Lola Tigray: Somaaliyaan lola naannoo keessaa harka hin qabu jette

Motummaan Somaaliyaan gabaasawwan dhiheenya kana lola Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti gaggeefamee ture keessatti loltonni isaa Eertiraatti leenjii'aa turan hirmaataniiru jedhuu dharadha jette.

Ibsi kunis kan kenname erga qondaalli tikaa biyyattii duraanii loltoonni Somaaliyaa dhibba hedduun lakkaa'aman erga leenjiisaanii Eertiraatti xumuraniin baatiiwwan muraasaa booda lola Itoophiyaa keessatti ajjeefamaniiru jechuun himanii booda.

Hogganaa Olaanaan Ejansii Tikaa fi Nageenya Biyyaaleessaa Somaaliyaa (NISA) duraanii, Abdisalaan Yusuuf Guleed, ragaa qabatamaa osoo hindhiyeessiin ture gaaffiifi deebii raadiyoo biyya keessa tokko waliin taasisan irratti, ''loltoonni Somaaliyaa 400'' lola dhiheenya kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti gaggeefameen ajjeefamniiru kan jedhan.

Akka qondaala kanaatti, loltoonni Somaaliyaa naannoo Tigraayitti ajjeefaman kan umuriinsaanii waggaa 20-30 jidduutti argamuu fi Humnootii Waraana Biyyaaleessa Itoophiyaa waliin ta'uun lolaa turan.

Himannaan kunis Somaaliyaa keessatti battalumatti kan tatamsa'e yoo ta'u, maatiiwwan ijoolleensaanii leenjii loltummaatiif biyyaa ala deeman yaaddoosaanii ibsuun motummaan Samaaliyaa eessa akka jiraniifi lubbuun jiraachu ykn du'usaanii irratti ibsa akka kennuuf waamicha taasisaa jiru.

Ministirri Odeeffannoo Somaaliyaa, Osmaan Abukaar Dubee garuu himannaa kana kuffiisuun, umnnootiin Somaaliyaa lola naannoo Tigraay Itoophiyaa keessatti hirmaatan akka hinjirree waakkatan.

Gaaffiifi deebii BBC Somaalii waliin taasisaniin, Aab Dubee, ''kana duras ololli loltoonni Somaaliyaa lola Libiiyaa fi Azarbaajaan keessatti hirmaataniiru jedhu tamsaafamee ture garuu booda dhara ta'uun barame,'' jedhan.

Ammas himannaan loltoonni Somaaliyaa lola Itoophiyaa keessatti hirmaataniiru jedhu dhara jedhaniiru.

Haata'u malee aanga'oonni Itoophiyaa himannaa kanarratti hanga yonaatti kan jedhan hinjiru.

''Oduun loltoonni Somaaliyaa kan Ertiraa keessatti leenjiirra turan lola naannoo Tigraay irratti hirmaataniiru jedhu dhugaarraa kan fagaatee fi dubbii daldala siyaasaa ittiin argachuuf raawwatamedha'' jechuun TV biyyattii irratti dubbbatan.

Namoonni raayyaa waraanaa keenya irraa bu'aa siyaasaa argachuuf yaaluun isaanii nama gaddisiisas jedhan.

Ministirichi itti dabaluunis, mootummaan Itoophiyaa Tigraay keessatti loluuf Somaaliyaa loltootashee hin gaafannee jedhan.

Lola naannoo Tigraay keessa ture irratti loltoonni biyya biraa hirmaataniiru jedhamuun yoo dhagaahamu kun kan duraa miti.

Loltoonni Eertiraa lola kana keessaa qooda fudhachuu TPLF Sadaasa jalqaba akkuma lolichi eegaleen himaa turte.

Aanga'oonni Eertiraa fi Itoophiyaa kanaa haalaa turanis booda kantiibaa haaraa magaalaa Maqalee dabalatee ajajaan waraanaa izii Kaabaa loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiraachuu ragaa bahanii jiru.

Loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiran qabeenya saamuu fi sarbama mirgaa adda addaa lammilee nagaa irratti raawwachuunis komatamaa turan.

Lolli kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay, Sadaasa 4, 2020 erga humnootiin TPLF waraana motummaa federaalaa Izzii kaabaa irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda eegalame.

Isaan boodas humni raayyaa Ittisa biyyaa lola torbanoota muraasaan booda Magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'annoo jala oolchuu fi tarkaanfiin ittaanuu humnootii TPLF haleellaa raawwatame jedhame keessaa harka qabu jedhaman adamsanii to'achu ta'u MM Abiy Ahimad himanii ture.

Haata'u malee lola naannochatti gaggeefamee kana keessatti loltoota Ertiraa dabalatee loltoonni Somaaliyaa kan Ertiraatti leenjii'aa turan hirmaachu odeeffannoon bahaa turan.

Motummaan Ertiraa fi Itoophiyaa loltoonni isaa lola Tigraay keessatti qooda akka hinfudhan kan hime yoo ta'u, ammaa motummaan Somaaliyaanis haaluma walfakkaatuun oloola siyaasaati jechuun himannicha kufiifte jirti.