Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buqqeen mataa waggaa miiliyoona lamaa argame, kan 'durbii ilma namaati' jedhame
Qorattootni Awustiraaliyaa buqqeen mataa umrii waggaa miiliyoona lama qabu kan Afrikaa Kibbaatti argatan, achii dhuftee dhala namaarratti hubannoo haaraa dabala jedhan.
Buqqeen mataa dhiiraa argame kan gosa Paaraantiroopas Roobustas jedhamu yoo ta'u, hortee eessuma ykn adaadaa gosa Hoomoo Irreektas akka ta'e ibsameera.
Hoomoo Irreektas ammoo hortee dhala namaa isa ammayyaa kanaa waliin kallattiin walfakkaata jedhama.
Gosootni lameen kun yeroo walfakkaatuttii lubbuun jiraachaa turanii, Paaraantropas Roobustas dursee addunyaarraa dhabameera jedhamee amanama.
Argannoo alanaa kanaan qorattootni arganno dinqiidha jedhaniiru.
''Hambaan kanaan dura argamaa ture ilkaan asittis achittis argamu ture, waan akkanaa yeroo hedduu hin argamu, carroomneerra,'' jedhan Dr. Anjeliinaa Leese.
Qorattootni kunniin Awustiraaliyaa magaal Meelbarnitti Yunivarsitii argamu Laatroobee jedhamurraa kan dhufan yoo ta'u, bakka qorannoo Arkiyoolojii Diriimoleen jedhamu dhiyeenya magaala Johaanisbargitti buqqee mataa kana bara 2018'tti argatan.
Naannoodhuma kanarraa osoo hin fagaatiin bara 2015'ttis, buqqeen mataa daa'imaa kan gartuu Hoomoo Irreektas argamee ture.
Qorattootni kunniin waggoota darbanitti argannoo isaanii xiinxalaa erga turanii booda bu'aa qorannoo isaanii barruu 'Nature, Ecology and Evolution' jedhurratti har'a maxxansaniiru.
'Sanyii waldorgoman'
Waggoota hedduu dura gartuuleen dhala namaa amma jiru waliin walfakkaatan sadii, yeroo walfakkaataatti Afrikaa Kibbaa keessa jiraachaa akka turan amanama.
Qorataan garee kanaa Maartiin akka jedhanitti, gosti Parantroopas Roobustas ilkaan gurguddaafi sammuu xiqqoo kan qaban yoo ta'u, Hoomoo Irreektas ammoo sammuu guddaa fi ilkaan xixiqqoo qabu jedhan.
Warri Roobustaas biqiltoota gosa akka dinnichaa akka sooratan amanama.
Qorattootni kun haalli qilleensaa jiidha qabu kan sababa jijjiirama qilleensaan dhufe hanqina gosa nyaataa isaan soratanii fiduu hin oolu jedhu.
Hoomoo Irreektas ammoo ilkaan isaanii xixiqqoon biqiltootas foonis soorataa akka turan tilmaamu qorattootni.
Gosootni adda addaa lamaan kun ...qorannoo jijjiirama suutaa dhala namaa keessatti bakka walirraa addaa qabu,'' jedhu Dr. Leeseen
''Gosoota dorgomaa turan keessaa achii dhufteen keenya kan isa injifatee bahe ta'a, hambaalee argannerraa waggaa miiliyoona lama dura Paraantroopas Robustas, Hoomoo Irreektas caala gosa hedduminaan ture dha.''