Lola Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa 'Ameerikaan dhimma keessoo kootti galuu hinqabdu' jedhe

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ameerikaan dhimma koo keessootti gidduu galuu hinqabdu jechuun deebii kenne.

Ministeerichi ibsa baaseen ''Ameerikaan dhimma keessoo Itoophiyaarratti ibsa baasuunshee, keessattuu bobba'insi humnoota naannoo Amaaraa ka'uun isaa wanta gaddisisaadha,'' jedhe.

MInisteerichi kan kan jedheef, guyyaa Dilbataa Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa ibsa baaserratti - humnootni Ertiraa fi naannoo Amaaraa naannoo Tigraay keessaa bahuu qabu ergaa jedhu erga dabarseen boodadha.

''Akka biyya walabaa tokkootti, kun ittigaafatamummaa mootummaa Itoophiyaa qofadha. Itoophiyaan daangaa ishee keessatti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf, caasaa nageenyaa barbaachisaa tahe kamuu bobbaaasuuf itiigaafatamummaa qabdi.''

Ibsi ministeerichi Dilbata baaseen waa'ee loltoota Ertiraa wanti jedhe jiraachuu baatus, amma dura garuu mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa, lola Tigraay keessatti Ertiraan hirmaannaa hinqabdu jedhaniiru.

Ibsi Waajira Ministira Dhimma Alaa US Antonii Bilinken irraa bahe waan jedhu ''Loltoonni Eertiraafi humnoonni naannoo Amaaraa naannichaa bahuun tarkaanfii murteessaa jalqabaati.''

''Humnoonni lolicha keessatti hirmaatan tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa of qusachuun naannichatti deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu eeyyamuu qabu,'' jechuun gaafata.

Kanaafis mootummaan Itoophiyaa deebii kenneen, lammilee sababa lola kanaatiin deeggarsi isaan barbaachisuuf, dhaabbilee idiladdunyaa wajjin tahuun deeggarsa godhaa akka jiru ibse. Kanaanis haga ammaatti namoota miiliyoona sadi bira qaqqabuus hime.

Dabalataanis mootummaan ofiisaatiin %70 qarqaarsa kan gochaa jiru tahuufi kan hafe %30 ammoo dhaabbilee qarqaarsaa idil addunyaafi miti-mootummaan deeggaraa jiru jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken ibsa guyyaa Sambataan, rakkoo naannoo Tigiraayitti uumame dhaabuun barbaachisaa akka ta'e, gargaarsi namoomaa dhiyaachuu akka qabu, akkasumas miidhaawwaniifi yakkoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwataman jedhaman kan qoratu gareen idil-addunyaa walaba ta'e akka seenu hayyamuu ilaalchisuun; mootummaa Itoophiyaa waliin irra deddeebiin dubbachuu isaanii ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas gama isaatiin, haalli nageenyaa naannoo Tigraay keessaa fooyya'aa dhufuusaatiin, dhaabbileen qarqaarsaa danqaa tokko malee naannichatti akka galan heeyyamuu hime.

Akka fakkeenyaattis, Daarektarri olaanaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa (WFP) Deevid Biislii, Tigraayitti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya'uufi cimee itti fufuu akka qabu himuusaanii ibsichi ni kaasa.

Dabalataanis ibisichi sarbama mirgoota namoomaa uumamaniiru jedhaman ilaalchisee, mootummaan ittigaafatamummaa nageenya lammilee eegsisuu akka qabu eeruun, qorannoo barbaachisu taasisuun kanneen balleessan seeratti dhiyeessuuf ni hojjeta jedheera.

Kanumaan walqabatees, mootummaan ogeeyyii mirgoota namoomaa idiladdunyaa irraa qarqaarsa akka simatu ibsuu bira dabree, qaamolee kanneen wajjin qorannoo waloo gaggeessuuf fedhii akka qabu hima, ibsi ministeera dhimma alaa.

Kana malees gaaffileen hawaasa idiladdunyaa ijoon lama kan jedhu ibsi mootummaa Itoophiyaa kun: qarqaarsa namoomaa danqaa tokko maleefi sarbamni mirgoota namoomaa mudataniiru jedhaman qaama walabaan akka qorataman kan jedhudha.

Gaaffileen lamaan kuniin Aabba Antonii Bilinkaniin akka ka'an kan himu ibsi ministeeerichaa, mootummaan gaaffilee lamaan kanaaf deebii barbaachisu kennuuf murannoo qabu agarsiiseera jedha.

Waajirri Ministeera Hajaa Alaa Ameerikaa ibsa naannoo Tigraay irratti baase kun, Aminastii Intarnaashinaal magaalaa Aksumitti loltoonni Ertiraa namoota nagaa hedduu lubbuu baasan jechuun gabaasa hojjeteen boodadha.