Lola Tigraay Itoophiyaa: Lola mootummaa federaalaa fi TPLF keessatti qooda Eertiraa

Pireezidantiin Eertiraa akka nama 'addunyaan gatteetti' ilaalamaa turan Isaayyaas Afawarqii loltoota Itoophiyaa haleellaa TPLF dheessanii garas baqataniif deeggarsa yeroositti daran isaan barbaachisu godheefi michuu badhaafamaa Noobeelii MM Abiy Ahimad ta'uu isaa mirkaneesse.

MM Abiy tibba darbe paarlaamaatti yoo dubbatan Eertiraan, loltoota Itoophiyaa garas baqatan - laatteefii, itti uwwistee akkasumas hidhachiiftee akka deebi'anii lolan goote jedhan.

"Uummanni Eertiraa fira yeroo rakkoo nu waliin dhaabbatan ta'uu nuuf mirkaneessani" jedhn MM Abiy.

Loltoonni gara Eertiraa baqatanii achitti of ijaaranii deebi'anii lolan, humna TPLF loltoota 250,000 qabu jedhamee tilmaamamu injifachuun akka danda'amu gumaachaniiru.

MM Abiy Eertiraan loltoota ishee ergitee TPLF waraanaa turuu wanti jedhan jiraachuu baatullee, Eertiraan loltoota Itoophiyaa hidhachiisuu dubbachuun matumaan isaa waan guddaadha.

Hospitaalonni haleelamuu

Loltoonni Eertiraa waraana kanarraatti hirmaachaa jiru jechuun jalqaba kan himate TPLFdha. Booda lammileen nagaa lolicha baqatan akkasumas lammileen Eertiraa biyyattii keessaa fi ala jiran waan kana dubbachuu eegalan.

"Isaayyas dargaggoonni Eertiraa akka du'an Tigraayitti ergaa jira. Lolichi diinagdee biyyattiis ni miidha. Garuu Isaayyaas aangoorra akka turu isa gargaara. Namoonni lubbuu isaaniif akka lolan, garuu bilisummaa isaaniif akka hin lolle godhe," jedha Phaawuloos Tasfagiyoorgis, falmaan mirgoota namoomaa lammii Eertiraa ta'e.

Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Ameerikaa Eertiraan lola kanarratti hirmaachuu 'gabaasaalee amanaman' jiru kan jedhe yoo ta'u, kunis 'waan akka malee hamaadha' jedhe.

Mootummoonni Itoophiyaa fi Eertiraa dhimma kana ni waakkatu. Ministirri haajaa alaa Eertiraa Osmaan Saalee "pirooppaagaandaa" jechuun gabaasaalee Ameerikaan baantu kuffisan.

Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guterees loltoonni Eertiraa Tigraay keessa akka hin jirre MM Abiy naaf mirkaneessaniiru jedhan.

Haa ta'u malee waliigaltee seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Eertiraan bara 2018 irra gahaniin lafa Eertiraaf mala jedhamerra loltoonni Eertiraa jiraachuu MM Abiy qondaala UN kanaaf himaniiru.

Waliigalteen sun wal-diddaa bara 1998 hanga 2000 biyyoota lamaan jiddu ture kan gama lamaaniinu namooti 100,000 ol itti dhumanitti xumura godhe.

Waliigaltee kana hordofuun MM Abiy badhaasa Noobeelii nagaa badhaafamanillee, lafti Eertiraaf dabarsitee kennuuf Itoophiyaan itti waliigalte hanga lolli Tigraay eegaluutti loltoota Itoophiyaa harka ture.

Mootummaan MM Abiy miidiyaa, dhaabbileen UN fi dhaabbileen mirgoota namoomaa gara Tigraay akka hin imalle dhorkuun odeeffannoo mirkana argachuufi sarbama mirgaa gama lamaaniinuu raawwatame jedhamu qorachuuf rakkisaa taasiseera.

Kuni haleellaa daangaa Eertiraa keessaa hospitaala naannoo Tigraay keessa jiru irratti raawwate jedhame dabalata.

Eertiraan waa'ee hospitaala ibsa hoggantuu mirgoota namoomaa UN haleelame jedhame kanaa homaatuu hin jenne. MM Abiy Ahimad loltoonni namoota nagaarraan miidha hin dhaqqabsiifne jedhu.

"Lolichi dukkana jabaa keessatti lolame. Lolichi hagam akka ta'es ta'e miidhaan isaa hagam akka ta'e namni beeku hin jiru," jedha Keeniyaa kan jiru xiinxalaan dhimmoota Gaanfaa Afrikaa Rashiid Abdii.

Loltooti Eertiraa saamichaan himataman

Lolli Tigraay namoota hedduu qe'eerraa buqqisuu isaa maddi UN akka isaaf hime xiinxalaan Ameerikaa buufate Aleeks dii Waal BBC'tti himeera.

"Haala kanaan kan itti fufu yoo ta'e, Tigraay keessatti namni hedduun beela'uu mala," jedha dii Waal.

Abbootii amantaa dabalatee maddeen amanamoo ta'an irraa loltoonni Eertiraa saamicharratti bobba'uu akka odeeffates hima.

"Balbalaa fi meeshaalee mana fincaanii osoo hin hafiin hataa akka jiran odeeffannoo dhagahaa jirra," jedha.

Lammileen Eertiraa ammoo firooti isaanii osoo hin hafiin loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti adda garagaraa irratti lolaa jiraachuu dubbatu.

Loltoonni kun gariin isaanii uffata waraana Itoophiyaa uffatanii lolu jedhan.

Eertiraan loltoonni ishee gonkumaa Tigraay keessa akka hin jirre himti. Ministirri haajaa alaa ishee "nuti keessaa hin qabnu" jedhan.

Dipiloomaatiin duraanii Eertiraa kan amma biyya ambaa jiru Abdallaa Adam loltoonni Eertiraa inni dhuunfaan beeku kan lola Tigraay keessatti madaa'an jiru jedha.

Maddi hospitaala uummataa Kibba Eertiraa magaalaa Sanaafee jiru tokko loltoonni Eertiraas kan Itoophiyaas hospitaalichatti yaalamaa akka turan BBCf himeera.

'Isaayyaas kufaatii TPLF fedha'

Maddeen BBC Eertiraa keessa jiran loltootni Itoophiyaa biyyattiitti baqatanii naannoo magaala Hagaaz jehamutti deebi'anii gurmaa'uun, madoo isaanii hospitaala waranaa dhiyeenyatti argamu Gilaas jedhamutti waldhaansisuu himu.

Biyya UK keessatti barsiisaa kan ta'e Ga'iim Kibre'aab pireezidant Isaayyaas TPLF'n dhabamsiisuuf loltoota isaanii Tigraayitti ergan jedhee amana. Kun erga lola Itiyoo-Eertiraa bara 1998-2000 booda kaayyoo aanga'oota Eertiraa tures jedha.

Bara lola biyyoota lamaanii TPLF aangoo mootummaa federaalaas kan naannoo Tigraayis harkaa qaba.

'' Lola bara 1998-2000 tureen, TPLF ganda xiqqoo Baadimmee jedhamtu to'achuun Pireezidant Isaayyaasiin hamilee cabsiteetti. Manni Murtii idila addunyaallee lafti sun kan Eertiraa ta'uu murteessus, TPLF waggoota 18'f lafa sanarraa loltoota ishee hin baafne.

Pireezidantichi yeroo akka kanaa eeggachaa turan, warri TPLF haxxummaafi obsa isaa salphisanii ilaalan'' jedha Ga'iim.

Nageenyarraa Lolatti

Deggartootni Isaayyaas loltootni Eertiraa akka biyya walabaa tokkotti Baadimmee fi naannoo ishee deebisanii dhunfachuun alatti lola kana keessatti hirmaachuun daangaa Tigraay hin gallee jedhu.

Yaada kanaan addaa kan qaban obbo Phaawuloos ammoo ''Baadimmeen harka Eertiraatti deebiteetti , haata'u malee kun ifatti uummataaf hin labsamne sababni isaas kun yaaddoo Isaayyaas miti. Amallee TPLF'n cabsuuf yaalaa jira'' jedhu.

''Abiy jalqabni isaa nama nagaa buusu fi riifoormii ta'ee , booda qormaata TPLF'n haaloo bahuu harkatti kufe, kun immoo wanta Isaayyaas barbaadudha.''

Humnoonni TPLF Sadaasa 3 hanga rayyaa ittisa biyya izii Kaabaa haleelanii mootummaa gidduugaleessaa aangoorraa busuuf yaalan jedhanii amanannitti waldhibdee TPLF waliin qaban karaa nagaa furuuf yaaluu MM Abiy irra deddeebiin dubbataniiru.

Duula kana keessatti Isaayyaas irraa gargaarsa jabaa argataniis, miidiyaaleen Eertiraa waan ta'aa jiru irratti uummataaf odeeffannoo qoodaa hin turre, misaayela TPLF irraa gara naannoo magaala Asmaraatti furguggifame ilaalchiseellee waa hin dubbanne.

''Tv'n Eertiraa haleellaa boombii Siiriyaa n gabaasa, garuu waayee misaayela Asmaraa qubatee homaa hin jennee'' jedhu aanga'aan duraanii mootummaa Eertiraa kana amma baqarra jiran Daawwit Fisehaayye.

Haleellaa san ilaalchisee Ministirrii Haajaa Alaa Eertiraa ergaa tiwiitaraa maxxansanii turaniin yaaliiwwan ijibbaataa TPLF kana guddisanii dubbachuun hiika hin qabu jedhanii turan.

Baqattoota butaman

Eertiraa keessatti tajaajilli intarneetaa murtaahaadha, miidiyaaleen walabaas hin jiran. paartiileen mormituus hin jiran.

Hireen namoota siyaasaa 11 fi gaazexessitoota 17 waggaa 20'f hidhamanii jiraniis hin beekamu.

Carraan hojii murtaahaa ta'ee kan jiru yeroo ta'u tajaajilli loltummaa dirqama. Sababa kanaattis dargaggoonni kumaan lakkaawaman biyyaa baqachuuf dirqamu. Baqattootni 100,000 ta'aniis waggootaaf kaampii UN Tigraayii qabu keessa jiru.

Ejensiin baqattootaa UN tibba lolaa kana baqattootni kunniin ajjeefamuu, butamuufi dirqiin biyyatti deebifamuu ragaa amanamaa hedduu argadheera jedha.

Ejeensichi eenyu gocha kana akka raawwate eeruu baatus, baqataan BBC'n dubbise garuu loltootni Eertiraa baqattoota kana magaalaa Addigiraat irraa konkolaataatti fe'uun daangaa Eertiraa keessa magaala Adii Qu'aalaa jedhamtu geessuu hima.

Eertiraan himaannaa lola kana keessaa qabdurratti yaada kennuu baattus, kanaan dura Ejeensiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii duula maq baleessii gaggeessaa jira jechuun komateera.

Obbo Daawwit mootummaan Asmaraa jiru yoomuu ni haaroma jedhee hin yaaduu jedhu.

''Eertiraa keessa hanga ammaa jijjiiramni hin jiru. Sababni isaas hooggansi jiru sana hin fedhu. Kufaatiin TPLF's kana hin jijjiiru. Rifoormii eeguun abjuu hin dugoomneedha'' jedhu.