Lola Tigraay Itoophiyaa: Tajaajilli Itiyoo-telekoom naannoo Tigraayitti akkamiin adda cite?

Naannoo Tigraay keessatti kan argamu Dameen Itiyoo-telekoom Riijinii Kaabaa 'qaama hin beekamneen' Sadaasa 04 bara 2020 tajaajila dhaabuusaa hoggantuu olaantuun dhaabbatichaa Firehiwoot Taammiruu himan.

Dameen Itiyoo Telekoom Riijinii Kaabaa /North Region/ halkanuma lolli naannoo Tigraay itti eegale tajaajila kennuu dhaabe.

Hanga ammaattis iddoowwan muraasaan alatti magaalota gurguddoo dabalatee naannoon Tigraay harki caalmaatti tajaajilli dhaabbatichi kennu akkuma addaan citetti jira.

Tajaajilawwan telekoomii dabalatee malooti qunnamtii adda cituun isaa wanta naannicha keessatti ta'aa ture ilaalchisee odeeffannoo gahaa argachuu rakkisaa godhee ture.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi kanneen mirga namoomaaf falman mootummaan maloota qunnamtii akka deebisu dhiibbaa gochaa turan.

Akkaataa tajaajilichi itti cite, haala yeroo ammaa jiru fi hojii tajaajilicha deebisuuf hojjetamaa jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kan kennan hoggantuu olaantuun Itiyoo-telekoom Fireehiwoot Taammiruu, tajaajilichi qaama hin beekamneen adda cituu himan.

Sadaasa 04 maaltu ta'e?

Sadaasa 04 bara 2020 halkan sa'aa 6:37 irratti ergaan gabaabaa tajaajilli Itiyoo-telekoom magaaloota naannoo Tigraay akka Maqalee, Adawaa, Adigraat, Shiree fi Humaraatti guutummaatti addaan cituusaa himu hooggansa Itiyoo-telekoom qaqqabuusaa himu Aadde Firehiwoot Taammiruu.

Ergaan gabaabaa kun erga isaan qaqqabee booda waajjira Riijinii Kaabaa qunnamuuf yaalanillee milkaa'uu akka hin dandeenye dubbatan.

Itiyoo-telekoom tajaajjilli buufataaleensaa kennan osoo addaan hin citiin dura, hojimaatni akeekkachiisa itti agarsiisan jiraatus buufataaleen ijoo riijinii Kaabaa jalatti argaman kan Maqalee fi Shiree akeekkachiisa osoo hin kennin tajaajila dhaabuu isaanii dubbatu.

"Otoo elektriikiin badeeti jennee yaadne jenereetarri ka'ee hojjechuu qaba ture. Kuni garuu hin taane.

Osoo jenereetarri rakkoo teknikaan hojjechuu didellee baatiriiwwan sa'aa afuriif tajaajila kennuu dandeessisan qaba," jechuun haala buufata ijoo Maqalee ture himan.

"Wayita rakkoon akkanaa mudatu ogeeyyiin keenya gara buufatichaatti deemuun bilbila saatalaayitiin nuf gabaasu ture. Haa ta'u malee nuf hin bilbille. Nuyis asii bilbillee argachuu hin dandeenye."

Guyyuma sana halkan sa'aa 9:07 irratti kutaalee biyyattii birootti rakkoon walfakkaataa akka hin mudanneef tarkaanfii of eeggannoo fudhachuu eegalle jedhu.

Balaa damee Itiyoo-telekoom Riijinii Kaabaa mudate baruun ulfaataa akka ture kan himan Aadde Fireehiwoot, Raayyaan Ittisaa magaalaa Maqalee erga to'atee booda Mudde 03 bara 2020 garee teknikaa gara buufata ijoo Maqaleetti erguu isaanii himan.

Gareen teknikaa gara Maqaleetti imale sararri tajaajilaa Itiyoo Telekoom magaaloota naannoo Tigraay garaagaraa keessa qaxxaamuree buufata ijoo Maqalee gahu iddoowwan garaagaraatti cituusaa gabaasuu isaanii himan.

Sararri gara buufata ijoo Shiree geessus haaluma walfakkaatun iddoowwan garaagaraatti citeera jedhan.

Argannoo kaameeraa nageenyaa

Aadde Fireehiwoot viidiyoo kaameeraa nageenyaa buufata ijoo Maqaleetiin Sadaasa 04 bara 2020 waraabame gaazexeessitootatti agarsiisaniiru.

Viidiyoo kana irratti Sadaasa 04 bara 2020 halkan naannoo sa'aa 6:20 wayita namootni muraasni gara waajjirichaa deemuun waardiyyoota erga haasofsiisanii booda dirqisiisanii gara alaatti baasan mul'ata.

Daqiiqaawwan muraasa boodas namootni lama gara waajjirichaa seenuun wayita meeshaalee tajaajilaa cufan mul'ata.

Kana malees namootni hoji gaggeessituu olaantuun Itiyoo-telekoom "miseensota humna addaa naannoo Tigraay" jedhaniin mooraa buufata ijoo Maqalee keessa wayita socho'aniifi taa'an ni mul'ata.

Taateen kaameeraa nageenyaan waraabame kun Poolisii Federaalaan qoratamaa jiraachuus himaniiru.

Yaalii haleellaa saayibarii

Sadaasa 04 bara 2020 booda haleellaan saayibarii dhaabbilee mootummaa garaagaraa irratti xiyyeeffate taasifamaa turuu Firehiwoot Taammiruun himaniiru.

Dhaabbileen mootummaa, bu'uuraalee barnootaa, Itiyoo-telekoom, dhaabbilee miidiyaa fi sirnootni faayinaansii kanneen haleellaan saayibarii irratti aggaamame akka ta'an himan.

Guyyoota 14 keessattis haleellaawwan saayibarii biiliyoona 39.8 yaalamuu isaanii dubbatan.

Gama biraatin Sadaasa 08 bara 2020 qaamoleen seeran alaa hojimaata Itiyoo-telekoom cabsanii seenun, tajaajila bilbila sagalee eegalsiisuuf yaaluu isaanii himan.

Kanaanis magaalaa Maqalee keessatti tajaajilli bilbila sagalee muraasa eegalee akka ture dubbatan.

Yeroo ammaa Itiyoo-telekom magaalaa Allaamaaxaatti tajaajilasaa guutummaatti eegaluu kan himan hoggantuu olaantuun dhaabbatichaa Firehiwoot Taammiruu, magaaloota akka Daanshaa, Humaraa, Maayikaadraa, Turkan, Maaytsabrii fi Koramittimmoo tajaajilli hanga ta'e deebi'uu himan.

Tajaajila riijiniin Kaabaa kennu guutummaatti deebisuuf dhabamuun elektiriikii, addaan ciccituun sarara tajaajilaa Itiyoo-telekoom fi humni namaa rakkoo akka itti ta'e himuun, hojiin tajaajila deebisuu saffisa barbaadaniin deemaa akka hin jirre dubbatan.

Haa ta'u malee tajaajilicha deebisuuf hojjetamaa jiraachuu fi guyyaa tajaajilichi guutummaatti itti deebi'u himuun garuu ulfaataa akka ta'e dubbataniiru.

Himannaa kanarratti gama humnootii TPLF irraa wanti ammatti dhagahame hinjiru.

Lolli naannoo Tigraayitti Sadaasa 04 halkan eegale lubbuu namoota dhibba hedduu galaafachuutu himama. Namoonni 50,000 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.

Mootummaan federaalaa lolichi eegalee torbee sadaffaarratti xumuramuu himullee ammallee naannichi nagaa guutuutti hin deebine.

UN haalli Tigraay keessaa ''haalaan yaaddessaafi tasgabbii kan hin qabnedha'' jechuun ''to'annoo ala ta'a jira'' jedhe.