Lola Tigraay: UNHCR baqattoota Tigraayiif qaqqabuuf karaan akka banamu gaafate

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Baqattootaa damee Itoophiyaa, baqattoota Tigraayiif qaqqabuuf ''danqaa fi haalduree tokko malee'' karaan akka saaqamuuf gaafate.

Dhaabbatichatti Bakka buutuun damee Itoophiyaa Anne Encontre BBCtti akka himanitti, namoota lola naanno Tigraay keessatti adeemaa jiru kanneen baqatan keessaa walakkaa kan ta'an ijoollee fi hedduunis qofaa isaanii kan baqataniidha.

Aadde Aan gaaffiifi deebii BBC World News waliin godhaniin UNHCR bishaan, wantoota qulqullinaaf oolaniifi tajaajiloota bu'uuraa dhiyeessuuf hanga danda'e yaalaa kan jiru ta'us, yaaddoon nageenyaa fi burjaajiin keessattuu Kaaba Baha naannichaa jiru danqaa guddoo ta'uu himan.

UNHCR Kaaba Baha naannoo Tigraay keessa buufatalee baqattootaa afur keessatti, baqattootaa Eertiraa 100,000 ta'aniif deeggarsa kennaa ture.

Hojjetootni isaanii naannoo Tigraay keessa jiran naannolee kanatti imalanii tajaajila barabaachisaa kennuuf hedduu rakkachuu isaaniillee himan.

Haleellaa xiyyaaraa

Guyyaa Wiixataa magaalaa guddoo Tigraay Maqalee keessatti haleellaan xiyyaaraa raawwatamuu ''waahillan koo achi jiran arganiiru'' garuu ammoo xiyyeeffannaan haleellaa sanii maal maal akka ta'e hin beekanii jedhan.

Haleellaa saniin booda qunnamtiin hojjettoota isaanii naannicha waliin qaban adda cituullee himaniiru.

Naannicha keessa lammiileen Itoophiyaa 600,000 ta'an kan deeggarsa namoomaarratti hirkatanii jiraniif deeggarsa qaqqabsiisuun hin danda'amnes jedhan.

Dhaabbatichi deeggarsi namoomaa namoota balaa kanaan miidhamaniif qaqqabamaa akka ta'u, daandiifi haalli akka banamu kana duras cimsee gaafatee ture.

''Hanga ammaatti gaaffii kanaaf deebiin kenname hin jiru,'' jedhan hooggantuun Komishinii Olaanaa Baqattootaa damee Itoophiyaa Aan Enkontiree.

''Hulaa ittiin wantoota barbaachisaa galchinu barbaanna, gabaa keessa nyaata muraasatu jira, baankiin cufaa waan tureef maallaqni hin jiru.

Kanaaf rakkoo namoomaa hammaataa waggoota 20 oliif naannichatti mul'atee hin beeknetu nu mudate,'' jedhan.

Aan ammaas irra deebi'uun namoota deeggarsa namoomaa fedhaniif qaqqabuuf haalli akka mijaawu gaafataniiru.

Mootummaan federaalaa waldhibdee TPLF waliin qabu hammaatee gara lolaa kan deeme, buufata waraanaa raayyaa naannicha argamuurratti haleellaan raawwatuun erga ibsameefi MM Abiy tarkaanfii waraanaa ''seera kabachiisuu'' jedhan fudhachuu erga eegale boodadha.