Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp ammas Seeneetiin himatamuu jalaa oolan
Seneetiin Ameerikaa Doonalad Tiraampiin hokkora kakaasan jedhee himachuuf sagalee 2/3 argachuun kan irraa eegamu ta'us sagalee deeggarsaa kana dhabuun Tiraampiin himachuun osoo hin milkaahiin hafeera.
Harki caalaan Dimookraatatotaafi Rippaablikaanotni muraasni Tiraamp guyyaa gaafa Amajjii 6 haleellaa deeggartootni isaanii Kaapitaal Hiil irratti raawwatan kakaasaniiru jechuun Mana Maree bakka bu'ootaatti isaan himachuu danda'anii turan.
Seeneetii teessoo 100 qabu kan dhaabotni lameen qixxee qooddatan keessaa Dimookraatota shantama silayyuu Tiraampiin himachuu deeggaraniin dabalataan Ripaablikaanotni 17 osoo itti ida'amanii Tiraamp lamuu aangoo mootummaaf akka hin dorgomnetti himatamuu danda'u ture.
Haata'uuti sagalee sassaabameen Dimookraatotni hundi deeggaranii Rippaablikaanota keessaa ammoo namoota torba qofatu deeggare.
Kana jechuun sagalee deeggarsaa dabalataa 10 dhabuun Tiraamp himatamuu jalaa oolan jechuudha.
Tiraamp himannaan isaanii erga kufaa ta'eefii ibsa baasaniin ''seenaa keessatti deemsa diinummaa uummataa isa guddaadha'' jechuun balaaleffatan.
Tiraamp seeneetiitti akka himataman yeroo yaaliin godhamu kun isa lammataadha.
Tiraamp osoo himatamaniiru ta'ee murtee seeneetiin murteessu keessa inni guddaan Tiraamp irra deebiin aangoo mootummaaf akka hin dogomne dhorkuu ture.
Sagaleen erga lakkaahamee booda kongireesii keessatti miseensi gameessi Rippaablikaanotaa Mitch McConnell Tiraamp haleellaa Kaaapitaliif gaafatama qaba, hojii isaa akkaan bahachuu dhabuun qaanessaadha jedhan.
Namni kun kana dura Tiraam akka hin himatamne nama sagalee kennan turan. Sababni ammoo turtiin aangoo isaanii dhumee pireezidantii ta'anii waan hin jirreefi kan jedhu ture. Himannaan isaanii akka barfatus gahee bahaa turan jedhama.
Ta'us ammallee Tiraamp mana murtiitti himatamuu maluu jedhaniiru.
Pireezidant Joo Baayidan ''sagaleen dhumaa akka himatamu karaa banuu baatus, dhimmi ittiin himatamuuf turan nama hin falmisiisu'' jedhan.
''Boqonnaan seenaa keenyaa gaddisiisaan kun Dimookraasiin raafaamaa ta'uu nu yaadachiisa. Ittisa isaaf dhaabachuu feesisa. Yeroo hunda of eeggannoon eegamuu qaba. Hokkorri fi finxaalessummaan Ameerikaa keessatti iddoo hin qabu. Hundi keenyayyuu akka lammii Ameerikaatti dirqamaafi gaafatama qabna, keessumaa ammoo akka hooggantootaatti dhugaa eeguufi soba injifachuuf'' jedhan.