Lola Tigraay: Kaaba Itoophiyaatti namni hedduun 'beelaan dhumuu mala'

Naannoo Tigraayitti "namootni kuma dhibbaan lakkaa'aman beelaan dhumuu malu" jedhan aanga'aan mootummaa - akka qaboon yaa'ii walgahii hojjettoota deeggarsa namoomaa waliin taasifame miliqee bahe agarsiisutti.

Koreen mootummaan ijaare Wiirtuun Qindeessa Deeggarsaa Tigraay lola naannicha keessa ture hordofee deeggarsa barbaachisu qorachaa jira.

Mootummaan federaalaa xumura Sadaasa darbee ture injifannoo labsee lolli xumuramuu kan beeksise.

Haa ta'u malee ammallee lolli darbee darbee bakka tokko tokkotti itti fufee jiru rakkoo namoomaa hammeesseera jedha UN.

"Nyaatni akka hin jirre yookin naannoo gabaa qofatti akka argamu, kunimmoo beelaaf akka nama saaxilu gabaasaaleen jiru," jedha itti dabaluun.

Qaboon yaa'ii miliqee bahe akka agarsiisutti, walgahii Amajjii 08 koreen Wiirtuu Qindeessa Deeggarsaa Tigraay hojjettoota deeggarsa namoomaa waliin taasise irratti qondaalli mootummaa yeroo naannoo Tigraay 'haalli qabatamaan lafarra jiru hammaataadha' jedhan.

"Nyaatni fi meeshaaleen nyaata hin ta'iin ykn qabeenyi biroon gariin saamameera gariin ammoo barbadaa'ee jira. Yoo deeggarsi namoomaa hatattamaa walitti hin qabamu ta'e kuma dhibbaan namootni lakkaa'aman beelaan dhumuu malu," jedhe qondaalli kun.

Qondaalli biroon qaboo yaa'ii walgahii Amajjii 01 taasifame irratti jechi isaanii qabatame akki jedhan: "wayita bakkoota adda addaa daawwachuuf olii gadi deemnu, namoonni karaa irratti buskuutii tokkittii nu kadhaataa turan" jechuun rakkoon hamaan akka jiru dubbatan.

UN akka jedhutti kutaaleen Tigraay gariin ammallee dhaqqabuuf rakkisaadha. Ta'us hanga tokko deeggarsi dhiyaachaa jira.Kutaalee biyyattii harki caalmaan maloota qunnamtii akka bilbilaa fi intarneetiirraa citee waan jiruuf gabaasaalee dhagaahaman mirkaneeffachuun baay'ee ulfaataadha.

Ibsi Imbasiin Itoophiyaa Landan jiru Jimaata darbe baase akka mul'isutti mootummaan kanneen deeggarsa fedhan dhaqqabuuf hojjetaa jira.

"Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee misoomaa fi deeggarsa namoomaa waliin ta'uun danqaalee namoota miidhamaniif deeggarsa dhiyeessuu irratti mudatan furuuf kutannoon hojjeta," jedhe imbaasichi.

Raayyaan ittisaa Itoophiyaa humnooti TPLF buufata waraana federaalaa naannicha keessa jiru haleeluu isaaniin booda ture Sadaasa jalqaba kan tarkaanfii fudhachuu eegale.

MM Abiy Ahimad tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu 'garee yakkamtootaa' seeratti dhiyeessuuf fudhatame jechuun waamicha marii isaaniif dhiyaachaa ture didaa turan.

Lola torbanoota sadii oliif tureen lammilee nagaarra miidhaan gahe akka hin jirres MM Abiy dubbatanii turan.

Mootummaan lolichi xumuramuu erga labseen booda hooganoota TPLF baqarra jiran to'annoo jala oolchuufi naannicha deebisanii ijaaruutu hafe jedhee ture.

Hogganooti TPLF hanga xumuraatti akka lolan dhaadataa magaalaa guddoo naannichaa gadi dhiisanii gammoojjii seenan gariin yoo ajjeefaman gariin to'annoo jala oolfamaa jiru.

Irra hedduun isaanii garuu ammallee eessa akka jiran wanti beekamu hin jiru.