Tigraay: Gamtaan Awuroppaa deeggarsa baajataa Itoophiyaaf kennuuf ture dhorke

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa baajataa Itoophiyaaf kennuuf ture dolaara miiliyoona 107 sababa lola naannoo Tigiraayitti uumameen walqabsiisee dhorkuu beeksise.

Gamtichi hanga jaarmiyaaleen gargraarsaa naannoo Tigraay keessatti namoota deeggarsa barbaadaniif danqaa tokko malee deegarsa gochuu danda'aniitti, deeggarsa doolaara miliyoona 107 Itoophiyaaf taasisuuf ture dhorkeera.

Barreeffama har'a Gamtaan Awurooppaa baaseen, dippilomaatiin ol-aanaan gamtichaa Jooseepi Booreela MM Abiy Ahmad haaluma badhaasa Noobeelii Nagaa kana dura argataniitiin lola naannoo Tigraayiitti uumame dhaabisiisuuf tarkaanfii akka fudhataniif gaafataniiru.

Itti-dabaluunis, "deeggarsa taasisuuf qophaa'oodha. Garuu dhiyeessitoota deeggarsa namoomaatiif carraan jiru hanga banaa hin taaneetti Gamtaan Awurooppaa deeggarasa bajataa Itoophiyaaf taasisuuf ture hin kennu," jedhan.

Dhimma kanarratti Rooyitarsi waajjira MM Abiy irraa deebii kan gaafate ta'ulleen yaada isaaanii argachuu akka hin dandeenye gabaaseera.

Kana dura Gamtaan Awurooppaa baajata deeggarsaa Itoophiyaadhaaf ramadee ture keessaa Yuuroo miiliyoona 90 (dolaara mil. 110) akka turuuf murtee dabarse ilaalchisee, mootummaan Itoophiyaa garuu tarkaanfiichi xiinxala dogongoraa irratti kan hundaa'eedha jechuun komii ibsee akka ture ni yaadatama.

Tibba sanatti Dubbii Himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaadar Diinaa Muftii BBCtti akka himaniitti, murteen Gamtichi irra gahee, ''haalicha sirriitti xiinxaluu dhaburraa kan maddedha,'' jechuun ibsanii turan.

Baatii Muddee keessaa mootummaan Itoophiyaa dhaabbileen deeggarsaa naannichatti lammiilee deeggarsii barbaachisuuf akka qaqabsiisaniif Mootumoota Gamtoomanii waliin waliigalteerra gahuu ibsee ture.

Lolli Sadaasa 4, 2020tti naannooTigraayiitti uumamee sababii humnootiin TPLF yeroo sana naannicha bulchan haleellaa buufata waraanaa Feedaraalaa naannicha keessa buufatee ture irraatti raawwataniif jedhamee ture.

Isaan booda lammiileen miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'uun bakkka adda addaatti kan baqatan yoo ta'u, kanneen kuma 50,000 ol ta'an ammoo gara Sudaaniitti qaxaamuraniiru.

Dhuma baatii Sadaasaatti mootummaan Federaalaa erga humnootii TPLF injifachuun magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'ateen booda lolli xumuramuu beeksiisuun isaa ni yaadatama.

Haata'u malee,Mootummoonni Gamtoomanii ammalleen naannicha keessa bakkeewwan garaa garaatti waraanni gaggeefamaa jiraachuu ragaan qaba jechuun ibseera.

Baatii Muddee keessa Gamtaan Awurooppaa lola naannoo Tigraayiitti uumame hordofuun deeggarsa ramade tursiisuu ibsee ture.

Qondaalli Gamtaa Awurooppaa Booreel, lollii naannoo Tigraayiitti raawwatame, "ol-aantummaa seeraa kabachiisuun oliidha,'' jechuun haala tasgabbii naanniichaa waliigalaatiif yaaddoodha jechuun isaanii gabaafameera.

"Haleellaawwan eenyummaa bu'uurreeffatan, ajjeechaa, saamicha, dirqiin gudeeduufi baqattoota dirqiin gara biyyaasaaniitti deebiisuufi taateewwan gochaa yakka waraanaa ta'uu danda'an ilaalchisee walitti fufiinsaan ragaaleen nu qaqabu," jedhaniiru.

Itti dabaluunis, ''Sirriiyyuu walitti bu'insichi gara kan naannichaa ta'uutti cee'uuf carraa qaba. Fakkeenyaaf, loltoonni Ertiraa lola Tigraay keessatti hirmaachunsaanii, loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaadhaa bahunsaanii,'' jechuun ragaa eeraniiru.

Gamtaan Awuroppaa waggoota torban darban keessa deeggarsa baqattoota lammiilee biyya biraarraa dhufanii Itoophiyaa keessa jiraniif taasise Yuuroo miiliyoona 409 tiin alatti, deeggarsa Yuuroo miiliyoona 815 taasiseera.

Mootummoonni Gamtoomanii kaampiiwwan baqattootaa lama Tigraay keessatti argaman kan baqattoonni Ertiraa hedduun keessa jiran sarbamuun mirga irratti seera idil- addunyaa jiraachuu Kamisa darbe beekiiksiise ture.

Dabalataan kaampiiwwan baqattootaa Shamalbaafi Hitsaatsi jedhaman gubachuufi manca'uun jiraachuu fakkiiwan saataalaayitii akka agariisan ifa taasiseera.

Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Deeggarsa Baqattootaa buufataalee kanneen keessatti hanqinni deegarsa namoomaa jiraachuu beekisiiseera. Guyyoota 10 darban ammoo gidduu seenuun loltuummaa jiraachuu ibse. Haata'u malee, jidduugalummaa loltummaa kun qaama kamirraa akka ta'e garuu kan jidhe hin jiru.

Ministirri Beeksiisaa Ertiraa Obbo Yemaanee Gabramasqal ergaa karaa fuula tiwitara isaanitiin barreessaniin, "Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Deeggarsa Baqattootaa irra deebiin duula maqa balleessii itt-gaafatamummaan hanqate Eritraa irratti itti fufeera," jechuun barreesaniiru.

Mootummoonni Ertiraafi Itoophiyaa irra deddebiin waraanni Ertiraa lola Tigraay keessatti hin hirmaanne jedhanilleen, aanga'aan waraanaa Itoophiyaa tokko garuu loltoonni Ertiraa osoo hin affeeramiin galuusaanii midyaa naannichaa irratti wayita dubbatan dhagahamaniiru.

Gama biraatiinis Booreel itti-dabaluun, Itoophiyaafi Suudaan naannoo daangaa isaaniitti muddama keessa galan akka tasgabbeessan gaafataniiru.

Itoophiyaan tibba kana gochaa Sudaan naannoo humnaan to'atteefi bakka qonnaan bultoonni Itoophiyaa jiraniirra loltoota qubachiisaa jiraachuusheetti obsa fixataa akka jirtu ibstiteetti.

Ministirri Ittisaa Sudaan gama isaaniitiin, jeettiin waraanaa Itoophiyaa naannoo qilleensaa cabsee seenuu ibsuun, gochichi "balaa kan qabuufi muddama hin barbaadamne uumuudha," jedhan.