Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: Tarkaanfiin marsaa xumuraa eegale jedhan MM Abiy Ahimad
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroon sa'aa 72 aanga'oonnii TPLF fi loltootni isaanii harka akka kennan kenname xumuramuu fi tarkaanfiin boqonnaa xumuraa lola Tigraay eegalamuu ibsan.
Tarkaanfiin waraanaa mootummaan 'opireeshinii ykn ergama seera kabachiisuti' jedhu kun boqonnaa xumuraa seenuun kan labsame wayita qondaalonni olaanoo Gamtaa Afrikaa sadi jaarsummaaf Finfinnee galanitti.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa qondaalonni kunneen jaarsummaaf dhufu jedhamuun oduu sobaati jechuun TPLF waliin mariin taasifamu hin jiru jedhe.
Humnoonni TPLF Izii kaabaa raayyaa ittisa biyyaa haleeluu hordofee lola humnoota mootummaa federalaa fi hidhattoota TPLF gidduutti lolli erga eegalamee torban sadii ol ta'eera.
Lola hanga ammaatti gaggeefameen Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalota hedduu naannoo Tigraay keessa jiran to'annoo TPLF jalaa baasuu ibseera.
Guyyoota sadii dura Raayyaan Ittisaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay to'achuuf itti marsee kan argamu ta'uu MM Abiy ibsanii turan.
Ibsa Dilbata darbe kennaniinis aanga'oonnii TPLF fi loltootni isaanii sa'aatii 72 keessatti waraana dhaabanii harka isaanii humnoota mootummaa federaalaaf akka kennan gaafatanii ture.
Aanga'ootni TPLF gama isaaniin ''mirga naannoo isaanii ofiin bulchuu kabachiisuuf hanga du'aatti'' akka falman ibsuun carraa harka kennuu MM Abiy kennaniif kuffisaniiru.
MM Abiy maal jedhan?
Kamisa ganama yeroon sa'aatii 72 kennamee ture xumuramuu kan ibsan MM Abiy, Raayyaan Ittisaa Biyyaa tarkaanfii isa xumuraa akka eegalu ajajni kennamuufi ibsaniiru.
''Raayyaan Ittisa biyyaa tarkaanfii boqonnaa isa sadaffaa fi isa dhumaa akka raawwatu ajajni kennameeraaf. Duula keenya kanaan namoota nagaaf eeggannoo guddaa goona'' jedhan MM Abiy.
UN dabalatee dhaabbileen idila addunyaa hedduun magaalaa jiraattota walakkaa miiliyoonaa ol qabdu Maqaleetti duulli gaggeefamu lubbuu namoota nagaa balaarra buusa, ''yakkii waraanaa'' akka hin raawwatamne ni sodaachisa jechuunis yaaddoo isaanii ibsaa turan.
MM Abiy ibsa isaanii kanaan ''dafqa lammiilee keenyaan kan ijaarmate magaalaa Maqaleerra miidhaa guddaan akka hin geenye wanti danda'amu hunduu ni godhama'' jedhan.
''Hambaaleen, Manneen Amantaa, kanneen tajaajila uummataa kennan, dhaabbileen misoomaa fi manneen jireenyaa uummataa xiyyeeffannoo haleellaa akka hin taane eeggannoon gosa kamuu ni taasifama.''
Yeroon sa'aa 72 kan kenname kaayyoo lamaaf ta'uu kan himan Abiy, inni jalqabaa naannichatti mootummaan kaayyoo olaantummaa seeraa kabachiisuu malee fedha waraanaa akka hin qabne beeksisudha jedhan.
Kan lammataa ammoo ''barfatees ta'u namni kaayyoon badii TPLF galeef tokkollee yoo argame isa baraaruufi'' jedhan.
Yeroo kennamee ture keessatti milishoonnii fi miseensonni humna addaa naannichaa kumaan lakkaawaman raayyaa ittisa biyyaaf harka kennaniirus jedhan.
Duula isa dhumaa amma eegaluun ibsame kanaan walqabatee jiraattotni magaala Maqalee hidhannoo isaanii hiikkatanii xiyyeeffannoo haleellaa waraanaarraa fagaatanii eeggannoo barbaachisu akka godhanillee waamicha godhan.
Jiraattotni magaalitti badii qaqqabu xiqeessuuf miseensota TPLF muraasa isaan 'Juntaa' ittiin jedhan kana qabuuf gahee isaanii akka bahaniis dhaamaniiru MM Abiy.
Raayyaan ittisa biyyaa dhaabbileefi namoota nagaarratti miidhaa osoo hin geessisiin hoogganoota TPLF seeratti dhiyeessuuf mala isa dandeessisu qopheesseeras jedhan.
UN waayee lola magaala Maqalee maal jedhe?
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii humni waraanaa Itoophiyaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay irratti haleellaa raawwachuuf yeroon dhumaa kennee ture xumuramuun dura, ''yakki waraanaa'' raawwachuu mala jechuun yaaddoo isaa ibse.
Yaa'iin Mana Maree Nageenyaa UN Kibxataaf dhimma Tigraayirratti mari'achuuf qabamee ture, ibsa malee xumuramuu AFPn gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti biyyoonni Afrikaa yaalii Gamtaan Afrikaa gochaa jiruuf yeroon haa kennamu waan jedhaniifi.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinara Mirga Namoomaa kan ta'an Miisheel Bachaleet ''gabaasaaleen meeshaalee gurguddoon akka taankiifi kaan Maqalee marsaniiru jedhu rifaasisaadha,'' jedhanii turan.
Qaamoleen lameenuu ajaja ifaa fi nama hin dogongorsine humnoota isaaniif dabarsuun namoota nagaa akka eegan dhaamaniiru.
''Maqaleetti lola godhamu ilaalchisee haasaan lola akkaan jabaa gara lamaanuurraa dhagahamaa jiru waan hamaaf ni kakaasa, namoota saaxilamoo ta'aniifi sodaa keessa jiran balaa hamaa keessa galcha,'' jedhan Misheel.
''Haasaan akkasii sarbama seera namoomaa idila addunyaa ittuu hammeessa jedheen sodaadhas,'' jedhan.
Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti gaggeeffamu erga eegalee torban sadaffaa isaa qabateera.
Lola kanaan yoo xiqqaate dhibbaan kan lakkaawaman lubbuu dhabaniiru, kumoota kudhaniin kan lakkaawaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'an Sudaanitti baqataniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa lolli kun rakkoo namoomaa hammaataa uumee, Baha Afrikaas tasgabbii dhabsiisuu mala jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.
Ka'umsi lola kanaa maali?
Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy ALA 2018 keessa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.
MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan, malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan, kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.
TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.
MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatanii ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun, tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.
TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.
Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeresse ammoo wal diddaan caalaa guddate.
Naannoon Tigraay Fulbaana keessa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murtee dabarse.
Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heeraa kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.
Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin walitti dhufeenya akka dhaabu, akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.
Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.
Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.