Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigiraay: Ameerikaan haleellaa misaa'elaa TPLF Eertiraa irratti rawwatte balaaleffatte
Ameerikaan haleellaa misaa'elaa TPLF buufata xiyyaaraa Asmaraa irratti gaafa Sadaasa 14 bara 2020 raawwatte cimsitee akka balaaleffattu ibsite.
'TPLF wal dhabdee qondaalota Itoophiyaa waliin qabu gara biyyoota ollaatti ceesisuun naannicha nagaa dhowwachuuf yaaluun guddoo nu yaaddesseera' jedha ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa marsariitii isaa irratti baase.
Dabalataan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompewoon'haleellaa Sadaasa 13 buufata xiyyaaraa Baahir Daarii fi Gondar irratti raawwate ni balaaleffanna'' jedhan.
Ameerikaan mootummaan Itoophiyaa fi TPLF ariitiin waldhabdicha qabbaneessuun nageenya bakkatti deebisuun nageenya lammiilee nagaa tiksuu qabu jette.
Eertiraan haleellicha irraa of qusachuunshee akka wal dhabdeen kun kana caalaa hin babal'anne waan gargaareef ni dinqisiifanna jedha ibsi kun.
Hojjettoota deeggarsa dhiyeessaniif daandii nagaan darbanii garee miidhaaf saaxilameef deeggarsa taasisan jiraachuu akka qabus dhaameera.
Ibsi kun lammiilee Ameerikaa kanneen naannoo wal waraansichaa keessa jiraatan dabalatee lammiilee nagaa kaan deeggarsa namoomaa argachuu fi miidhaa irraa tiksamuun hulaa nagaa qabuun akka bahan tahuu qabas jedhe.
Tajaajilli qunnamtii naannoo Tigiraay deebi'uu akka qabus gaafachuun kunis gabaasonni walaba tahan akka hojjetamaniifi lammiilee Ameerikaa naannoo Tigiraay keessa jiran waliin wal qunnamuufis gargaara jedhe.
TPLF Eertiraan waraana deemaa jiru keessatti gara mootummaa federaalaa Itoophiyaa goruun hirmaachaa jirti jechuun himataa ture.
Mootummaan Ertiraa garuu kun dubbii dharaati jechuun deebiste. Ergasii TPLF buufata xiyyaaraa Baahir Daarii fi Gondar rokkeettiin rukutuu ibse.
Guyyaa tokko booda ammo rokkeettiin naannoo buufata xiyyaaraa Asmaraa rukutuutu himame.
TPLF haleellicha raawwachuu ibsaa ture.
Erga Sadaasa 4 bara 2020 naannoo Tigiraayitti waraanni humnoota TPLF'f amanamoo tahanii fi mootummaa federaalaa gidduutti eegalameen as Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi biyyootni garaagaraa waraanni kun nageenya Itoophiyaa fi Baha Afrikaaf yaaddoo waan taheef karaa nagaa hiikamuu akka qabu dhaamaa turan.
Yugaandaa, Keeniyaa fi Jabuutiin biyyoota dhiyeenya akka waraanni qabbanaa'uuf waamicha dhiyeessanidha.
MM Abiy Ahmad ammoo waraanni kan dhaabbatu gaafa murni TPLF waraana jalqabe to'annoo seeraa jala ooledha jedhan.
Mootummaan federaalaa araaraaf qophaa'aa akka hin taanee fi 'hojii seera kabachiisuu' jalqabe xumuruuf waraanatti akka jiru hima.