Lola Tigraay: Haleellaan Sadaasa 4 Ajaja Waraanaa Kaabaa humnoota TPLFn raawwatame maal ture?

Erga humnootni mootummaa federaalaa aanga'oota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF), kan naannoo Tigraay bulchaa ture irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegalanii guyyoota 100 ta'eera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad halkan Sadaasa 4, 2020 ture waraanni tarkaanfii akka fudhatuuf kan ifatti ajajan.

Kunis kan ta'e, erga humnootiin TPLF waraana biyyattii kan ajaja Kaabaa, Tigraay keessa buufate irratti haleellaa raawwataniin booda ture.

Erga lolli cimaan mootummaa federaalaafi humnoota TPLF jidduutti gaggeeffameen, humnootiin motummaa federaalaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee magaaloota hedduu to'atan.

Erga humnootiin motummaa federaalaa Sadaasa 28, 2020 Maqalee to'ataniin boodas, MM Abiy kanaan booda lolli xumuramuufi, hojiin itti aanu aanga'oota TPLF adamsanii to'achuufi naannicha deebiisanii ijaaruu ta'uu labsan.

Erga yeroo sanaatii kaasees aanga'oonni TPLF kaan to'ataman ykn ajjeefaman.

''Injifannoon waraana biyyattii dinqisiisaadha'' jedhan MM Abiy Ahimad battaluma waraanni Maqalee to'ateetti wayita magaalattii doowwataniitti.

Gootummaan waraanni raawwate kan dinqiisiifamuufi kan 'loltoota biyya kamiitinuu'' raawwatamu danda'u miti jedhan, Ministirri Mummichaa.

Ajajjoonni raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa haasaa yeroo garaa garaatti midiyaalee mootummaan hidhata qaban irratti taasisaniin, tarkaanfii raayyaan humnootii TPLF irratti fudhateen sababiiwwan gurguddaa lamaaf injifannoo 'olaanaan'n galmaa'e.

Isaanis raayyaan 'kaayyoosaaf cimee kutannoon loluu' fi dhiyeessitii lojistiikii isaa 'milkaa'ina' oppareshinichaatiif wantoota akka furtuutti kaasan keessaayi.

Barbaachisummaa buufata waraanaa kanaa

Buufannii raayyaa Ittisa biyyaa kan Ajajaa Kaabaa Tigraay keessatti argamu, waraana daangaa hamaa Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti gaaggeeffamee hordofuun buufata biyyattii isa olaanaa akka ta'e amanama. Kunis baayyina humna namaafi meeshaalee waraanaa isaatiin yoo ilaalamuudha.

Humni waraanaa buufatichaa kunis kan seenaa milkaa'ina baroota dheeraa qabuudha. Innis humnootii riphee loltootaa kan bara 1991tti bulchiinsa Dargii aangoorraa kuffiiseedha. Akkasumas humna waraana daangaa bara 1998tti Ertiraa waliin tures hogganedha.

Yeroo sanattis humnootii 20,000 ol akka qabaatu amanama.

Baay'ina lakkoofsa humnootii TPLF

TPLF wal waraansa mootummaa federaalaa waliin ture irratti humnootii addaa naannoo fi milishoota akka hirmaachisan amanama.

Haata'u malee baayyinni humnootii Addaa Tigraayiifi milishootaa hangam akka ta'e dabalatee, gostiifi lakkoofsi meeshaa waraanaa isaan hidhatanii turan hin baramne.

Garuu ammoo, MM Abiy marii isaa Maqaleetti taasiisaniin, lolaan dura baay'inni humnootiin TPLF gara 80,000tti akka timaamaman dubbatanii jiru.

Haleellaan raawwatame hangam Ajaja Kaabaa miidhe?

Qondaaltoota olaanoo TPLF keessaa tokko kan ture, Seekuuturee Getaachoo ifatti, humnootiin TPLF Buufata Ajajaa Kaabaa irratti haleellaa raawwachuu dubbatan.

Ibsa TV irratti kennee tureen, ''Karoorri kallattii hundaan Tigraay barbadeessuuf raawwachuuf akka jiru waan hubanneef, batalumatti tarkaanfii barbaachisaa fudhanneera... kanaaf tarkaanfiin battalatti Buufata Ajajaa Kaabaa to'achuu daqiiqaawwan 45 keessatti kan raawwatame,'' jedhan.

Akkasumas hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el humnootiin isaa Ajaja Kaabaa to'achuu fi miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaas Tigraay maddii hiriirusaanii himanii turan.

Motummaanis miidhaan haleellaa TPLF Buufata Ajaja Kaabaa irratti raawwateen qaqqabe hangam akka ta'ee hin ibsine.

Haata'u malee ajajaawwan waraanaa yeroo garaa garaatti midiyaalee motummaatti akka himaniitti, yoo xinnaate kutaaleen mekaanaayizidii afur Buufata Ajaja Kaabaa jala turan humnootii TPLFn irratti xiyyeeffatamee ture.

Mekaanaayizdii 7ffaa

Birgaader Janaraal Girmaa Kabbabaw gaaffiif deebii Neetworkii Birodkaastii Oromiyaa (OBN) waliin taasisaniin, Mekaanaayizdiin Kumaalaa 7ffaa, kan gareewwan Buufata Ajaja Kaabaa jalatti argaman keessaa tokko ta'e, waraanni lafoo isaa halkan Sadaasa 3, 2020 sanatti humnootii TPLF haleellaan irratti raawwateera.

Birgaadar Janaraal Girmaan akka jedhaniitti, waraanni lafoo kan taankiiwwan, madifii fi konkolaataawwan waraanaatiin hidhateedha. Humnootiin TPLFs meeshaalee waraanaa cicimmoo kanneen saamuuf jecha kutaa kanarratti haleellaa labsan jedhan.

Boodas isaanis waraanaa lafoo mekaanaayizidii 8ffaa waliin ta'uun gara Ertiraatti baqachuun jalaa bahan jedhan.

''Waraanni kutaalee lamaanii (7ffaa fi 8ffaa) lamaanuu aarsaa olaanaa kanfalan. Lola TPLF irratti gaggeeffame irrattis waraanni mekaanaayizdii lamaanii kunneen gahee olaanaa bahan.

Meeshaaleen waraanaa ciccimoon osoo hinbaane ta'e, kisaaraa olaanaatu gaha ture,'' jechuun itti dabalan.

Mekaanaayizdii 8ffaa

Ajajaan Mekaanaayizdiin Kumaalaa 8ffaa, Birgaadar Janaraal Naasir Abbaadiggaas akkasuma, humnootiin TPLF loltoota ajaja isaan jalatti argamanis kan waraana Kumaalaa 7ffaa waliin akka haleellaa irratti raawwatan himu.

Birgaadar Janaraal Naasir akka jedhaniitti, haleellichi saamicha meeshaalee waraanaa gurguddoo irratti kan xiyyeeffate ture. Haata'u malee kutaa sana keessaa meeshaan saamame omtuu hinturre.

Mekaanaayizdii 5ffaa

Akkasumas ajajaan kutaa waraana makaanaayizidii 5ffaa, Birgaadar Janaraal Mulu'alam Admaasu gaaffiifi deebii kennan keessatti, warraanni isaan hogganaan humnootii TPLFn guyyoota sadiif marfamee ture jedhan.

Waraana mekaanaayizdii 5ffaa ajajaa isaa magaalaa Daanshaa taasifate irratti haleellaan Sadaasa 3, 2020 banamee tureen meeshaa waraanaa olaanoo hidhatee ture saamuuf kan xiyyeeffate ture jedhan Birgaadar Janaraal Mulu'alam.

''Kaayyoon haleellichaa waraanicha hidhannoo saamuuf ture. Meeshaaleen waraanaa keenya harka keenya ture. Kanaafuu meeshaan hatame omtu hinturre,'' jedhan.

Akka motummaan Itoophiyaa jedheetti, haleellaan raawwatame kan sirriin qindaa'eefi meeshaa waraanaa Buufata Ajajaa Kaabaa - buufataalee waraanaa biyyattiin qabdu keessaa isa guddaa kan ta'e, saamuuf kaayyeeffate ture.

Haata'u malee haaleellaan jedhame kuniifi lolli isaan booda gaggeeffame miidhaa hangam cimaa ta'e buufata kana irraan akka qaqabsiise ifa miti.

Dhimmi ifa ta'e garuu, waldhabiidee motummaa federaalaafi TPLF kan Naannoo Tigraay bulchaa ture jidduutti baatiiwwaniif gaggeeffamaa ture hordofee, haleellaan buufata kana irratti raawwatame seenaa dhiyoo Itoophiyaa keessatti lola baayyee cimaan akka gaggeeffamuuf madda ta'eera.

MM Abiy Ahimad humnootiin TPLF sarara diimaa qaxxaamuruun haleellaan isaan raawwataniif waan motummaa federaalaa filannoo biraa dhabeef, tarkaanfii oppireshinii 'olaantummaa seeraa kabachiisuu' jechuun ibsan naannichatti gaggeessuuf himan.

Waraanni naannoo Tigraay keessatti eddoowwan garaa garaatti akka qoodamees, buqqa'insi jiraattootaa hedduun akka raawwatuuf sababa ta'eera.

Namoonni miliyoona lamaa ol ta'an bakka jireenyaa isaanii yoo buqqa'an, kanneen 60,000 ol ta'an ammoo, biyya ollaa Sudaaniitti baqataniiru.

Dhaabbileen gargaarsaas deeggarsa raabsuuf danqaa tokko malee naannicha seenuu akka hayyamamu; kun ta'u yoo baate ammoo, balaa namoomaa hamaan qaqqabuu akka danda'u akeekkachiisan.

Sababii lola kanaatiin namoonni ajjeefaman meeqa akka ta'an ifa miti. Kunoo amma erga lolli naannoo Tigraayittii eegale guyyoota 100 ta'eera.