Dubartiin Awurooppaa umuriin raagan, guyyaa dhalootasaanii 117 kabajuun dura Covid-19 qabamanii bayyanatan

Sister Andre speaking to the French media last year

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sistar Andireen koronaavaayirasiin qabamuu hin sodaanne jedhan

Maanguddoon ganna 117 guyyaa dhalootasaanii kabajuuf guyyoonni muraasni qofti wayita hafetti koronaavaayirasin qabamaniillee du’a jalaa bahanii irraa bayyanataniiru.

Dubartiin lammii Faransaay umriin raagaan kun Awurooppaatti namoota hunda caalaa umrii dheeraa jiraatan yogguu tahu, monokuseedha.

Lusili Randan maanguddoon bara 1944 irraa eegalee maqaa Sistar Andiree jedhun waamaman, Amajjii 16, bara 2021 koronaavaayirasiin qabamanillee, mallattoo dhibichaa agarsiisaa hin turre.

Maanguddoon umriin raagaan kun miidiyaa biyyattiitti akka himanitti vaayirasichaan qabamuu hin beekan ture.

Maanguddoon kun mana jireenyasaanii Kibba Firaansaay Tohulonitti argamutti addatti fo’amanii kan turan wayita ta’u, amma guutummaatti dhibicharra bayyanataniiru.

Sistar Andriin qaroo dhabeettifi wilchariidhaan deemu ture. Maanguddoon kun Kamisa dhuftu kana guyyaa dhalootasaanii 117 kabajuuf jiran.

Kabaja guyyaa dhaloota kanarratti namoonni hedduun akka duriitti hin argaman, namoota muraasa qofatu wajjin kabaja.

Dubbi himaan iddoo kunuunsa maanguddotaa soorama bahanii Seent Labohuri Deevid Tavela, dubartiin kun ni carroomanii jedhe.

Gaazexaa Vaar Matin jedhamutti akka himetti, maanguddoon kun dhimma fayyaasaanii ilaallatu ilaachisuun gaaffii hin dhiyeessine ture.

Maanguddoon kun ''sa’aatiin irbaata ykn hirriibaa tarii wayi jijjirame?'' jedhanii gaafata turan.

''Dhibicha hin sodaanne, taatullee waa’ee jiraattoota magaalichaa biroo yaaddofti,'' jedhe dubbi himan iddoo soorama maanguddotaa kun.

Sistar Andiriin Guraandhala 11 bara 1904 kan dhalatan. Dubartiin kun Awurooppaatti nama umrii dheeraa jiraatan yoo ta’an, addunyaarrattu nama umriin raaganii fi jiraata jiran lammaffaadha.

Maanguddoon kun vaayirasichaan qabamuun wayita sodaattaniittuu? jedhamanii gafatamaniitti, ''lakkii hin sodaanne, ani du’a hin sodaanne,'' jedhan.

Maanguddoon kun midiyaa biyyattiin wayita gaafatamanitti ''As isin wajjin tahuu kootti nan gammada, garuu iddoo wayii otoon dhaqeen hawwa -bakka obboleessi koo, akkoof akaakaan koo jiran dhaquun fedha,'' jedhan.