Koronaavaayiras: Itoophiyaan ji'a lamaan itti aanan keessa talaallii Covid-19 mil. sagal alaa galchuuf

Itoophiyaan ji'a lamaan dhufan keessa talaallii Covid-19 miliyoona sagal biyya alaatii galchuuf hojjechaa akka jirtu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa himan.

Ibsa Kibxata har'aa kennaniin kana kan dubban Dr. Liyaan, talaalliin kun akkuma biyya galeen dursi kan kennamuuf lammilee carraan isaan koronaavaayirasiif saaxilamuu ol-aanaa ta'aniif jedhan.

Haaluma kanaan ogeessota fayyaa, hojjetoota fayyaa hawaasaa, warreen tajaajila geejjiba hawaasaarratti bobba'aniif dursi ni kennama jedhan.

Akka Dr. Liyaan jedhanitti, gareen akka biyyaatti hundeeffame kenniinsiifi to'annoon talaallii akka si'aayina qabaatu taasisa.

Itoophiyaafi biyyoonni biroon akka Itoophiyaa dhaabbata dhimma talaalliirratti tumsa kennu COVAX jedhamu waliin ta'uun hanga dhuma 2021tti ummata isaanii harka dhibba keessaa 20 talaaluudhaaf hojjechaa jiru, jedhan Dr. Liyaan.

Itoophiyaanis talaallii kana kan gara biyyaatti galchitu karaa COVAX akka ta'e himameera.

COVAX dhaabbata biyyoota dinagdeensaanii dadhabaafi giddu-galeessa ta'aniif talaallii dhiyeessuudhaaf kaayyeefate yoo ta'u, Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi dhaabbileen fayyaa idil-addunyaan kan hundeeffamedha.

Biyyoonni Afrikaa hundisaanii karaa dhaabbata kanaa fudhachuuf jiru.

Kan jechuun ammoo karaa dhaabbata kanaa talaalliin kun hayyama argatee yoo mirkanaa'een booda Afrikaan talaallii miliyoona 220 argatti.

COVAX dhuma bara 2021 irratti talaallii Covid-19 biliyoona 2 ta'u bituuf karoora qabateera.

Afrikaan talaallii Covid-19 biyyoota ardittii keessa jiraniif rabsamu yeroodhaaf doozii miliyoona 270 karaa Gamtaa Afrikaa argachuun ishee ibsameera.

Talaalliin argame hundi ammoo bara kana keessa hojiirra akka oolu Pirezedaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waadaa galanii ture.

Talaalliin doozii miliyoona 270 amma Afrikaan argatte kun kan kanaan dura waadaa galama doozii miliyoona 600 irratti dabalata ta'us, ammallee ummata ardittii guutummaatti talaaluudhaaf gahaa miti.

Kana waan ta'eefis, biyyoonni harka qalleeyyii addunyaa kanaa talaallii argachuudhaaf yeroo dheeraaf eeguu danda'u yaaddoon jedhu jira.

Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniifi dhibee kanaan lubbuun darbuu gadi aanaa ta'ullee, biyyoota tokko tokko keessatti garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii irra deebiyee dabalaa jira.