Covid: Maanguddoon waggaa 100 Covid ittisuuf paawundii mil. 33 walitti qaban Covid-19n du'an

Madda suuraa, Reuters
Tibba koronaavaayirasiin jalqabetti kabaja hojjattoota fayyaa Ingliziif qaban mul'isuuf jecha paawundii miliyoona 33 walitti qabuun maqaa olaanaa argatanii kan turan Kaapteen Toom Muur umurii waggaa 100tti Covid-19n kan boqatan.
Maanguddoon kunis dhuma torban darbeerra rakkina argansuun walqabatee mudateen Hospitaala Beedford jedhamu galanii turan.
Toom Muur sochii mallaqa walitti qabuun tajaajila fayyaa biyyattiin kan ta'e NHS'f paawundii miliyoona 33 deeggaranis Ministira Mummee biyyattiin 'Goota dhugaa'' jedhamanii ture.
Intalli isaanii Haanaa Ingiraam Muur abbaan ishee torban darbe keessaa sombasaanii dhukkubsataa akka turaniifi torban kana ammoo koronaavaayirasiin qabamu dubbattee turte.
Sababa dhibee biraatiif wallaanamaa turaniif koronaan miidhamus maatiin beeksiisan.
Maanguddoon kun sooramaa waraana addunyaa lammaaffaa yoo ta'an, dirree garduubee manasaaniitti argamuutti marsaa 100 imaluun ture maallaqa gargaasa dhaabbata fayyaa biyyattiif arjooman kan walitti qabanii turan.
Kanas kan raawwatan osoo guyyaa dhalootasaanii 100 hinguuiin dura ture.
Waa'ee boqachuu abbaa isaanii ilaalchisees Haanaa Ingiraam Muuriifi Liisii Tiiyakseeraa akka jedhaniitti ''Waa'ee du'a du'a abbaa keenyaa Kaapiteen Toom Muur yoo himnu gadda olaanaatu nutti dhagahama'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Sa'aatii dhumaatti abbaa isaanii waliin ta'usaaniittis kabajni olaanaan kan itti dhagahamu ta'us ibsan ijoolleen isaa kunneen.
''Saa'iiwwan muraasaaf waa'ee ijoolluummaa keenyaa, waa'ee haadha keenya jaalatamtu turtee fa'i isa waliin haasa'aa turre. Sa'aatii dheeraaf kofallee, boonyees turre. Bara darbees abbaan keenyeen yaadee kan hinbeeknetu fiixaan baheefii ture'' jedhan.
Itti dabaluunis ''Yeroo gabaabaaf ta'ulleen abbaan keenya waan hindagatamne sammuu namoota baayyee keessa kaa'eera. Nuuf ammoo abbaa fi akaakkayyuu ajaa'ibaa ture. Yeroo hundumaa sammuu keenya keessa jiraata'' jechuun gaddasaanii himan ijoolleensaa kunneen.
Tajaajlli fayyaa biyyaalessaas kunuunsa abbaa isaaniitiif taasisan illeen dinqisiifataniiru.












