Tigraay hanga Yamanitti, rakkoo beelli mudateera jedhanii labsuu

    • Barreessaa, Alex De Waal
    • Gahee, Xiinxalaa Afrikaa

Guyya guyyaan Itoophiyaa naannoo waldhabdeen miidhamtee turte Tigraay keessaa gabaasi beelli jiraachuu himu dabalaa jira.

Roobii darbe, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hogganaan mirga namoomaa Maark Lowcock, namoota miidhamaniif ammayyuu gargaarsi ga’aa waan hin jirreef yaaddoo mirgi namoomaa sarbamuu uumamuu akka malu akeekkachiisaniiru.

Loowkookiin dura UN’tti hogganaa mirga namoomaa kan turaniifi ammammoo hoogganaa 'Norwegian Refugee Council', Jaan Egelaand, “Waggooti qondaala gargaarsaa ta’ee hojjedhe keessatti, namoota gargaarsi hedduu isaan barbaachisuuf yeroo gargaarsi qaqqabuuniif barfatu ykn hafu akka kanaa kaniin arge yeroo muraasa qofa” jechuun ifatti qeeqaniiru.

''Dhaabbileen gargaarsa hundis… guddina rakkoo kanaa ibsuu dadhabuun hanqina keenya ta’uu baruu qabna,” jedhan.

Gama biraan Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii “beelli” uumameera jedhee ni labsaa, yoomimmoo labsuu danda’a?

Naannoo Tigraay lafa dhakaan guute keessatti qonni hojii cimaadha, kanattuu waggaa darbe keessa sababa homaa hawwaannisaan rakkoon danuu itti hammaateera.

Fulbaana bara darbeetti, gabaasi ga’umsa nyaata idil addunyaa lammilee Tigraay miiliyoona torba keessa miiliyoona 1.6 kan ta’an jiraachuuf nyaata gargaarsaan dhiyaatu irratti kan hirkatan ta’uu ibseera.

Sadaasa 4 irratti ijaarsa siyaasaa mootummaa federaalaa irratti garaagarummaa yaadaa uumame hordofee, paartii TPLF fi loltoota federaalaa gidduutti waldhabdeen uumame.

Amma wanta US dabalatee kan biyyootii biroon torban hedduuf loltoonni Eertiraa harka caalaa Tigraay to’ataniiru jechuun dubbachaa turan amma UN amanuu eegaleera.

Mootummootni Itoophiyaa fi Eertiraa ammoo kana haaluu itti fufaniiru.

Erga sanaatii harki caalaan naannoo Tigraay addunyaa irraa addaan citee jira.

Dhaabbileen gargaarsaa hojjattoota isaanii naannichatti deebisanii erguu kan eegalan yoo ta’u, wanti isaan ibsan kan nama rifaasisudha: hospitaalotni saamamuu, namootni nyaata ykn maallaqa argachuuf sodaa keessa jiraachuu fi sababa dhibee irraa fayyuu danda’anii fi beelaan namootni du’aa jiraachuudha.

Dhallatootni Tigraay tokko tokko kan bilbila isaani fayyadamuu danda’an, saamichi guddaa, lafti qonnaan gubamuu fi lammileen miiliyoonaan lakkaa’aman gargaarsa argachuu dhabuu isaanii himu.

Amajjii 8 irraa gabaasa dhokataa ifatti ba’een hojjattonni gargaarsaa UN, dhaabbileen gargaarsaa fi mootummaan naannichaa namootni kumaatamaan lakka’aaman beelaan du’uu akka danda’an akeekkachiisuu agarsiisa.

Namoota gargaarsa barbaadan keessaa %99 kan ta’an gargaarsa akka hin argannee himu – kana jechuun kan gargaarsa hin arganne lakkoofsa uummataa Tigraay keessa %60 ol, namoota miiliyoona 4.5tti tilmaaman ta’uu dhaabbileen kun ni tilmaamu.

Mootummaan Itoophiyaa gabaasni kun gurra guddisuu ta’uufii rakkoon nannichaas to’annoo jala jiraachuu hima.

Namootni gargaarsa barbaadan miiliyoona 2.5 ta’uufi hunda isaani bira ga’us nan danda’a jedha.

Seenaa beela haaluu Itoophiyaa

Itoophiyaan gargaartuu ishee guddoo Gamtaa Awuroppaatiin ‘yaaddoo gurra guddifame’ wa’ee gargaarsa Tigraay irratti xiyyeeffachuu dhiistee gargaarsa ijaarsaa biyyattiif kennu akka itti fufuuf gaaffatteetti.

Ta’us garuu, mootummaan Itoophiyaa seenaa beela biyyattitti uumamu dhoksuu qaba.

Bara 1973tti filmiin Joonaataan Dimbilbey 'Beela isa hin beekamne' (The Unknown Famine) jedhamuun beela guddaa Mootiin Haayilee Sillaasee addunyaa irraa dhokse ifatti baaseera. Beela kanaan namootni 200,000 ta’an lubbuun isaanii darbeera.

Gochi mootichaa kun oormii guddaa Itoophiyaa keessatti kaasee waggaa itti aanutti aangoorraa akka kaafamu taasiseera.

Bara 1984tti Tiigraayi fi Walloon beela biraan kan rukutaman yoo ta’u, kun ammoo waraanaa fi goginsaan kan uumame yoo ta’u, lubbuu namoota 600,000 fi miiliyoona tokko gidduu ta’an galaafateera.

Yeroo sanatti mootummaan Itoophiyaa hanga gartuun BBC Maaykel Barkii fi Mohaammad Amiiniin hogganamuu ifa baasanitti beelli jiraachu haalee ture.

Gabaasni kun weellisaan Boob Geldoof sirba Do They Know Its Christmas jedhu akka gadhiisuuf dirqisiise uummatni addunyaa gargaarsa akka kennuuf kakaaseera.

Beelli kun beekkamti mootummaa waraanaa Koloneel Mengistuu Haayile Mariyaam biyyaa fi alatti qabu balleesseera. Lammileen Itoophiyaa addunyaa biratti akka kadhattuutti ilaalamuu isaanii jibbani.

Haaluma walfakkaatuun bara 2001’tti mootummaan Itoophiyaa paartilee TPLF’n hogganamaa ture, bakka hokkorri keessa ture kibba-lixa biyyattiitti beelli jiraachuu haaleera.

Namootni 20,000 hanga 25,000 ta’an beela kanaan du’uun isaani tilmaamameera.

Waggooti shan dura, mootummaan Itoophiyaa fi gargaartonni biyya biroo googinsa sadarkaa biyyaalessaatti ture furuuf, sochii taasisaniin namoota miiliyoona 10.2 gargaaraniiru.

Haala amma jiruu fi kan bara 2015-2016 ture gidduu garuu garaagarummaa lamatu jira: odeeffannoo fi siyaasa.

UN beelli jira jedhee labsuuf odeeffannoon ga’aa hin jiru.

''Odeeffannoon yoo hin jirraanne, beelli hin jiru''

Waggaa 15 dura ogeeyyiin UN sirna haaraa beela ittiin ibsaniifi labsan kalaqaniiru. Sirni sadarkaalee shan qabu kun "integrated food security phase classification (IPC )" jedhama.

Odeeffannoowwan argaman irraa ka'uun ''hanqina nyaataa xiqqaarraa ka'uun hanga beelaatti'' ibsamuu danda'a.

Hikkaan beelaa kun isa “namootni hedduu yeroo beela isaan ajjeesuu danda’uun rakkatanii jiru” jedhurra caalatti kan ibsudha.

Amma UN ‘beelli’ jira jedhee labsuuf odeeffannoo barbaachisu argachuu qaba.

Labsii 'beelaa’ jedhamu labsamu jalaa miliquuf ammoo mootummooti yeroo baayyee odeeffannoo jiru dhoksuun galma isaani hammina beela jiru dhooksuu irratti ni milkaa’u.

Yeroo kanatti sadarkaa “hatattamaa” fi “rakkoo” irraa ga’uun dura namootni ammayyuu du’aa jiru.

Dhiyeenya UN rakkoo balaa namoomaa wal fakkaataan qunnameeraani.

Yaman, bakka humni qindaa'aan Sawudiin dursitu keessatti, mootummaanifi aanga’oonni Huutii bakka beelli jirutti dhaabbileen gargaarsa akka hin seenneef dhorkaniiru, kana jechuun qorannoo gaggeessu hin danda’ani jechuudha.

Hanqina nyaata madaalamaa, daa’imman du’uu fi hanga nyaataa irratti odeeffannoon yoo hin jiraanne, miseensonni koree IPC rakkoon hatattamaa jiraachuu ibsuu malee odeeffannoo ittin mirkaneessan ga’aa waan hin qabneef “beelli” jira jechuu hin danda’ani.

'Rakkoo dhaabbilee gargaarsaa'

Rakkoo guddaa inni biraan siyaasadha. Yeroo maddi beelaa qajeelfama humna waraanaa ta’u, dhaabbileen gargaarsaa rakkoo murtee dhabuu guddaa keessa seenu.

Rakkoo jiru ibsuun biyyattii keessaa ari’amuu? Yookan callisuu filatanii yakka beelaa keessa harka isaanii galchu?

Mootummaan Itoophiyaa “lolli darbee darbee” jiraachuu qofa amana.

Ta’us garuu, gabaasni naannolee miidhaman irraa dhufu harki caalaan naannoo Tigraay gariin dirree waraanaa ta’uu ykn to’annoo gartuu TPLF jala ta’uu ibsa.

Akka hikkaa seeraa mirga namoomaa idil addunyaatti, kun waldhabdee meeshaa waraanaan gaggeessamuu ta’uu fi finciiltoota Tigraay ammoo akka paartii hokkora kaasaatti fudhata.

Namoota beelaan rakkatan bira gargaarsa geessuuf TPLF waliin lola dhaabuuf walii galamuu qaba – kun ammoo salphaatti waligaltee gama tokkoon taasifamu miti.

Hanga ammaatti TPLF lola dhaabuuf ykn dhaabbilee gargaarsaaf daandii banuu hin filanne. Akkasumas gartuun finciltootaa kun gargaarsa kennamu loltoota isaaniif fayyadamu sodaan jedhu jira.

Kanaaf hordoffiin idil addunyaa barbaachisaadha.

Beelli Tigraay keessa jiru hojjattoota gargaarsaa irratti yaaddoo uumeera. Akkamiin hojii isaanii muraasa ta’us barbaachisaa ta’ee kana utuu hin dhaabiin gabaasa mootummaan baasee mormuu danda’u?

Wanti barbaachisu ejjennoo siyaasaa olaanaadha.

Rakkoon akkanaa irra deddebi’ee biyyoota akka Siiriyaa fi Koongoo keessatti waan uumameef, waggaa sadii dura Manni Maree Nageenyaa UN waldhabdee meeshaa waraanaan gaggeeffamuu fi beela irratti qajeelfama ''resolution 2417'' jedhamu baaseera.

Qajeelfamni hanga ammaatti hojiitti hin hiikamne kun, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun akka yakka waraanaatti ilaalamuu isaa ibsuun, dabalata hogganaan UN yeroo waldhabdeen meeshaa waraana gara hanqina nyaataa ykn beelaatti geeddaramu akka Kawuunsilii Nageenyaa beeksisu kan ajajudha.

Qajeelfamni kun waan rakkoo Tigraay keessa deemaa jiru kanaaf kan uumame fakkaata.

Ta’us garuu dhaabbileen gargaarsaa qajeelfamicha fayyadamuu ni sodaatu, sababiin isaa mootummaa Itoophiyaa mufachiisuu waan hin feenefi.

Beela, dhukkubaa fi du’a Tigraay keessa jiru lakkoofsa mirkanaa’aan ibsu hin dandeenyu, ta’us garuu rakkoon guddaa uumamaa akka jiru beekna.

Odeessa kan kan midhaasse Alex de Waal, Ameerikaa Yunivarsiitii Tufts kan argamu daarektara olaanaa World Peace Foundation'ti.