Lola Tigraay: 'Wayita Maqaleen haleelamteetti attamiin akka lubbuun hafne'

Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeeffameen namoonni nagaa akka hinajjeefamiin hima motummaan federaalaa. Haata'u malee jiraattoonni kan himan ammoo faallaa kanaati.

Mucaan warra malee hafe, intalli koomaa keessa jirti, jaartiin ajjeefamte- kanneen jedhan, taateewwan miidhaa hakimiifi jiraatoonni balaa haleellaa waraanaa federaalaa magaalaa Maqalee irratti taasise irraa hafan waan himaniidha.

Ragaa baatoonni kunneenis taateewwan magaalaa guddoo Tigraay- Maqalee kan lafa jireenyaa ummata gara 500,000 taatee himan. Kunis waan Ministirri Mummee Abiy haleellaa sana ilaalchisuun himeen faallaadha.

MM oppireeshinii waraanni federaalaa Sadaasa 28 TPLF seeratti dhiyeessuuf kaaba biyyattii magaalaa maqaleetti fudhateen namni nagaa tokkolleen akka hinajjeefamne paarlaamaatti himan.

Waldhabdee waggoota lamaaf TPLF fi motummaa federaalaa jidduu ture hordofuun, Ministirri Mummee Abiy erga humnootiin Tigraay buufata waraana federaalaa naannoo Tigraay keessatti haleellaa gaggeefameera jechuun himatanii booda, tarkaanfiin akka fudhatamuuf Sadaasa 4,2020 ajajan.

Irra caalaa wayita oppareeshiniin gaggeeffameetti maloonni komunikeshiinii hinturre. Amma tajaajilli bilbila harkaa waan deebii'eef BBC jiraattoota dubbiseera. Nageenyaa isaaniif jechas maqaani isaanii hineeramne.

Akeekkachiisa: ibsi tokko tokkoo miira keessan miidhuu mala

Aanaa Ayidariitti nama mana kireessu:

Dhukaasa cimaa Sadaasa 28, guyyaa Sambataa gaggeeffameen dallaa keessaa manneen afur barbadeesseera. Abbaa, haatii fi obboolaan kiyya lama battaluma sanatti du'an. Reeffii isaanii baayyee hubame. Waggoota jahaaf dallaa kiyya keessa namoota kireeffatanii jiraatanii turan. Kan isaan mudatees baayyee kan mana gaddisiisuudha.

Dallaadhuma sana keessaa dubartoonni biraa sadi irra miidhaa qaqabeera. Lamaan isaanii ammalleen hospitaalaatti argamu.

Haatii warraa kiyyas miidhamte jirti garuu baayyee miti. Anis qoma kiyyarra miidhameera. Lamaan keenya iyyuu Hospitaala Riifaraalaa Ayidarii guyyoota muraasaa dura bane.

Sababii hanqina qorichaa, meeshaalee walaansaafi hakimootaatiin wallaansa sirrii argachuun baayyee cimaa ture. Namoonni miidhaman baayyee waan turaniif, hospitaalichis isaan baayyee miidhaman irratti xiyyeeffachuun tajaajilaa ture.

Wayita hospitaalaa baanuttis anaafi haadaha warraa kiyyaatiif faarmaasii alaa iraa qoricha akka bitannu nutti himamee ture. Garuu hinqaban ture. Mana kusaa keessaayis fixatanii ture.

Jireenyi baayyee cimaadha. Guyyoota 40 darbaniif kunoo gabaa guddaan cufaadha. Wantoota bu'uuraa argataa hinjirru. Nyaata argachuuf mataasaa baayyee cimaadha.

Jiraattoonni lubbusaaniif jecha Maqalee keessaa baqatanii turan ammallee hindeebiine. Eessa akka jiran illeen hinbeeknu.

Haadha ijoollee lamaa Aanaa Haaweltii irraa:

Sadaasa 28 duras Maqaalaa maqalee keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa guddaafi haleellaan boombii raawwatamaa ture. Garuu guyyaa sanatti naannoo kiyyatti raawwate.

Ganama eegalee hanga galgalaatti itti fufee oole.Dhukaasni gurguddaan tokko mana kiyya irra darba ture. Baayyee soodaannee ture, daa'imman bohaa turan.

Dhukkaasni guddaan tokkos mana jireenyaa ganda keessaa tokko barbadeesse. Achittis dubartii maanguddoo tokko yoo ajjeessu intala ishee ammoo miidhaan cimaan irra qaqqabe. Isheenis hanga ammaatti akka malee dhibamtee hopitaala Ayidariitti koomaa keessa jirti.

Ollaan keenya baayyeen halleellaan eegaluun dura Maqalee baqatan.

Aniifi ijoolleen kiyyaafi kireeffattoonni muraasni manumatti hafne, sababii dubartii miidhama qaamaa qabduuf baqachuu hin dandeenye tokkootiin.

Guruu guyyaa sana yoo haleellaan cimu, gara gamoo ijaarsarratti argamu kan dhiyeenya keenya jiru tokkootti baqanne.

Achittis lafa jala isaatti dhihaanne. Alkan achiitti dabarsinee, barii isaa sagalee namootaa dhagahuu eegalle. Ta'us hanga nagaa ta'uu hubannutti jennee achuma keessa turre.

'Loltoonni beela'an nyaata gaafatan'

Boodarra loltoota federaalaa agare. Isaanis baayyee waan beela'aniifi dheebotaniif, nyaataafi bishaan akka kenninuuf nu gaafatan.

Sababiinsaas suuqiiwwaniifi gabaawwan cufaa turan. Nutis nyaata muraasa manaa qabnu kennineef.

Amma gabaa muraasni deebii'anii saaqaman illeen gatii meeshaalee garuu baayyee dabaleera. Sababii hanqina dhiyeessitiin gariin dabalaatuma deemaa jira.

Maqalee bakka tokko tokkotti dhiyeessiin bishaaniifi ibsaa deebi'ulleen safara kiyya garuu hinjiru. Eelee buddeenii abiddaan hojjetu waanan qabuuf qoraan fayyadameen biddeen tolcha.

Ollaanis ana biraatti tolfatu. Bishaan ammoo boolla ykn Maqalee alaa argataa jirra.

Loltonni federaalaa magaalaa keessa yaa'aa jiru. Jiraattonni yoo walitti dhufan baayyee aaru, sababii oduun naannicha bakka biraatti qabeenya akka saamaniifi namoota ajjeesaniiru jedhuu odeeffamuutiif.

Garuu Maqalee keessatti kana wayita raawwatan ani hinagarre.

Iddoowwan muraasa magaalattii keessatti, mana mana irra deemuun namoota barbaadaman adamsu. Lafan ani jiraadhutti kun hinraawwatamne.

'Sirreeffamtoonni hidhaa bahan magaalattii saaman'

Galgalaa hanga bariitti uggura sa'aatii jala jirra. Hanga guyyoota muraasa darbaniitti alkan dhukaasa dhagahaa turre.

Ummannis dargaggoon loltootaan ajjeefamaa jiru jedhu. Isaanis qabeenyaan hatamaa jiru oolchuuf jecha uggura sa'aatii kaa'amee cabsuun bahu turan.

Loltoonnis maaliif dhorkaa sa'aatii kaa'amee cabsaniif itti wayita lolan dargaggoonni fuldura dhaabbanaan itti dhokaasan.

Poolsiin motummaa naannichaa jala ture amma daandiirra hinjiran. Keessattu guyyoota muraasa jalqabaa loltoonni federaalaa magaalatti to'ataniitti, hanna baayyeetu gaggeeffame ture.

Yakki baayeenis namoota mana hidhaatii bahaniin kan raawwatame ture. Isaanis haa hiikamaii ykn yaa baqatanii kan beeknu hinjiru. Jiraatoonni muraasnis hannicha keessatti hirmaatanii ture. Garuu kun amma baayinaan dhaabbateera.

Doktarii Hospitaala Rifaraalii Ayidar irraa:

Yeroo baayyee cimaa keessa dabare. Ani maatii kiyya waliin nagaadha. Garuu namoonni dhiheenya hospitaalichaa jiraatan muraasni haleellichaan ajjeefamaniiru.

Sadaasa 28 gara sa'aatii afurriitti waraanni federaalaa meeshaalee waraanaa gurguddaa magaalatiitti dhukaasaa turan. Hanga galgalaattis ittuma fufee oole.

Ani mataan kiyya reeffa namoota gara hospitaalaa fidaman, torba ganama, 15 galgala keessa, waliigalatti 22 lakkaa'eera. Hundisaanii namoota nagaa turan. Reeffi muraasni adda baasuun hanga rakkisuutti gubatee ture.

Kanneen adda baasuun danda'amee keessaa intalli waggaa 10 taatuufi dubariin waggaa 70 ni argamu. Reeffi kunis magaalatti keessa kan bakka garaa garaa irraa fidaman ture.

Akkasumas daa'ima baatii 18 dabalatee, namoota miidhaman 70 olii simanneera.

Osoo warraanni federaalaa magaalatti hinto'atiin turban lamaan dura, dhukkaasni qilleensaa kaampaasiwwan Yunivarsi Maqalee keessaa tokko rukutee ture. Barattootaa miidhaman 22 wallaanneera. Isaan keessayis barataan sosholoojii kan waggaa 22 tokko du'eera.

Naannoo Indartaatti ammo halleellaa qilleensaa biraatiin haatiifi intallishee kan waggaa torbaa ajjeefamaniiru. Haati battalumaatti kan dute yoo ta'u, intalli ishee miidhaa mataarra gaheen gara hospitaalaa fidamte turte. Ijjishee tokkos miidhamee ture. Lubbuun hambiisuuf yaalii cimaa taasifnu illeen garuu oolchu hindandeenye.

Hanqina siree, qorichaa fi meeshaalee wallaansaa cimaatu jira. Amma motummaan federaalaa dheeyeesittii ergaa jira, garuu ta'us ammalleen hospitaaloonni gutummaan hojjataa hinjiran.

Ka'umsi lola kanaa maali?

Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen 50,000 ol tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.