Lola Tigraay: Loltoonni Ertiraa Aksumitti lammiilee nagaa 200 ol ajjeesuu Aminastii Intarnaashinaal ibse

Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti loltoonni Ertiraa baatii Sadaasa keessa guyyoota lama keessatti namoota dhibbootaan lakkaa'aman ajjeesuusaanii gabaasni Aminastii Internaashinaal mul'ise.

Ajjeechaan jumlaa A L I Sadaasa 19 fi 20, 2013 raawwatame kun yakka namoomarratti raawwatame ta'uu akka danda'u gabaasichi ibseera.

Namni ijaan arge tokko ajjeechaa magaalicha keessatti raawwateen reeffi osoo hin kaafamiin guyyootaaf daandiirra turuufi waraabessaan nyaatamuu himeera jedha gabaasichi.

Itoophiyaafi Ertiraan Tigiraay keessa loltoonni Ertiraa galuusaanii ifatti waakkataniiru.

Gabaasa kana hordofee Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee G/Masqal, Ertiraan himannaa sobaa kanaan aartetti jedhan.

Fuula Twitter isaan gubbaa akkas jedhanii kataban: ''Ertiraan gabaasa dharaa Aminastiin irratti baase kanaan guddoo aarteetti. Gabaasichas guutummaan guututti hin fudhattu,'' jedhan.

Dabaluunis ''Gabaasichis kan irratti hundaa'e namoota 31 kaampii baqattootaa Hamdaayet Sudaan keessa jiranirratti,'' jechuun namoonni kunis ''milishoota TPLF ajjeechaa Maayikaadiraatti mudate keessaa kanneen harka qabanidha,'' jedhan.

Humnoonni TPLF Raayyaa Ittisa Biyyaa mootummaa Federaalaa Iizii kaabaarratti raawwachuusaanii hordofee A L I Onkoloolessa 24, 2013 ture lolli kan jalqabame.

Ministirri Mummee duula kanaan namni nagaa akka hin ajjeefamne paarlaamaaf ibsanillee, namoonni hidhannoo hin qabnee caalaan isaanii dhiirota ta'an daandiirratti ykn manaa gara manaatti barbaadamanii loltoota Ertiraatiin ajjeefaman awwaaluu namoonni ijaan argan ibsaniiru.

Gabsaani Aministii Internaashinaal kun suuraawwan saatelaayitii qulqullina ol-aanaa qaban bataskaanawwan magaalaa Aksuum keessatti bakkeewwan awwaalaa qofforaman agarsiisan dabalata.

Toorawwan komunikeeshinii adda cituufi Tigiraay seenuun waan hin danda'amneef yeroo walitti bu'insa sana wantota raawwataman odeeffannoo argachuun rakkisaa ta'ee tureera jedha ibsi dhaabbatichaa.

Tajaajilli ibsaafi bilbilaa Aksum ture walitti bu'insi eegalee guyyuma jalqabaa adda cite ture.

Gabaasa kana waliin walqabatee...

Gabaasa Aminastii Internaashinaal kana ilaalchisuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka jedhetti, kan dhumate ta'uu baatus taatee kanarratti qorannoo gaggeessaa akka jiru eere.

Qorannoo jalqaba taasiseeen haleellaa jiraattonniifi hidhattoonni TPLF muraasni raawwatan hordofuun tarkaanfii haaloo ba'uu loltoonni Ertiraa fudhataniin namoonni nagaa lakkoofsi isaanii hin beekamne magaalattii keessatti ajjeefamaniiru jedhe.

Haleellaan kun lotoota Ertiraatiin kan raawwatame erga loltoonni TPLF naannoo sana gadi dhiisanii ba'aniin booda ta'uusaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Komishinichi, dabalataanis haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddoon Tigiraay bakka gara garaatti raawwatameera jedhame ilaalchisees qorannoo gaggeessaa jiraachuu himeera.

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Aminastii kanarratti amma yoonatti deebii hin kennine, garuu yakkoota naannoo Tigiraayitti raawwataman qorachuun eegalamu ibseera.

Aminastii Internaashinaal bu'aa qorannoo kanaa De'eetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi Dubbi Himaa Garee Labsii Yeroo Muddamaa dhimmi kana hordofuu kan ta'an Ambaasaaddar Rediwaan Huseeniif akka dhiyeesseefi dhimmicharratti deebii akka hin argatiin gabaasicharratti eeree jira.

BBCnis gamasaatiin gabaasa Aministii Internaashinaal kana erga ilaaleen booda mootummaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf jecha Pirees Sakireetaarii Waajira Ministeera Muummee karaa iimeeliitiin gaaffii dhiyeessullee yeroodhaaf hin milkoofne.

Kun osoo kanaan jiruu, Roobii darbe walga'ii 46ffaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti haasaa kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaafi Ministirri Muummee Itti-aanaa Obbo Dammaqaa Mokonnon, biyyisaanii sarbamiinsa mirgoota namoomaa jiru jedhaman adda baafachuuf hojii barbaachisan ta'e akka hojjettu ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan dubbii dubbataniin, haleellaa dhimma saalaan walqabatu dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa dubbii mootummaan isaanii xiyyeeffannoo addaa itti kennan akka ta'e eeruun, "Kana ilaalchisee qorannoo barbaachisu taasisuun warreen gochawwan jedhaman raawwatan akka itti gaafataman gochuudhaaf murannoon hojjenna," jedhan.

Aksum akkamiin qabamte?

"Lixa Aksum irraan loltoota Itoophiyaafi Eertiraan haleellaan kan jalqabe A L I Sadaasa 10/2013 akka tahe jiraattotni ni himu.

Haleellaan kun osoo adda hin citiin sa'a shaniif gaggeeffameera. Yeroo sana mannen amantaa, kaaffeewwan, hoteelotaafi mana jireenyaa isaanii keessa namootni turan ajjeefamaniiru.

Magaalicha keessaa qaamni hidhatee haleellichaaf deebii kenne hin jiru. Haleellichi namoota nagaa irratti kan xiyyeeffatedha,'' jechuun hojjetaan mootummaa magaalicha jiraatu tokko BBCtti himeera.

Kana waliin kan wal fakkaataniifi haleellaa meeshaa waranaa gurguddaan namoota nagaa irratti raawwate Aminestii Internaashinaal raga namoota baay'ee walitti qabeera jedha.

Magaalittii to'annoo isaanii jala erga oolchaniis loltootni kan Eertiraa akka tahan himamu loltoota TPLF yookaan '' meeshaa kan hidhate'' nama kamiyyuu barbaadaa turaniiru jedha gabaasni Aminestii Internaashinaal.

''Mana mana irra deemuun ajjeechaa baay'een raawwateera,'' jechuun dubartiin tokko dhaabbata mirga namoomaa kanatti himteetti.

Loltootni Itoophiyaafi Eertiraa, ''Aksum to'achuuf haleellaa raawwataniin yakki waraanaa baay'een raawwachuu,'' isaanii kan agarsiisu jira jedhan qondaalli Deepiroos Muchenaa.

Sababni ajjeechaa kanaa maali?

Namootni ijaan argan baay'een akka jedhanitti loltootni baay'een Itoophiyaa Aksum keessa turan. Loltootni Eertiraa ammoo gara magaalaa Aduwaa deemanii ture.

Namni ijaan arge tokko BBCtti akka himetti, loltootni Itoophiyaa baankii yeroo saaman argeera.

Aminestii Internaashinaal akka jedhetti loltootni Eertiraa torban booda deebi'anii yeroo dhufan hidhannoo guutuu kan hin qabne loltootni TPLF haleellaa raawwataniin lolli jalqabeera.

Hidhattoonni TPLF 50-80 tahan Aksum keessa turan, loltoota Eertiraa gaara naannoo magaalichaatti dhiyoo jiru irra qubatan irratti haleella banan.

Haleellicha irratti kan hirmaate dargaggoon ganna 26 Aminestii Internaashinaalitti akka himetti, "magaala keenya keesumaa loltoota Eertiraa irraa ittisuu barbaannee ture. Isaan akkamitti akka dhukaafamu beeku. Raadiyoo wal qunnamtiis qabu. Ani meeshaa waraanaa hin qabu. Ulee qofan qabadhee ture,'' jedhe.

Lolichi sa'a meeqaaf akka ture addatti beekamuu baatus guyyaa sana waaree booda konkolaattonni fe'umsaa Eertiraafi taankiiwwan gara magaalaa Aksum galuu isaanii Aminestiin himeera.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Eertiraa namuma argatan haleeluu jalqaban; namoota nagaa hin hidhanneefi dhiira karaa irra deemu argannaan hanga halkaniitti rasaasaan haleelaa turan.

Dargaggoon umuriin isaa wagga 20 keessa jiru tokko ajjeechaa daandii magaalittii irratti raawwate Aminestii Internaashinaalitti yoo himu, '' Gamoo tokko irra darbii lammaffaa irra taa'een karaa foddaa yeroo loltooni Eertiraa dargaggoota ajjeessan argeera,'' jedhe.

Loltootni sun kan Eertiraa ta'uun isaanii kan adda bahe uffata uffataniin yookaan lakkoofsa gabatee konkolaataa isaaniin qofa miti. Yeroo manaa manarra deeman afaan Arabiffaa fi loqoda Tigiriffaa dubbatan dabalateeti.

''Ajjechichi tarkaanfii ijaa bauudha'' jechun dargaggoon tokko BBCtti himeera.

''Nama argatan hundaa ajjeesaniiru. Manni banamee dhiira yoo argatan ni ajjeesu. Balballi yoo hin banamneef ammoo balbala irra dhaabbatanii dhukaasu.''

Mana shuubisaa halkanii tokko keessa dhokatanii yeroo turan loltoonni Ertiraa nama tokko ajjeesuu isanii akka arge kan dubbatu namni kun, "nama nagaadha, hojjetaa baankiiti jedhee isaan kadhataa ture," jedhe.

Namni biraan ammoo Sadaasa 20 naannoo hoteela Abinnetitti namoonni jaha bakka tokkotti yeroo ajjeefaman arguu isaa Aminestii Internaashinaalitti hime.

''Sarara tokkoon akka dhaabbatan gochuun karaa duuba isaanii ture kan itti dhukaasan. Namoota lama beeka. Namoota naannoo keenya jiraataa turanidha. Meeshaan keessan eessa jira yeroo jedhaniin 'nuyi namoota nagaadha meeshaa hin qabnu' jechuun deebisaafii turan jedhe.''

Namoota meeqatu ajjeefame?

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Ertiraa reeffa lafatti kufetti namni akka hin dhihaanne dhorkanii turan, kanneen itti dhihaatanittis dhukaasuun ture.

Firri dhihoo umriin isaanii 29 fi 14 ta'an jalaa kan ajjeefaman dubartiin tokko, "daandiin reeffaan guutamee ture,'' jechuun dubbatteetti.

Aminastiin akka jedhetti, jaarsoliin biyyaafi loltoonni Itoophiyaa gidduu erga seenanii booda kanneen ajjeefaman guyyootaaf awwaaluun eegale. Jiraattonni hanga reeffa 10 erga takkaa fuudhaa gaarii fardaafi harreen harkifamaniin awwaalcha kan raawwatan Sadaasa bultii 21 ture.

Hojjetaan mootummaa ijaan argan BBC'tti akka dubbatanitti reeffi Hoteela Abinnat jedhamu turan hanga guyyoota afurii osoo hin kaafamiin turaniiru.

''Hoteela Abinnatiifi naannoo siinimaa Siyaatil biratti reeffi kukkufan waraabessaan nyaatamee lafee qofatu argame. Lafee awwaalle. Aksum keessa namoonni 800 ta'an ajjeefamaniiru jedhee dubbachuu nan danda'a,'' jedhan.

Ragaa akkanaa miidiyaa Asooshiyeetid Pireesitti kan dubbate Daaqoniin tokko reeffi baay'ee waraabessaan nyaatamuu dubbateera.

Daaqonichi waraqaan eenyummaa kanneen du'anii kan tortoreefi jumlaatin yeroo awwaalamuus akka gargaare dubbata. Guyyaa haleellaan raawwate namoonni 800 ajjeefamaniiru jedhee akka amanu ibseera.

Aminastii Intarnaashinaal kan dubbiseefi namoonni haleellaa gaafasiirraa hafan 41 akka ibsanitti, maqaa namoota ajjeefaman jedhan 200 ol himaniiru.

Awwaalcha booda maaltu ta'e?

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti, ajjeechaa booda namoonni hedduu magaalicha gadhiisanii waan deemaniif loltoonni Ertiraa saamicha raawwataniiru.

Yunivarsiitii, manneen dhuunfaa, hospitaalota, magaazina midhaanii, gaaraajii, baankiiwwan, buufataalee gabaa, manneen daabboofi suuqiiwwan saamichaaf saaxilamaniiru jedhameera gabaasni Aministii Internaashinaal.

Namni manni obboleessa isaa jalaa saamame tokko loltoonni Itoophiyaa saamicha loltoota Ertiraan raawwata jedhame akkamiin dhaabuu akka hindandeenye Aminastii Intarnaashinaalitti dubbateera.

''Televizhinii, konkolaataa, firiijii, firaasha jaha, shaqaxaafi zayitii, daakuu xaafii, uffatoota, biiraa firiijii keessa ture, laaptoppiillee,'' fudhataniiru jedhe.

Jiraataan magaalichaa tokko BBCtti akka dubbatetti konkolaattoonni 15 qabeenya daldaltoota magaalattii ta'an akka fuudhaman nan beeka jedhe.

Kunis, namoonni magaalaa Aksum gadhiisuun deeman lubbuun jiraachuf dhiheessii nyaataafi qorichaa waan dhabaniif rakkoof isaan saaxila jedheera Aminastiin.

Saamichi paampii bishaan harkisuurratti raawwate jiraattonni bishaan lagaa dhugaatiif akka fayyadaman dirquu kanneen ijaan argan himaniiru.

Magaalaa Aksuum

Magaalaan Aksum Taabota duriin ala Taabotiin Abboommiiwwan Kurnan irratti barreeffaman bataskaana magaalaatti keessa jiru Aksuum Tsiyoonitti argama jedhamee amanama.

Kanaanis, hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Itoophiyaafi addunyaa guutuurraa walitti dhufan guyyaa taabonni Qulqulleettii Maariyaam Sadaasa 21 bahu itti kabaju ture.

Lola naannicha keessa turerraa ka'een garuu waggaa kana ayyaanichi akkaataa baratameen osoo hin kabajamiin hafeera.

Magaalaa Aksumitti hojjetaa mootummaa kan ta'an namni tokko BBC'tti akka himanitti loltoonni Ertiraa Sadaasa 24 gara bataskaanaa deemanii ''luboota sodaachisuun fannoowwan warqiifi birriirraa hojjetaman akka itti kennan dirqisiisanii turan,'' jedhan.

Ta'us, diyaaqonoonniifi dargaggoonni biroo taabota tiksuuf gara bataskaana deemuu dubbatu.

''Jeequmsa guddaa ture kan dhalate. Dhiironnis dubartoonnis isaan morman. Isaaniis dhukaasanii muraasa kan ajjeesan ta'us hambaalee keenya hambisuu keenyatti gammachuu qabna,'' jedhan.

Gabaasa biyyoonni garaagaraafi dhaabbileen adda addaa baasan keessatti loltoonni Ertiraa lola Tigraay keessatti hirmaachuun isaanii kan ibsame yoo ta'u kana mootummaan Itoophiyaas ta'e Ertiraa hin fudhatani.

Eessaa ka'ee as ga'e?

Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Izzii Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.

Lola kanaan boodas aanga'oonni TPLF fi dureewwan humna waraana naannichaa haleellaa buufata Izzii kaabaa irratti raawwatamee keessaa harka qabu jedhaman, akka to'atamaniif Komishinii Poolisii Federaalaafi Abbaa Alangaa Federaalaatiin ajajni irratti ba'un ni yaadatama.

Kana hordofees aanga'oonni TPLF muraasni to'atamanii kaan ammoo ajjeefamuu mootummaan yeroo garaa garaatti beeksisaa jira.

Kanneen to'annaa jala oolfaman mana murtiitti dhiyaachaa kan jiran yoo ta'u, yakka biyya ganuu, haleellaa buufata waraana Izzii kaabaa irratti raawwachuufi meeshaa waraanaatti fayyadamuun fincilaafi hokkora kakaasuu jedhuun shakkamuun himataman.

Sababa lola kanaatiin, lammiileen kuma 60 caalan daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti yoo baqatan, kan miliyoona 4.5 ta'an ammoo naannicha keessatti deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta'uu UN beeksiisee ture.

Erga mootummaan federaalaa Maqalee to'atee booda opireeshiniin waraanaa xumuramuu ibsuus ammallee bakkeewwan naannoo Tigraay muraasatti walitti bu'iinsi akka jiru gabaasaaleen ni ibsu.