Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US haleellaa Kaappitol qaama walabaan qorachiisuuf
Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa US Naansii Peloosii komishiniin walaba ta'e haleellaa Kaappitol kan Amajjii 6 deeggartoota Tiraampiin raawwatame qorachuu akka qabu Kongireesiin ni hojjeta jedhan.
Xalayaa seera baastotaaf ergan keessatti komishiniin walabaa qorannoo Kaappitaal gaggeessu kun kan haleellaa 9/11 qorateen wal fakkaata.
Haleellaan 9/11 jedhamuun beekamu kan Fulbaana 11 bara 2001 New York fi Pentaagon irratti raawwatameedha.
''Haleellaan Kaappitaal akkamiin akka raawwate dhugaasaa baruu qabna'' jedhan.
Pirezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp sagaleen ga'aan isaan himachiisu waan irratti hin kennamneef Seeneetiidhaan himatamuu jalaa oolaniiru.
Ergasiis garuu dimokiraatonnii fi rippaablikaanonni hangi tokko haleellaan lubbuu namoota shanii galaafatee fi maqaa dimokiraasii biyyattii xureesse kun akka qaama walabaan qoratamuu qabu ifaajaa jiru.
Naansii Peloosii akka jedhanitti hoogganaan waraanaa US Lefteenant Jenaraal Russel Honore erga haleellaa Kaappitaal irratti raawwatee booda haala nageenyaa naannawaa sanaa fooyyessuuf qorannoo gaggeessaa turan.
Akkaataa argannoo jalqabaa qondaala waraanaa olaanaa kanaan nageenya miseensota Kaappitaal eeguuf baajati guddaan dabalataan akka barbaachisu hubanneerra jedhan.
Seenaa pirezidantoota US keessatti namoonni osoo aangoorra jiranii buqqifamuuf himataman lama turan, Aab Tiraamp ammoo pirezidaantii yeroo jalqabaaf si'a lama himatamaniidha, garuu yeroo lammanuu himatisaanii adda citeera.
Tiraamp himatamuuf sagalee Seeneetii 2/3ffaa argachuutu irra ture, garuu dimokiraatota 48, miseensota walabaa lamaa fi rippaablikaanota torba qofatu sagalee kennan.
Sagaleen miseensonni Seeneetii kennan 57, Tiraamp himatamuuf garuu sagalee 67 barbaachisa.
Himati Tiraamp adda cituu hordofee yaada kan kennan Pirezidaant Joo Baayidan kun dimokiraasiin laafuufi cabuusaa agarsiisa jedhan.
Adeemsa himannaa kana bifasaa jijjiiranii akka itti fufanis ibsan.
Aab Tiraamp himatisaanii adda cituutti erga gammachuusaanii ibsatanii booda, himati narratti baname doorsisa mormituu irratti godhamuudha jechuun bulchiinsa Baayidan qeeqan.