Lola Tigraay: Injifannoon argame yakkamtoota seeratti dhiyeessuun dabalamuu qaba' MM Abiy

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad erga oppireeshiniin Tigraay keessatti eegalamee booda yeroo jalqabaaf magaalaa Maqalee daawwatan.

Ministirri Muummee Abiy, hidhattoonni TPLF'f amanamoo ta'an buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaaba biyyattii jiru haleeluun saamaniiru jechuun ture Sadaasa darbe gaafa bultii 04 tarkaanfii waraanaa kan labsan.

Daawwannaasaanii kanaanis walga'ii jalqabaa mana maree haaraa yeroof naannoo Tigraayitti hundaa'e irratti hirmaataniiru.

Ministirri Muummee Abiy daawwannaasaanii ilaalchisuun barreeffama tiwiitara isaaniirratti maxxansaniin, wayita Maqalee daawwatanitti Ajajaa Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa achi jiru waliin walarguufi bulchiinsa yeroofii waliinis dubbachuu ibsan.

Tajaajilli ibsaa fi bilbilaa deebi'aa jiraachuu fi misoomaawwan bu'uuraa barbadaa'an suphamaa jiraachuu akkasumas deggersi namoomaa itti fufiinsaa kennamaa jiraachuus barreessan.

Namoota adamsamaa jiran qabanii seeratti dhiyeessuun itti fufas jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara Maqalee imaluusaaniin duratti gitasaanii kan Sudaan Abdallaa Hamdook waliin Finfinneetti mari'atanii turan.

Sudaan biyya lammiileen Itoophiyaa kuma 50 ta'an lola naannoo Tigraay dheessuun itti baqatanii jiraniidha.

Akka qondaaltonni Sudaan jedhanitti Ministirri Muummee Abdallaa Hamdook kanneen wal waraanaa turan gidduutti jaarsummaa taa'uuf karoora qabu turan.

Haata'u malee dubbii Ministira Muummee Abiy keessatti waa'een jaarsummaa hin kaane, jilli Sudaan irraa dhufe tarkaanfii isaan Tigraay keessatti fudhachaa jiran ni deggera kan jedhuun ala waa biraa hin qaaqne.

'Injifannoon lolaan argame yakkamtoota seeratti dhiyeessuun dabalamuu qaba'

MM Abiy marii hoogganoota Rayyaa Ittisa Biyyaa waliin magaala Maqaleetti taasisaniin rayyaa ittisa biyyaatiin goota Itoophiyaa sirriin sanyummaarraa bilisa ta'ee biyya isaaf yaadu isinii jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa dhaaba Badhadhinaas ta'e dhaaba kamiinu oli jira, qaama hoogganuu danda'u malee hoogganamu mitis jechuun jajaniiru.

Lola kana waranaa Itiyoo Eertiraa waliin godhameen wal bira qabuun aarsaa lubbuu nama muraasaan injifannoo yeroo gabaabaatti argameedhas jedhaniiru.

Injifannoo argame kana uummata Tigraay ''cunqursaa wayyaanee'' jalaa baasuun gara misoomaa fi guddinaatti deebisuun, uummata bayyanachiisuun irra akka deebi'aniis miseensota waraana biyyattiif dhaamaniiru.

Duulli kun kaayyoo isaa jalqabaa ''dhibbaan dhibba'' galmaan gaheera kan jedhan MM Abiy ''yakkamtootni garuu to'annoo jala ooluu qabu, inijifannoon lolaan galmaahe kanaaniin irra deebi'amuu qaba'' jedhan.

Namoota MM yakkamtoota jedhaniin kana to'annoo jala oolchuuf uummatni Tigraay gaafatama guddaa akka qabu natti dhagaahamaa jechuunis uummatni tumsa akka godhu adaraa jdhaniiru.

Humnoonni TPLF 80,000 tilmaamamu ture kan jedhan MM Abiy, hidhannoowwan gurguddoo qabaachuufi namoota rookeettiiwwan dhukaasan raayyaa ittisaa keessa ofitti makuu ibsaniiru.

Humni waraanaa Itoophiyaa lola kanaan miidhaa qaqqabu xiqqeessuuf rookkeettii kan dhukaase erga humnoonni TPLF magaala Maqalee gadhiisanii baqataanii ta'uus himaniiru.

Baagdaadiifi Siiriyaan sababa waraanan manca'uu kaasanii Raayyaan Ittisa biyyaa ''miira uummattummaa qaburraa kan ka'e magaalota osoo hin miidhiin injifannoo goonfate'' jedhaniiru.

Bakki aanga'ootni TPLF barbaadamoon itti dhokatan kan beekamu ta'uufi namootni hedduun bifa bibittinaa'een socho'aa waan jiraniif qabamaa akka jiranillee himan.

Mootummaan Federaalaa magaala Maqalee erga to'atee dhiyeenya magaalittii lolaa akka jiran ibsaa kan turan ta'us guyyoota darban keessa haala jiru ilaalchisee aanga'ootni TPLF ibsi kennan hin jiru..

Daawwannaa MM Sudaan

Waajjirri Ministira Muummee akka ibsetti, Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook dhimma mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti 'olaantummaa seeraa kabachiisuurratti' MM Abiy waliin mari'atanii waliigalaniiru.

Ministirri Muummee Sudaan Dilbata kaleessaa ture daawwannaa guyyaa lamaaf Finfinnee kan seenan. Garuu har'a gara biyyaa deebi'uutu himame.

Daawwannaan qondaala olaanaa Sudaan erga baatii darbe mootummaan Kaaba biyyattiitti oppireeshinii waraanaa gaggeesseefi lammiileen 50,000'tti siqan Sudaanitti baqatani as kun kan duraati.

''Hojii seera kabachiisu Itoophiyaa ilaalchisee Sudaan deeggarsa ishee ibsiteetti,'' jedheera waajjirri MM Itoophiyaa.

Wanti haaraa maali?

Torban muraasa booda torban kana deggarsi qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa Koree Fannoo Diimaa Idil-adunyaa fi Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaan waliin ergan yeroo jalqabaaf Maqalee gaheera.

Ministeerri Fayyaas deeggarsaalee fayyaa ergu ibsameera.

Hospitaalli Ayidar Maqaleetti argamu deeggarsa meeshaalee fayyaan rakkachuufi hojii dhaabuuf dirqamu gabaafamee ture.

Gama kaaniin, mootummaan Itoophiyaas midhaaniifi kaan jiraattota Naannoo Tigraayif barbaachisan geessaa akka jiru ibseera.

Mudde 8 irraa eegalee konkolaattonni fe'umsaa 44 midhaan nyaataa fi meeshaalee tajaajila fayyaa fe'an magaalota akka Shiree, Allaamaaxaa fi Maqalee gahuu waajjirri Ministira Muummee ibseera.

UN garuu baaseen ammallee baqattoonni Tigraay keessa jiraniifi kanneen qe'eerraa buqqa'aniif deeggarsi taasifame hin jiru jechuun ibsa Kamisa baasen ibseera.

Sababa lolli ammallee itti fufee jiruuf deeggarsa namoomaa Tigraay dhaqqabsiisuu dhabne yaadotni jedhan "dhugaa kan hin taanee fi hojii raayyaan ittisaa naannicha tasgabbeessuuf hojjete kan xiqqeessudha" jedha ibsi waajjira MM.

Milishoota TPLF harca'anii hafaniin dhukaasni bakkaa bakkatti dhagaahamuu mala kan jedhe ibsichi, kana akka lola adeemaa jiruutti fudhachuun dogoggora jedhe ibsichi.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bakkeewwan baqattoonni Ertiraa jiran dabalatee deeggarsa ofumaa geessuuf akka eeyyamamuf irra – deddeebbiin gaafataa jira.

Ta’us mootummaan Itoophiyaa UN deeggarsa akka taasisu mootummaan garuu ofumaa kanneen deeggarsa fedhan biratti nyaataafi dhugaatii akkasumas kaan akka geessu himeera.

Baatii dura hojjettoonni dhaabbilee gargaarsaa afur du’u kan gabaafames torban kana keessadha.

Ka'umsi lola kanaa maali?

Waldhibdeen kuni Sadaasa 04 yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajaje eegalame.

Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.

Lola kana dura garuu ji'oota hedduuf mootummaa MM Abiy fi paartii Tigraay bulchu gidduu waldhibdeen ture.

Waggoota 30'tti dhihaataniif TPLF aangoo biyyattii guddaa qaba ture, hanga Abiy mormii ummataan bulchiinsi durii ka'ee aangoo qabatanitti.

MM Abiy rifoormii gaggeessan, aanga'oonni TPLF garuu fudhachuu didduun ammoo ittuu rakkina siyaasaa jabaachaa dhufe.