Pirezidant Baayidan dhimma Itoophiyaa irratti Pirezidanti Keeniyaa waliin mari'atan

Pirezidantiin Ameerikaa haaraa Joo Baayidan waan Naannoo Tigraay keessatti mudate irratti Pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa waliin mari'achuu isaanii Waayit Haawus beeksise.

Marii hoggantoonni lamaan taasisaniin ''rakkoo deeggarsa namoomaa hammaateefi mirga namoomaa cabe'' irratti mari'achuu waajjirri isaanii ibsa gaafa Kamisaa baasen beeksiseera.

Hoggantoonni lamaan ''lubbuun nama dabalataa biroo akka hin banneef ittisuufi deeggarsa namoomaa geessuun barbaachisuusaarratti'' mari'ataniiru jedheera ibsa mootummaan US baaseen.

Marii hoggantoonni lamaan taasisaniin Itoophiyaan alatti walitti dhufeenya Keeniyaafi Ameerikaa cimsuun akka barbaachisu dubbachuun isaanii ibsame.

Nagaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu irratti Ameerikaan Keeniyaa waliin hojjechuuf fedhii qabdi jedhan Baayidan.

Pirezidant Baayidan carraaqqii Keeniyaan hoggantummaa Gaanfa Afrikaa, guddina diinagdee, sochii farra - shororkeessummaafi jijjiirama haala qilleensaa irratti carraaqqii taasisaa jirtu jedhan dinqisifataniiru.

Haala walfakkaatun Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastin Tiruudoo MM Abiy Ahimad waliin marii gaggeessuu isaanii waajjirri ministira muummee Kaanaadaa beeksiseera.

MM Abiy AHimad fuula tiwiitaraa isaanii irratti akka ibsanitti mariin isaanii dhimma nageenyaa biyyaafi naannawa biyyoota Itoophiyaa ilaallata.

Hoggantoonni lamaan weerara Covid-19 to'achuuf carraaqqii biyyoota lamaan taasifamaa jiruufi kutaalee hawaasaa weerarichaan miidhaman deeggaruuf waan taasifamuu qabuurratti mari'achuun isaanii ibsameera.

Hoggantoonni lamaan talaallii Covid-19 waliin gahuuf wal-ta'uumsa idil addunyaa akka barbaachisan mari'atuun isaaniis ibsameera.

Waajjirri MM Kaanaadaa gaafa Kamisaa ibsa baasen waa'ee naannoo Tigraay raawwaterrattis mari'ataniiru.

Hoggantoonni lamaan dhiheessi deeggarsa namoomaafi mirgi namoomaa kabajuun barbaachisaa akka ta'e mari'ataniiru.

MM Tiruudoo carraaqqii deeggarsa namoomaa gahuuf taasifamuufi gaazexeessitoonni bakkichatti akka adeeman eeyyamuun jajjabeessaadha kan jedhan yoo ta'u Kaanaadaan Itoophiyaatti nagaafi dimookiraasiin hunda hirmaachise akka jiraatu deeggarsa taasisti jedhan.