Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: Ogeeyyii 50 ol bobbaasuu Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ibse
Waldaan Fannoo Diimaa, naannoo Tigiraay bakka waraanni itti gaggeeffamaa jirutti namoota miidhamaniif wal'aansa kennaa jiraachuu hime.
Erga waraanni naannoo Tigiraay keessatti ka'een as Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itoophiyaa naannichatti namoota 50 ol bobbaasuun wal'aansa kennaa akka jiru BBCtti hime.
Itti aanaa barreessaan Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa, Obbo Ingidaa Mandefiroo guyyaa jalqabaa irraa eegaluun deeggarsa kennaa akka turan himuun ambulaansotni 35 tahan naannichatti akka bobbaafamanii jiran himan.
''Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa Damee Tigiraay fi dameen naannoo Amaaraa waliin tahuun tajaajila anbulaansii, yaalii jalqabaa fi tajaajiloota kaanis kennaa jira'' jedhan.
Dabalataan waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa nannichatti nyaatan ala dhiyeessiiwwan tokko tokko hospitaalotaaf gochaa akka jiru himeera.
''Namoota miidhamaniif tajaajila anbulaansii kennuun cinatti naannoo Lixa Tigiraayitti namoota buqqa'aniif deeggarsa akka uffata halkanii, firashii fi tajaajila kaan hireera'' jedhan.
Waldaan FannooDiimaa Itoophiyaa waldaa Fannoo Diimaa Adunyaa waliin tahuun hospitaalotaaf meeshaalee tajaajila wal'aansaa jalqabaa anbulaansii waliin akka kennuufi himeendeeggarsichi naannoo Shiree Maqalee, Waldiyaa, Daanshaaw fi Gondar akka gahe himaniiru.
Sababa waraana kanaan waa'ee namoota miidhamanii gaaffii dhiyeessineefiin ''hanga ammmaatti kan deddeebisaa jirru loltoota miidhamanidha. Naannoo Mayikadiraatti namoota nagaa miidhamanis deddeebisaa turre. Bakkeewwan kaanitti garuu namoota nagaa miidhaman hin argine'' Jedhan.
Waldaan Fannoo Diimaa Adunyaa hospitaala Ayider magaalaa Maqalee jirutti meeshaaleen tajaajila wal'ansa duraa fi pilaastikiin ittiin maranii reeffa tursiisan akka dhumaa jiru beeksisuun isaa ni yaadatama.
''Meeshaan madaa hodhuuf oolu...haala nama yaaddessuun dhumaa jira''
Miseensotni dhaabbatichaa hospitaalicha daawwattan ''80% namootni yaalii irra turan sababa waraanichaan kanneen miidhamaniidha. Tajaajilli yaalaa kaan dhaabbachuu yaalii ariifachiisaa qofa kennamaa jira'' jedhaniiru.
Itoophiyaatti hoggantuun waldichaa Maariyaa Soldaad ''meeshaan madaa hodhuuf oolu, qorichi farra baakteeriyaa, qorichi dhukkubbii xiqqeessu, haala nama yaaddessuun dhumaa jira'' jedhan.
Hospitaalota naannichaa namoota miidhamaniif tajaajila kennan keessatti dhiphinni uumamuu akka danda'u kan himan Obbo, Ingidaan deeggarsa akka taasisaniif himaniiru.
Dhiphinni kunis namoota duraan dhukkubsataa turan, dubartoota ulfaa, fi kaan tajaajila isaan barbaachisu akka hin arganne gufuu itti tahuu himan.
''Hospitaalonni hojii idileen alaa yeroo qabaatan dhukkubsattoota kaaniif deeggarsa gochuuf ni rakkatu taha. Firaashii fi qoricha dabalataa kan gaafatanis namootni tajaajilicha barbaadan baay'een waan isaan mudateefi. Nuyis bakka geenyetti kana hubannneerra. Hospitaalotaa fi buufataaleen fayyaa deeggarsa barbaadu.''
Dhaabbileen idil-adunyaa deeggarsa namoomaa kennan naannichatti tajaajili akka dhaqabuuf karaan banaa tahuu akka qabu gaafataa turan.
Mootummaanis dhaabbilee kanneenis haala akka mijeessu torban darbe ibsee ture.
Waldaan qaxxaamura Diimaa Itoophiyaas ''hojjettotni keenya guyyaa jalqabaa irraa eegaluun naannicha galuun hojjechaa jiru. Ammas itti fufanii hojjetu. Rakkoon nageenyaa hin jiru hin jedhamu. Akkuma dhaabbilee tokko tokko bakka tokko tokkotti yaaddoon nageenyaa isaan mudata'' jedhan Obbo Ingidaan.
Waraanni mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay gidduutti deemaa jiru torban sadii ol lakkoofsisuun humni federaalaa Sanbata darbe magaalaa Maqalee qabachuun ibsame.
Oppireeshiniin magaalaa Maqalees ''isa dhumaati'' jechuun MM Abiy Ahimed himaniiru.
Sababa lola kanaan namootni 40,000 ol tahan daangaa ce'uun gara Sudaanitti baqataniiru.
Mootummaan federaalaas erga magaalaa Maqalee to'ateen booda naannichatti tasgabbiin akka uumamuuf akka hojjetu himuun namoota qe'ee isaanii irraa baqatanis gara biyyaatti akka deebisu ibseera.