Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay Itoophiyaa: Itoophiyaafi UN Naannoo 'Tigraayitti gargaarsa geesuuf waliigalan'
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Itoophiyaan naannoo Tigraay torban muraasa darbaniif lolli keessa turetti gargaarsi akka dhaqqabu waliigalteerra gahuu qondaalli UN himan.
Dubbii Himaan UN Saavaaniyoo Abrewu gaafa Roobii gareen haala jiru gamaaggamu hojii eegalas jedhan.
Namoota miiliyoonota hedduuf kuufamni nyaataafi qorichaa dhumaa jiraachuun ibsamee ture. Dhimma waliigaltee amma jedhame kana irratti mootummaan Itoophiyaa ibsa homaa hin kennine.
Baqattoonni Ertiraa kumaatamaan lakkaa’amaniifi Naannoo Tigraay lafa lolli itti gaggeefamutti argaman nyaanni jalaa dhume jechuu Mootummoota Gamtoomaniitti, ejensiin baqattootaa UNHCR himeera.
Gargaarsa kennuufis garas deemuun hatattamaan akka eeyyamamuuf gaafatee ture.
Erga ji’a tokkoon dura naannichatti raayyaa federaalaafi hidhattoota aanga'oota TPLFf amanamoo ta'an jidduutti lolli jalqabee kaasee malawwan walqunnamtii fi karaan gargaarsi ittiin dhaqqabuu cufameera.
Baqattoonni Ertiraa 100,000 tahan Tigraay keessa jiru. Isaanis kanneen sababa siyaasaa fi tajaajila loltummaa baqachuun kan biyyaa bahaniidha.
Yeroo kanatti xiyyeeffannaan warreen lola baqatanii Sudaan galanirra jira. Garuu dhimmi baqattoota Ertiraa illee yaaddessaa dha jedhe dhaabbattichi.
Akkasumas UNHCR kaampiiwwan baqattootaa irraa gabaasonni hinmirkanoofneen haleellaa fi butamuun jiraachuu akka isa yaaddessu himeera.
Ministirri mummee Abiy Ahimad gaafa Dilbataa erga humnoonni federaalaa magaalaa guddoo Tigraay Maqalee to’ataniin booda haleellaan naannichaa akka dhaabbate ibsanii turan.
Haatahu malee ogannaan Naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabiramikaa’el ammallee lolli akka itti fufeefi humnootiin isaa deebisanii to’achaa akka jiran himeera.
‘Beelli balaa jabaadha’
UNHCR haalli baqattoonni Ertiraa keessa jiran sa'aatiiwwaniin yaaddoo dabalaa akka jiru ibsa Jeeniivaatti kenneen.
''Amma kaampichawwan keessatti dhiiyeessitiin nyaataa hin jiru. Balaa beelaafi hanqin nyaataatiif saaxilamu dhugumaan mudachaa jira. Kanas yeroo lolli jalqabee qabnee akeekkachiisaa turre.''
‘’Yaaddoon keenya guddaan kan biraa dhimma haleellaafi waraanaa naannoo kaampiitti taasifamudha. Namoonni butamuu fi akka humnaan achii bahan taasifamuu dhagahaa jirra.
''Kanaafu garas imaluun eeyyama argachun maaltu tahaa akka jiru hubachuu baayyee barbaachisaadha,’’ jedhan dubbii himtuun dhaabbatichaa Barbaaraa Baaloch gaazexeessitootatti wayita himaniitti.
Akkasumas UNHCR nageenya namoota hudaa akka eegamanillee waamicha dhiyeessee jira.
MM Abiy gaafa Wiixataa lola jalqaba baatii Sadaasaarraa kaasee taasifameen namni tokkollee hindune jechuun paarlaamaarratti dubbatan.
Akkasumas mootummaan ulaawwan deeggarsa banamu akka jalqabus himan.
Oddeessaale walfakkaatan: