Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigray Itoophiyaa: MM Abiy maaliif waraanasaa lolaaf bobbaasee?
- Barreessaa, Farouk Chothia
- Gahee, BBC News
"Waraanni kan namoota hamooti. Namoota gara-jaboo fi akka bineensaa ta'aniifidha'' jedhanii turan MM Abiy Ahimad haasaa waggaa tokkoon dura wayita badhaasa noobeelii nagaa fudhatanii taasisaniin.
Waggaa tokko booda ofumaanu biyya isaanii keessatti waraana labsan.
Baatii tokkoon dura ture humnootiin TPLF izii waraana federaalaa naannichatti argamu irratti haleellaa raawwateera jechuun raayyaan ittisaa gara Naannoo Tigraayiitti akka duulu kan ajajan.
TPLF kan duraan riphee loltoota turaniifi bara 1991tti gara aangootti dhufan, erga bara 2018 MM Abiy aangoo qabatanii booda gara naannoo Tigraayiitti deebi'an.
Abiy deeggarsa ummataa guddaan kan MM biyyatti ta'an, dararaa fi malaammaltuummaa baroota 27 TPLF aangoorra ture biyyattii mudate geeddaruuf riiformiiwwan adda addaa gochuutti seenan.
Poolisiin nama MM Noobeeliif kaadhime hidhuuf...
Tarkaanfii waraanaa MM Sadaasa 4 humnootii ''juntaa'' jedheen irratti fudhachuuf labse lammiileen biyyatti hedduun gocha birmadummaa biyyaatii eeguuti jechuun duukaa hiriiran.
Haa ta'u malee namni hundi tarkaanfii mootummaan "olaantummaa seera kabachiisuufi'' ittiin jedhu kana namni hundi hin deeggarre.
Kanneen tarkaanfii waraanaa kana qeeqan keessaa tokko kan ta'e hayyuu UK bu'ureeffatanii fi kan MM Abiy badhaasa Noobeeliif kaadhiman Dr Awwal Aloo irratti poolisiin Itoophiyaa ajaja hidhaa baase.
Yuunivarsitii Kiil UK jirutti barsiisaa seeraa kan ta'an Awwal Aloo, poolisiin Itoophiyaa ''midiyaalee idil-addunyaa fayyadamuun biyya diigaa jira'' jechuun isaan yakkuu gabaasa miidiyaa mootummaa Itoophiyaa irraa akka dhagahan himu.
Kunis barreeffamoota isaan barreessanii fi gaaffiif deebii midiyaalee akka Al Jaaziraa fi BBC waliin taasiseean caqasuun akka ta'e himu.
''Ammaan kanatti na hiidhuuf ajajni narratti bahe ani beeku hin jiru, garuu gara Itoophiyaatti deebi'uun balaa olaanaa qaba,'' jedhan Dr Awwal BBC'n wayita gaafate.
''Haala garaagaruummaa ilaalchaa fi mormii ittiin ilaalaniin bulchiinsa Abiy fi bulchiinsa duraa jidduu garaagarummaan hin jiru. Mormiitoota fi kanneen mootummaa yaadaan qeeqan seera akka meeshaatti fayyadamuun gatii dhabsiisuu fi afaan qabsiisuun amala biyya Itoophiyaati," jedhu.
'Abbaa Irrummaa TPLF'
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan Jeenev jiran, Dr Teediroos Adhaanoom mataan isaanii qeeqa jalaa hin baane.
Doktarichi duraan motummaa TPLF tajaajilaa turan kun, ajajaa waraanaa Itoophiyaatiin 'paartiichaaf meeshaa waraanaa bituuf yaalaa jira' jedhamanii himatanii ture.
Dr Teedroos garuu, ''Biyya kiyya Itoophiyaaf onneen kiyya na cabeera. Qaamooleen hundinuu nagaaf hojjachuun nageenya lammilee nagaa fi tajaajilli fayyaa akkasumas deeggarsi namoommaa akka argamu akka mirkaneessaniif waamichan taasisa'' jechuun deebii kennan.
Lola kanarratti qaama tokko waliin hin dhaabbanne jedhan Dr Teediroos.
Barsiisaan Yuunivarsitii Gondar Minyaahil Masarat ammoo mootummaa deeggaruudhaan, kanneen ''motummaa abbaa irree'' TPLF waliin hidhata qaban qofatu irratti xiyyeeffatame jedha.
''Abiy erga gara aangootti dhufee marsariitiiwwan 264tu saaqamee. Wanti amma Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru ammoo haala dimokiraasiif mijatu miti. Biyyaaf balaatu jira, biyyi haala akkasi obsaan bira darbu hin jiru,'' jedha.
Dr Awwal gama isaanitiin, dhimmichi eenyutu rasaasa jalqabaa dhukaasee kan jedhu miti, waranaaf kanaaf ka'uumsi wal-diddaa duraan turedha, qaamooleen lamaanu lolaaf qophaa'aa turan jedhu.
''Kan barbaachisu motummaa obsaan hoggnanuu fi kan nagaa fi jaarsuummaaf carraa kennuudha. Dhugaansaa Abiy waamichawwan jaarsuummaa kan Gamtaa Afriikaa dabalatee dideera."
"Abiy bara 2019tti TPLF kaabinee keessaa baasee. Achinis filannoo biyyaalessaa sababii Covid-19tiin yeroo biraatti akka darbu taasise. Isaan boodas TPLF filannoo mataasaanii sadarkaa naannootti gaggeeffatan. Abiyiis beekkamtii akka hin kenniineef himan. Kanatu gara waraanaatti isaan galche'' jedhu Dr Awwal.
- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Dhiibbaa waraanni Itoophiyaa ollaarratti qabaatu
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
Motummaan federaalaa filannoon biyyaaleessaa sababii koronaavaayirasiitiin yeroo biraatti akka darbu ta'e jedha.
Haa ta'u malee qeeqxonni isaa yeroo aangoo dheereffachuuf akka sababaatti fayyadaman jechuun himatu.
Akkasumas ajjeechaa Hacaaluutiin wal qabatee ''Adooleessaa darbee irraa qabee namoonni 10,000 ta'an hidhamaniiru. Tarii sababii lola Tigraayiin walqabatee lakkoofsi kun kana caalu danda'a amma'' jedhu Dr Awwal.
''Dirreen siyaasaa deebi'ee cufameera, qondaaltoonni siyaasaa bebbeekamoon hidhaa galaniiru, Lammaa Magarsaa kan Abiy bara 2018tti akka MM ta'uuf gahee olaanaa taphate manatti hidharra jira,'' jedhu Inistiitiyuutii Nagaa Yunaayitid Isteetsitti gorsaa olaanaa kan ta'an Paaytan Knopf.
Kanarratti ilaalcha addaa kan qaban Obbo Minyaahil ammoo, Abiy bulchiinsa abbaa irree dhabamsiise jedhu.
''Paartiilee siyaasaa hin balleessine. Sirna mana hidhaa fooyyesseera. Namoonni biyya baqaarraa gara biyyaa akka galaniif heeyyeme. Rakkoon jiru namoonni siyaasaa muraasni sabummaa ka'umsa godhachuun jeequmsa kakaasaan," jedhan.
"Duula tokko irratti hanga namni ajjeefamee fanniifamu gahame. Kan akkasii hin jiru. Bara 2018tti namoonni bakka jireenyaa isaanii buqqaa'an miliyoona 1.8 ture, kunis Afriikaatti isa olaanaadha. Kanatu biyyattii balaarra buusaa jira,'' jedhu Obbo Minyaahil.
Abiy - Mootii haaraadhaa?
Itti dabaluunis sirni ''federaalaa saba bu'uurreeffate'' kan TPLF bara 1991 wayita aangootti dhufte ittiin naannoolee hundeessite madda walitti bu'iinsaatii jedhan.
"Federaalizimiin saba bu'ureeffate madda rakkina keenyaati. Saboonni naannoo mataa isaanii akka qaban akka amananiifi, kan saba biraa irraa dhaqe jiraachu akka hin dandeenye taasise. Ni ari'atamta, ni gubamta, ni ajjeefamta'' jedhu Obbo Minyaahil.
Qeeqxonni Abiy garuu sirna feederaalaa diigun isaa gara 'bulchiinsa moototaa'' kan akka bara Minilikii lammaffaa hanga Haayilasillaasee sana kan itti, hawaasni aadaa Amaaraatti akka 'madaqan' taasifaman sanatti deebiisuufi jedhu.
''Mul'anni Abiy irra caalaatti caasaa aangoo Itoophiyaa baratamaa ta'e, kan irra caalaa Amaaraa fi Oromoota aadaa Amaaraatti madaqan jiddugaleessa godhatuun wal fakkaata" kan jedhan ammoo Inistiitiyuutii Qorannoo Dhimmoota Gaanfa Afriikaa US bu'urreeffate Obbo Faayisal Roobleeti.
"Abiy Minilik leellisa. Masaraa isaas deebisee ijaare. Deebiseen Itoophiyaa guddoo taasisa jedha. Garuu Itoophiyaan inni ifaarsu kun kan saboota cuneursaa turtedha. Motii inni akka goota olaanootti ilaaluu, kaan akka garboomsaa fi weeraraatti ilaalu,'' jedhu Obbo Faayisal itti dabaluun.
'Ajjeechaawwan haa dhaabsifnu'
MM Abiy dhaaba gamtaa paartiilee afurii ta'e, bara 1991 irraa kaasee biyya bulchaa ture fi isummalleen bara 2018tti aangootti fide ADWUI diiguun, paartii Badhaadhinaa hundeessuuf murteessuun isaanii sodaa sira duriitti deebi'uu saboonni qaban jabeesse jechuun himu Obbo Faayisal.
ADWUI naannoolee biyyattii 10 keessaa paartilee naannoolee afurii qofa hammata. Kanaafu paartii haaraa hundeessuun Abiy aangoosaa naannoolee hundarratti babal'ifate Tigraay alatti. ''Lola kanaan ammoo amma Tigraayis qabateera,'' jedhu Obbo Faayisal.
''Abiy wayita aangootti dhufeetti ummanni kan isa irraa eegaa ture kanaan waan faallaa ta'eedha. Dirreen siyaasaa bal'ate, mirgoonni aadaa fi afaan ummata Itoophiyaa hundi beekkamtii caalaa akka argatuu ture. Garuu inni sirna federaalaa osoo hin taane, sirna hunda bakka tokkotti fidu filate.''
Obbo Minyaahiliif ammoo Ministirri mummee Abiy, siyaasaa hirmaachisaa fi saba kamiifuu rakkoo miti.
''Tokko ta'uu jechuun enyummaa saba keetii kan waggoota kumaatamaaf ture sana ni dhabda ykn ni dhoksita jechu miti. Kan Abiy jechaa jiru 'haala namoonni siyaasaa waa'ee saba isaanii qofaa yaadan keessaa haa baanuudha. Ajjeechaawwan haa dhaabsifnudha."
"Waa'ee biyya keenya Itoophiyaa yaaduun, akka obboleessaafi obbooleettiitti waliigalteen haa jiraannu," kan jedhu jedha.
"Paartiin Badhaadhinaas sana gochuuf kaayyeffata. Siriiyyuu gareewwan sabaa kan akka Somaalii ADWUI'n alatti dhiifamanii turan hunda bakka tokkootti fida'' jedha Minyaahil.
Biyya akka Itoophiyaa ilaalcha gargar fagaatu qabdu keessatti, mootummaan "tooftaawwan mufannaan siyaasaa ittiin furamu'' kaa'utuu barbaachisa jedhuu Obbo Knopf.
''Biyya waan haaraa tokkotti geessuuf adeemsi irratti waliigalame hin jiru. Marii haala qindaa'een gaggeessuu barbaachisa. Garuu wayita aanga'oonni siyaasaa mana hidhaa jiraniitti sana gochu hin dandeessu,'' jedhu.
Yaaduma kana kan fakkaatuun Dr Awwal akkas jedhan: ''Ce'umsi hammataa ta'u qabaata. Paartii tokkicha qofaan kan himamu ta'uu hin qabaatu. Abiy nama aangoon irraa maddu ta'u barbaada.''
Qabxiiwwan ijoo waa'ee MM Abiy:
- Hagayya 15, 1976tti abbaa Islaamaa fi haadha Kiristaana irraa dhalate
- Afaan Oromoo, Amaaraa, Tigree fi Ingliffa siriin dubbatu
- Bara Dargiitti 1990tti loltummaatti makaman
- Bara 1995tti naga eegsisaa UN ta'un Ruwaandaa keessa tajaajilan
- 2010tti siyaasatti makaman
- Ebla 2018tti ammoo umurii 42tti MM ta'an
- Muddee 2019 badhaasa Noobeelii Nagaa argatan
MM Abiy badhaasa Noobeelii kan argatan walakkaan sababii yaalii Itoophiyaa gara dimokiraasiitti ceesisuuf taasisaniif yoo ta'u, irra jireessa waraana sababii daangaatiif Eertiraa fi Itoophiyaa jidduutti 1998-2000tti gaggeeffamee ture pireezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii waliin waliigaltee nagaa irra gahuu isaaniif ture.
Abiy badhaasni kennamuufin ''yeroosaa hin turree'' ilaalcha jedhu kan qaban Knopf, ''daangaan yeroof saaqamee ture deebiifamee cufameera, waliigaltee nagaa irratti sanadni barraa'ee homtu hin jiru. Abiyiifi Isaayaas jidduutti qofaa wal hubannoo dhuunfaa jiru ture. Nagaan kan itti fufuu ammo haala akkasiin miti,'' jedhan.
Badhaasa Noobeelii 'haaduu qara lamaati'
Xinxalaan Ameerikaa bu'ureeffate kan biraa Aleeksi De Waal gama isaatiin, waliigalteen nagaa Abiy fi Isaayaas jidduu 'waliigalte nageenyaa' TPLF mo'achuu fakkaata jedhu.
''Eertiraan lolicha keessatti gahee olaanaa qabdi. Loltoonni Eertiraa birgeedii 20 Tigraay keessatti akka argaman gabaasoonni jiru. Loltoonni Itoophiyaas akkasuma gara Eertiraatti baafaman'' jedha.
Motummoonni gama lamaanu loltoonni Eertiraa Tigraay seenu isaanii haalan illeen.
"Kanaafu, Dr Awool Abiy badhaasa Noobeeliitiif filuutti ni gaabbuu?
"Osoon waan amma beeku kana yeroo sana baree ture hin raawwadhun ture. Garuu Noobeeliin haaduu qara lamaati. Noobeeliin beekkamtii siyaasaa sii kenna, garuu ammoo yoo looreetii Noobeelii waraana labsite ta'uun beekkamte akkasuma itti gaafatamummaas qabaachu danda'a," jedha.