Tigiraa: Naannoo Tigiraayitti tajaajilli ibsaafi bilbilaa yoom jalqaba?

Tajaajila ibsaa, bilbilaafi interneetii torban keessatti magaalotni naannoo Tigiraay argatan akka jiran hoggantootni dhaabbilee kanneenii BBCtti himan.

Sababa lola naannoo Tigiraay keessatti uumameen tajaajilawwan akka ibsaa, bilbilaafi interneetii addaan citanii ture.

Tajaajilotni kunneen naannichatti gariin kan deebi'an tahuu kan himan hoggantootni, dhaabbilee kanneenii magaalota naannichaa baay'ee keessatti kan hin deebineef jechuun akka sababaatti kan himan "mancaatiin tajaajiloota kanneen irra gahe baayyee guddaa tahuudha"jedhu.

Daarikterri Komunikereeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa Obbo Mogos Mokonnin BBC'f deebii yoo kennan, "Hojii ol aantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraay keessa ture irratti sararri daddabarsa humna ibsaa inni guddaan addaan citeera. Insuleeterootni [baattoo ibsaa akka hin tuqamne godhan] caccabaniiru jedhan.

Kana irraa kan ka'es bakka baay'eetti tajaajilli ibsaa addaan citee turuu himan.

Tajaajila bilbilaafi interneetii ilaalchisee hojii gaggeesituun Itiyoo-telekoom Firehiwoot Taammiruu naannichatti sarara bilbilaa irra miidhaan gahe suphamaa jiraachuu himan. ''Haala qabatamaa jiruun ariitiidhaan socho'uun tajaajilicha supphuun xiqqoo rakkisaadha,'' jedhan.

Torban kana keessa suphaa guddaan gaggeeffameera kan jedhan hojii gaggeesituun kun, tajaajilicha kennuu eegaluuf humni ibsaa isaan barbaachisus ammaaf jenereterootaafi kanneen humna aduun hojjetan fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Bakkeewwan suphaan xumurametti tajaajilicha kennuu geenyerra kan jedhan Aadde Firehiwot Taammiruu, Maqaleetti tajaajila bilbilaafi interneetii biroodbaandii kennuufi kanaanis tajaajilli baankii magaalichatti akka jalqabu gochuu himaniiru.Dabalataanis Maachew, Daanshaa, Humaraa, tajaajilli bilbilaa jalqabuu himaniiru.

Allaamaaxaaa irraa jalqabee karaa Humaraa hanga Shireetti miidhaa guddaan tajaajiloota bu'uuraa irra gahuu kan dubbatan Obbo Mogos, sababa kana irraa kan ka'e humni ibsaa adda waan citeef amma suphaa irra jirra jedhan.

Dabalataan tajaajilli humna ibsaa Itoophiyaa kanneen bulchu sararrri rabsa humna ibsaa, giddugalli kenna tajaajilaa ''akka tajaajila ariitiin kennuu hin dandeenyettidha miidhaan kan irra gahe,'' jedhan.

Suphaan isaas waajjiraalee lamaaniin akka gaggeeffamaa jiru himan Obbo Mogos.

Daarikteerichi bakkeewwan akka Allaamaaxaa, Maachew, Mahinii, Ashegodaafi Maqalee fi magaalotni xixiqqoon naannoo isaanii jiran tajaajilicha argachaa jiraachuus himaniiru.

Haatahu malee, hanga ammaatti magaalotni akka Aksum, Aduwaa, Shiree, Shiraaroofi naannoo Walqaayit miidhaan gahe haalaan guddaa waan taheef tajaajila ibsaa argachuu akka hin dandeenye himan.

Aksum, Shireefi Aduwaatti hojiin suphaa muraasa hafe xumuruuf akka hojjechaa jiranis ibsaniiru.

Daarikteerichi waan addaa yoo uumame irraa kan hafe magaalotni akka Aduwaafi Aksum yeroo torban tokkoo hin caalle keessatti tajaajilicha argachuu akka danda'an himaniiru.

Hojii gaggeesituun Itiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu gidduugalli ol-aanaan naannoo Tigiraay tajaajilu Maqaleetti akka argamu himuun, kaan magaalaa Shireeti jedhan. Sararri Maqaleetii hanga Abbiy Abdii jiru akka malee miidhamuu himan.

Suphaa kanaaf yeroo dheeraa isaan gaafachuu kan himan hoggantuun kun amma sarara Km98 tahu xumuruu ibsaniiru.

Tajaajila Shiree jiru jalqabsiisuufis miidhaa Abbiy Abdii fi Shiree gidduutti dhaqqabe suphuun dirqma tahuu himan.

Gara Aksumitti suphaan gaggeeffamus naanno Wuqirootti meeshaaleen tokko tokko taworii irraa hatamuu ibsan. Dhaabbanni isaanis meeshaalee hataman kanneen bakka buusaa jiraachuu himan.

Ogeessota sodaa nageenyaa keessa tahuun hojjetan

Bakkeewwan suphaa jiran tokko tokkotti gareen haleellaa raawwatee baqatu akka jiran kan himan hoggantootni dhaabbilee kanneenii hanga ammaatti hojjettoota isaanii irra miidhaan gahe jiraachuu baatus gochaawwan akkasii garuu hojii irratti gufuu tahuu akka danda'an dubbatu.

Dabalataan daangaan sochii jiraachuu fi miidhaan gahe guddaa tahuun isaa hojii amma itti jirani irratti gufuu tahuu fi tajaajila ibsaa fi bilbilaa kennuuf rakkachuu himu.

Hojichi ''itti gaafatamummaa fi balaa kan qabu'' tahuu kan himan obbo Mogos bakkkeewan tasgabbaa'anitti hojiin xumuramus harkifannaan tokko tokko yoom hojichi xumuramee tajaajila kennuu jalqaba kan jedhu guyyaan adda baasuun dubbachuuf nama rakkisa jedhan.Fireehiwoot Taammiruu akka jedhanitti tajaajili bilbilaa Wuqiroo, Adigiraat, fi naannoo Nagaashii hojiin muraasni qofa hafuu himuun yeroo gabaabaatti akka xumuruu malan himan.

Naannichatti ''sarara telekoomii irra miidhaa guddaan gaheera, meeshaalee baay'een keessaa hir'ataniiru, irra naanna'anii hojjechuuf haalli nageenyaa mijataa miti' jedhan .

Hojii suphaa isaaniis ariitiin xumuruun aduu ji'a tokkoo keessatti tajaajila kennuu akka eegalanis himaniiru Fireehiwoot Taammiruu.

Itiyoo-Te;ekoom Riijinii Kaabaa irraa hojjettoota 746 kan qabu yoo tahu isaan keessaa hanga ammaatti hojjettootni 699 tahan gara hojii isaaniitti deebi'uu himaniiru.

Miidhaan gahe ni beekamaa?

Obbo Mogos BBCtti akka himanitti miidhaan gahe Allaamaaxaa irraa gara Maacheew, Mahinii, Maqalee, akkasumas Ashagodaatii hanga Aksum sarara humna ibsaa jiru kan humna Kiiloo Vooltii 230 baachuu danda'u tahuu himan

Sararri kunneen humna Kiilo Vooltii 230 haa baataniyyuu malee naannichatti bakka adda addaatti kan geessan buufataalee rabsa humna ibsaa 11 kan bahanii fi galan qabu jedhan.

Bakkeewan adda addaa bira hin gahamne dabalatee miidhaan gahe guddaa tahuu kan himan Obbo Mogos qabeenya manca'ee fi suphaaf maallaqni bahe guddaa waan taheef ammatti maallaqaan tilmaamuun rakkisaa taha jedhan.