Talaalliin Covid yeroo jalqabaaf karaa Covax addunyaarratti dhiyaachuu eegale

Biyyi Gaanaa talaallii koronaavaayirasii gama sagantaa talaallii waliin gahuu Covax dhiyaatu fudhachuun biyya jalqabaa taate.

Sagantaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa qindeessu kun talaalliin koronaavaayirasii biyyoota hundatti karaa haqaan raabsamuu mirkaneessuurratti hojjata.

Covax talaalli Covid doozii biliyoona xumura baraa kanaatti biyyoota addunyaatti rabsuu kaayyeeffateera.

Biyyoonni diinagdeen badhaadhan harki caalaan talaalli ji’oota muraasa dura kennuu kan eegalan wayita ta’u, talaallii hamma barbaadamu ol ajajachuu ykn bitachuu isaaniif qeeqamu.

Talaalliin doozii 600,000 AstraZeneca fi Yunvarsiitiin Oksfoord walta’iinsaan hojjatan Roobii ganamaan magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa qaqqabeera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi UNICEF walta’iinsaan ibsa kennaniin ''yeroo murteessaa ta’etti qaqqabe'' jedhan.

‘’Talaalliin Covid Gaanaa gahuun yeroo murteessa kanatti weerara dhibichaa goolabuuf gargaara'' jedhan.

Biyya lixa Afrikaa kan taate Gaanaan, namoota vaayirasichaan qabaman 80,700 ol galmeessite keessaa, namoonni 580 erga weerarri dhibee ka’ee asitti du’aniiru.

Sababii qorannoon gaggeeffamaa ture hir’ateef lakkoofsi namoota dhibichaan miidhamanii xiqqaachutu amanama.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi UNICEF ‘‘dambaliin talaalliin marsaa jalqabaa kun biyyoota hiyyeeyyii fi galii giddugaleessaa qaban hedduutti babal’ataa’’ jedhan.

Talaallichi daa’immaniif kan karoorfame ta’uu baatus, UNICEF rabsaa talaallichaarratti kan hirmaate dhiyeessii talaallii irratti ogeeyyii horatee fi loojistiikii sababii qabuuf ta’uun ibsameera.

Covax maali?

Covax sagantaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaanii ‘Gavi’ fi gartuu ‘Epidemic Preparedness Innovations’ jedhamu wajjin walta’iinsa uume, biyyooni hiyyeeyyiin talaallii Covid argachuurratti boodatti akka hin hafne deeggaruuf kayyeeffamedha.

Sagantichi kan hundeeffameef biyyoonni dinagdeen badhaadhan, biyyoota hiyyeeyyiin talaallii akka argachuu danda’an maallaqaanis akka deeggaran yaadameeti.

Sagantaa kanaan talaalliin dooziin biliyoona lama biyyoota 190tti waggaa tokko keessatti akka dhiyeessutu abdatama.

Keessattuu, biyyootni hiyyeeyyii 92 akkuma biyyoota dureeyyii talaalliin akka qaqqabu mirkaneessuuf sagantaa yaadamedha.

Biyyoonni Afrikaa harki caalaan sagantichaan talaalli akka argatan karoorfameera. Haatahu malee biyyoonni akka Senegaal fa'i sagantaa kanaan alatti talaallii ofiisaanii bitataniiru.

Sagantaa kanaan haga ammaatti doolaarri biiliyoona 6 kan argame yoggaa tahu, karoorasaa kan bara 2021 galmaan gahuuf doolaarri Ameerikaa biilyoona 2 dabalataan barbaachisa.