Tigraay፡ Akkaawuntii baankii dhaabbilee TPLF 34 irra dhorki kaa'ame

Abbaan Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa dhaabbilee daldalaa fi diinagdee TPLF kan jedhaman 34 irra uggura kaa'eera.

Akkaawuntiin baankii dhaabbilee kunneenii bakka jiru hundatti akka hin sochoone dhorkameera jechuun miidiyaan biyyaalessaa Abbaa Alangaa wabeeffachuun gabaaseera.

Abbaan alangaa akka ibsetti, dhaabbileen kun heera biyyattii ''humnaan diiguuf socho'a kan jedhame TPLF wajjiin hidhata qabu''jedhame .

Dabalataanis, TPLF dhaabbilee kanaan haleellaan sanyii bu'uura godhate fi jeequmsi akka uumamu deeggarsa maallaqan dhiyeessuun, akkasumas, gibira dhoksuu fi malaammaltummaa keessaa qooda qabaachuu isaanii qorachuuf ragaa quubsaan argamu abbaan alangaa ibsa baase keessaatti eerer.

Kanneen qoqqobbiin irra kaa'ame oomishaalee fi dhaabbilee daldalaa yoo ta'an dameewwan faayinaansii, albuudaa, ijaarsaa, daldala jumlaa, geejjibaa, oomishaalee indastirii fi kanneen kana fakkaatan keessatti argamu.

Kana malees dhaabbileen TPLF waliin hidhata qaban hundinuu kanneen qoqqobbiin irra kaa'ame keessatti argamu.

Dhaabbati ijaarsaa 'Sur Construction' jedhamu, dhaabbati hojii daldalaa meeshaalee alaa galchuu fi jumlaan gurguru Gunaan, warshaan oomisha huccuu Alimdaa, warshaan simintoo masaboo, hojii geejjibaa fi daldala alaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetu dhaabbati Tiraasni Itoophiyaa jedhamu kanneen qoqqobaman keessaati.

Kana malees dhaabbati oomisha qorichaa Addis Farmaasuutikaal, dhaabbati misooma albuudaa Izaanaan, qaama konkolaattota gurguddoo kan alaa galchuu fi kan walitti suphu dhaabbati 'Masfin Industrial Engineering', baasiin salaam akkasumas dhaabbati maxxansaa Meegaa jedhamu kanneen ugguraman keessatti argamu.

Dhaabbileen daldalaa fi tajaajilaa hedduun hidhata TPLF waliin qaban hundinuu akkaawuntiin baankii isaanii baankiiwwan hunda keessaayyuu akka hin sochoone Abbaan Alangaa dhorkeera.

Dhaabbileen qoqqobaman kunneen biyyattii keessatti maallaqa guddaa ta'e kan sochoosan yoo ta'u, mootummaanis tarkaanfii kana kan fudhate humnoota TPLF'f amanamoo ta'an waliin erga lola keessa galee torban lama boodadha.

Naannoon Tigraay kan TPLF'n hoogganamu maandhee raayyaa ittisa biyyaa naannicha keessatti argamu haleeleera jechuun Ministirri Muummee Abiy Ahmad erga opereeshinii waraanaa eegalanii tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamaniiru.

Dhaabbileen qabeenya TPLF jedhaman kunneen qoqqobamuusaaniin duras Abbaan Alangaa federaalaa kun miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannoo Tigraay irraa bakka bu'an mirgi himatamuu dhabuusaanii akka irraa mulqamu godhee ture.

Dabalataanis hooggantoota dhaabbilee ugguraman kunneenii dabalatee caasaa nageenyaa federaalaa fi naannoo keessatti itti gaafatamummaa adda addaa irra kan turan namoota 96 to'annoo seeraa jala oolchuuf ajaji ba'ee ture.