Oxfam: 'Tigraay keessatti namoonni miliyoona 4.5 deeggarsa hatattamaa fedhu'

Lolli Tigraay rakkoo Covid-19 fidee fi weerara hawwaannisaa sababa jijjiirama qilleensaan mudateen walitti dabalamee namoota miliyoonaan lakkaa'aman fiixee gadadoorraan gahee jira jedhe beela irratti kan hojjetu Oxfam.

Dhaabbati gargaarsaa kun sakatta'iinsa Kibbaa fi Lixa Tigraay akkasumas Kaaba Amaaraatti dhiyeenya kana taasiseen, osoo lolli Tigraay hin eegaliin durayyuu jiraattonni rakkachaa akka turan hima.

"Osoo lolli hin eegaliin durayyuu namoonni omisha isaanii walakkaa weerara awwaannisaan dhabanii turan, kan hafte sassaabbachaa osoo jiranii lolli eegale," jedhan daareektarri Oxfam kan Itoophiyaa Gazzaahanyi Kabbadaa.

Lola naannoo Tigraay keessa tureen jiraattonni miliyoona lamatti siqan qe'eef qabeenya isaaniirraa yoo buqqa'an, 60,000 kan ta'an gara Sudaan baqataniiru.

Namoonni hedduun lola dheessanii gaarrewwanii fi gandoota ollaatti kan baqatan yoo ta'u, wayita deebi'an qe'ee fi qabeenyi isaanii manca'uu nutti himan jedhu.

"Kan koo dabalatee midhaan namoota hedduu ibiddaan manca'eera. Midhaan kuntaala 150 na jalaa manca'e maatii koo torba yoo xiqqaate ji'a kudhaniif jiraachisa ture," jedha Oxfam kan dubbise qonnaan bulaan naannichaa Tesfaay Geetaachoo.

Oxfam gabaasa Amajjii 22, 2021 baasee keessatti lafti qonnaa fi omishni qonnaan bultoota hedduu weerara awwaannisaan manca'uu ibse.

Osoo lolli hin eegaliin dura Tigraay keessatti namni miliyoona tokkoo ol deeggarsarratti hirkatanii yoo jiraatan, 600,000 ol ammoo beelaan wal'aansoo qabaa turani jedha dhaabbati kun.

Wayita lolaa namoonni hedduun deeggarsarraa adda citanii turuu eeruun, wayita ammaa namoonni miliyoona 4.5 ta'an deeggarsa namoomaa hatattamaa fedhu jedhe.

Kunis bu'uura ragaalee UN fi mootummaa naannoo Tigraay irraa argameen ta'uu himeera.

Kana malee barnooti, dhiyeessiin fayyaa fi bishaan dhugaatii adda cituun rakkoo dabalataa uumuu dhaabbatichi himeera.

Hojjettoonni mootummaa baatilee sadii oliif mindaa waan hin argatiin turaniif maallaqa hin qaban, gabaa bahanii waa bitachuu hin dandeenye jedhu Obbo Gazzaahanyi. Rakkoon namoomaa jabaan jiraatullee deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuu irratti ammallee rakkoon akka jiru hima Oxfam.

Kunis gariin sababa rakkoo nageenyaan yoo ta'u, gariin ammoo hojimaata walxaxaa mootummaan hordofurraa madda jedhe.

Qaamoleen gama lamaanuu waliigalteewwan deeggarsa namoomaa hordofuun deeggarsi barbaachisaan namoota bira akka gahu gochuu qabu gaafateera. Deeggarsa barbaachisaa gochuuf hawaasni idil addunyaa akka tumsus gaafatee jira.

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa barbaachisaa lammilee rakkoo keessa jiraniif dhiyeessaa akka jiru irra deddeebiin himaa jira.

Hogganaan bulchiinsa yeroo Tigraay Dr Muluu Naggaa hojiin deeggarsa namoomaa xiyyeeffannaa isaanii kan duraa ta'uu eeranii, deeggarsi taasifamaa jiraachuu miidiyaalee biyya keessaf himaniiru.

Kanneen deeggarsi namoomaa naannicha dhaqqabaa hin jiru jedhan, warra dhimma kana keessaa bu'aa siyaasaa argachuu fedhanidha jechuu isaanii FBC gabaaseera.

Naannichatti deeggarsa nyaataa fi meeshaalee dhiyeessii qorichaa dabalatee, deeggarsa namoomaa namoota miliyoona 1.8’f kennamuu Ministeerri Nagaa ibsee ture.

Ministeerichi namoota deeggarsa akka barbaadan ibsameen alatti, namoota miliyoona 2.5 gargaaru akka danda’uutti qophaa’uu beeksiseera.