Masrii: Biyya dubartoonni qoccollaa saalaa irra gahu ifatti mormuu eegalan

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota hedduuf dubartoota Masrii irratti qocccollaan saalaa ni raawwata. Miidhamtoonni kunneenis ammatti haala kanaan dura hin baratamneen of irraa qolachuuf falamataa jiru jechuun Salmaa El-Wardaanii barreessiteetti.
Dubartoonni Masrii ani beeku kamuu qoccollaan saalaa yookiin gudeeddiin irra gaheera.
Dubartoonni biyyattii keessa jiran uffannaan isaan uffatan faashinaaf osoo hin taane of eeggannoof ta’eera.
Waggoota hedduuf dubartoonni qoccollaan saalaa irra gahus sababa aadaa, amantii fi bartee hawaasa keessa jiruuf jecha miidhaa irra gahe hin dubbatan.
Ammatti garuu dubartoonnii fi shamarran Masrii callisuu dhabuun dubartoota biroof hamilee ta’uu fi haqa barbaacha qoccollaa saalaa isaanirra gahe miidiyaalee hawaasummaarratti qoodaa jiru.
Yeroo wantoonni itti jijjiiraman
Ji’a Adoolessa keessa gama miidiyaa hawaasummaan gocha barataa Ahimad Basaam Zaakii raawwate qooduun jalqabame.
Poolisiinis himannaa Ahimad Zaakiirratti dhihaate – maqa balleessii, miidhaa qaamaa geessisuu, qoccoluu akkasumas gudeeddii irratti ragaa walitti qabe.
Garaagarummaa guyyootaatiin to’annaa jala oolfame. Innis himannaa “shamarran ganna 18 gad sadii qoccoluun, dorsisuun akkasumas shamarree afraffaa maqaa balleessuun” himatame.
Innis himannaarratti dhiyaate hunda hin raawwanne jedhe.
Fuulli marsaa hawaasaa dubartoonni waan isaan qunname irratti qoodan ammatti hordoftoota 200,000 qaba.
Rogeettii Sabaa Koodir erga qoccollaan saalaa irra gahe booda biyyashee dhiiftee waggaa darbe gara US deemte.
Sabaan dubartoonni abukaatoo fi ogeeyyii waliin akka wal qunnaman gargaartiin, ammatti hojiin gaariin hojjatte bu’aa buuseeraafi.
Jalqaba waggaa kanaatti abbaan taayitaa amantii inni ol’aanaan ardii kanaa Masjiida Al-Azhaar jedhamu uffannaan dubartootaa miidhaa qaamaaf sababa miti jechuun baaseera. Kunis, dubartootaaf akka deeggarsaatti ilaalame.
“Salataa Jumaa (guyyaa Jimaataa) dura Masjiidonni hundi qoccollaa saalaa akka hin deeggarre akka dubbataniif gaafatamanii turan,” jetti Sabaan.

Madda suuraa, Sabah Khodir
Kanneen dhageettii qaban, namoonni beekamoonii fi isaan kaan sababasaa deeggaruuf as bahan. Boodarratti jarreen dhiiraas marii kanatti makamaniiru.
Balaa guddaa
Hojiileen kunneen hundi hojjatamanis ammallee yaaddoon ni jira.
Falmattoonni mirgoota dubartootaa biyyattii keessa jiran waggoota hedduuf yakkoota dubartootarratti raawwatamaniif falmaa turanis hagas mara hin milkoofne.
Himannaan gudeeddii fi qoccollaa saalaa muraasa qofa irratti kan murteen dabarfame.
Qoccollaan saalaa bara 2014’tti ture kan yakka ta’ee tumame – galanni falmattoota mirgoota dubartootaa akka Moozni Hasan fa’aaf haa ta’uuti.
Falmattuun mirga dubartootaa dhalootaan Masrii taateefi lammummaa Ameerikaa qabdu Moonaa Eltaahawyi “mirga dubartootaaf falmachuun amma eegalaa jira” jetti.
Ta’us garuu qondaaltonni sagalee dubartootaa hidhaadhaan ukkamsuuf yaalaa jiraachuusaaniif ragaan jira jetti.
Rootnaa Beegam, Hiiyumaan Raayitis Waach keessatti qorattuudha. Isheenis mootummaan gama dubartootaa gorus hawaasaa fi gama oonlaayiniin dubartoonni rakkoolee adda addaaf saaxilamu jetti.
“Qondaaltonni kannen TikTok irratti dhageettii qabaniifi maxxansan hidhuutti ce’an… isaanis nama miira hin taane keessa galchitan jechuun to’annaa jala oolchaniini.”
Akka Rootnaan jettutti mootummaan “dubartoota gudeeddii yookiin yeroo gudeeddiin raawwatamu arge jedhanii gabaasuuf ta’an hidhaaf saaxilamtu ergaa jedhu darbarsaa jira” jetti.
Dubartoota Masrii kan sochiinsaanii of eeggannoodhaan ta’e, balaa guddaa keessa jiru.
Bakka seerri biyyattii guutumatti isaan hin eegnetti qaaniin maatii isaaniirraa isaanirra gahu kan “ajjeechaa kabajaa” jedhamu ammallee jira.
Haa ta'u malee dubartoonni Masrii yeroo kamuu caalaa ammatti sagaleesaanii dhageessisaa jiru.













