa nama uumuu danda'an waan ta'eef akka kaadhimamaa pirezedaantii tokkoottis ilaalama ture.

Reeffi kantiibichaa Jimaata darbe ture kan bosona keessatti argame. Reeffa isaa waliin ammoo yaadannoo inni maatii isaatiif barreesse kan argame yoo ta'u sirni awwaalcha isaa Wixata har'aa jalqaba jedhameera.

Du'aatiin kantiibichaa himannaa gocha saalaa inni irratti raawwataa ture barreessituun isaa kun poolisiif dhiyeessiteen guyyaa tokkoon booda dhaga'ame.

Sirni gaddaa Paarkiif malu guyyoota shaniif mootummaatiin gaggeeffama jedhame mormuun namoonni 500,000 mallatteessaniiru.

Namoota Wixata gaddarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Wixata gaddarra jiran

Dubartiin miidhaan saalaa narra gahe jettu kun maal himatti?

Ibsa Wixata miidiyaadhaaf kennaniin, abukaatoowwan dubartii miidhame jettu kanaa akka jedhanitti kantiibichi waggoota afuruuf miidhaa saalaa isheerraan gahaa tureera.

Dubartiin akka miidhaan saalaa irra gahe himattu kun suuraawwan gariin qaaman qul'aa (paantii uffate qoa) itti ergaa turuu dubbatti. Kutaa siree waajira isaa keessaa qabuttis ishee waamuudhaan akka isheen isa hammattuuf gaafachaa tureera jedhan.

Galma Magaalaa Si'ol irraa gargaarsaaf gaafattullee namni ishee dhaga'e akka hin turre dubbatti dubartiin kun. Kutaa keessa hojjettu jijjiirrattulleen miidhaan isheerra gahu kun irraa akka dhaabbachuu hin dandeenye himti.

"Kana jalqabarratti gabaasuun anarra ture," jechuun isbisteetti dubartiin kun xalayaa ibsa miidiyaaleef kennameerratti dubbifameen. "Osoon jalqaba kana godheera ta'e amma sammuukoo of hin ceepha'un ture."

Erga himannaa ishee poolisiitti galfatteen booda, "halkan guutuu gaafatamaa buluu" dubbatti. Du'a gaggeessa ishee duraanii yeroo dhageessus hedduu akka rifatte dubbatti.

"Waa'een du'aa yeroon haala hamaa keessa jirullee taanaan kan ani dubbachuu hin dandeenyedha. Waan baayyee nama gaddisiisuufi ani ammallee amanuu hin dandeenyedha.

"Biiyyeen itti haa salphattun jedha."

Abbaan amantaa warra Budistii yeroo sirna yaadannoo Paark Won-soon irratti argaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan amantaa warra Budistii yeroo sirna yaadannoo Paark Won-soon irratti argaman

Paark Won-soon maaltu mudate?

Barbaacha yeroo dheeraan booda, reeffi Paark Jimaata darbe ture kan bosona magaalaa Si'ol keessatti argamu keessatti argame.

Yaadannoo maatii isaatiif barreessee kaa'ee kan du'e yoo ta'u, boodarra ergaa inni barreesse sun erga du'uun isaa dhaga'amee ummataaf gadhiifameera.

Namoonni sirna awaalcha isaa mormuun mallatteessan maal jedha?

Mormiin marsariitii Pirezedaantummaa Kooriyaa Kibbaa irratti namoonni dhiyeessan kun namoota 560,000 ol ta'aniin mallattaa'eera.

"Ummanni sirna awwaalaachaa akkasitti nama siyaasaa beekamaa himannaan miidhaa saalaa inni raawwata akka of ajjeesu isa taasisee daawwachuu qabaa," jechuun gaafata duulli baname kun.

"Kun ummataaf ergaa akkamii dabarsaa? Sirna awwaalchaa maatii qofa ta'uu qaba." Dilbata manni murtii Si'ol keessatti argamu sirna awwaalachaa bal'aa ta'uun hin malu himannaa jedhu kuffiiseera.

Filannoo 2011 f Paark deggartoota duratti yeroo mul'atu

Madda suuraa, AFP / Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Filannoo 2011 f Paark deggartoota duratti yeroo mul'atu

Gadda Paark irratti namoonni 20,000 argamaniiru. Roobni cimaan jiraatulleen namoonni hedduun Wixata du'a ga'ii kanarraa hin hafne.

Paark Won-soon eenyu ture?

Namni umruiin isaa ganna 64 ta'e kun bara 2011 ture kan kantiibaa magaalaa Si'ol ta'e. Isaan boodas filannoo yeroo lamaaf mo'ateera.

Miseensa Paartii DImokiraatawaa Pirezedaant Muun kan ta'eefi filannoo pirezedaantummaa 2022 gaggeeffamuuf jiru irrattillee kaadhimamaa cimaa ta'a jedhamee nama eegamu ture.