Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fakkii kaangaaroo dhagaarratti kaafameefi umrii waggaa 17,300 lakkoofsise Awustiraaliyaatti argame
Saayintistoonni Awustiraaliyaa fakkii dhagaarratti kaafame umrii hunda caalaa dheeraa qabu kana argachuu ifoomsan.
Fakkiin kangaaroo argame kun umrii ganna 17,300 qaba.
Fakkichi meetira 2 kan dheeratu wayita ta’u, halluu biyyee diimaarraa lafa keessa argamuun bantii holqaa tokkoo keessatti kaafamee argame.
Fakkiin kun lixa Awustiraaliyaa naannoo Kimberlii jedhamu keessatti argame.
Umriin fakkii kanaa mala umrii raadiyoo-karbooniitiin mandhee sonsi ijaarratu ka’umsa godhachuun umrii fakkichaa murteessuuf itti gargaaramaniiru.
Argannoon kun barruu ‘Nature Human Behaviour’ jedhurrarrattis maxxanfame.
Qorataan sonsarratti bu’ureffachuun umrii lakkaa’uu akka tooftaa tokkotti itti fayyadamuu eegale Dr Damiin Finch akka himetti, mandhee soonsaa fakkicha irra keessaa fi jalasaatti arguu dubbate.
Samuda mandhee soonsa kanaa fudhachuun umrii fakkichi qabachuu danda’u gartuun qo’annoo tilmaamuuf itti fayyadaman.
''Mandhee sonsaa fakkicha jalaafi gubbaatti sadii, sadii ta’ee argamu' mala raadiyoo kaarboonitti gargaaramuun umriisaanii murteessuuf itti gargaaramne, fakkiin kun ganna umrii ganna 17,500- 17,100 gidduu ta’e akka qabu ofitti amanamummaan nan dubbadha,'' jedhan ogeessi yunvarsiitii Melborn Dr Finch.
Saayintistoonni akka himanitti, tilmaamni umrii fakkiin kun qabu, hojii aartii harka namaatiin kaafame Awustiraaliyaa keessatti umrii dheeraa qabu isa taasisa jedhan.
Qo’annoo kana gargaare kan barreessee ogeessi Yunvarsiitii Westarn Awustraaliyaa Dr Sivin Ozmaan itti dabaluun akka ibsanitti, fakkiin kangaaroo sun hojii aartii bara durii naannicha ture agarsiisa.
''Fakkiin kangaroo sun suuraalee odola Kibba Baha Eeshiyaa keessatti dhagaarratti kaafaman kanneen umrii ganna 40,000 qaban wajjin wal fakkaatu,'' jedhe.
Ogeessii kun walitti hidhanni aadaa naannicha gidduu jiraachuu fakkiin dhagaarratti dur Awustiraaliyaatti kaafame kun akeektuudha jedhe.
Jalqaba bara kanaatti qorattoonni addunyaarratti fakkii booyyee holqa keessatti kaafame kan umrii waggaa 45,000 lakkofsise odola Indoonizhiyaa Sulawesii jedhamturratti argataniiru.
Fakkiin Afrikaa Kibbaatti argameefi mallattoo haashtaagii # fakkaatu qabu umrii ganna 73,000 lakkoofsise, hunda caalaa fakkii umrii dheeraa qabu lakkoofsise ta’uutu himama.
Fakkiin kaangaaroo umrii dheeraa lakkoofsi Awustiraaliyaatti argame kunis hawaasa jalqaba Awustiraaliyaa keessa jiraataani fi lammilee Awustiraaliyaa biroof bu’aa akka qabu dura teessuun Balanggarra 'Aboriginal Corporation' jedhamuu Kirisii Gori- Birch ibsteetti.