Lola Tigraay: Muluu Naggaa (PhD) hojii gaggessaa olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay ta'an

Ministirri Muummee Abiy Ahimad maxxansa miidiyaa hawaasummaa isaanii dhiyoon, Dr. Muluu Naggaa hojii gaggessaa olaanaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun ramadamuu beeksisaniiru.

Dr. Muluun qaama bulchiinsa yeroo ta'anii, hooggantoota hojii raawwachiiftuu mootummaa naannichaa filachuuf gaafatama akka qabaniis MM Abiy ibsaniiru.

Paartilee naannicha keessatti seera qabeessa ta'anii socho'an keessaa filachuun akka muudanillee ibsaniiru.

Dr. Muluu Naggaa Kaahsaay, Ministir deetaa ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa tahuun tajaajilaa kan turanidha.

Ji'a shan dura deetaa Ministiraa Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa ta'uun muudamuu isaaniin dura Dr. Muluun Yunivarsiitii Finifnneetti hojii barsiisummaa, qo'annoo fi hooggansaan waggoota 18'f tajaajilaa turaniiru.

Gosoota Barnootaa barsiisummaa wajjiin walqabataniin Digirii jalqabaa fi Maastarsii isaanii kan hojjetan Dr. Muluun, PhD isaanii Yunivarsiitii Tiweentee jedhamu biyya Neezarlaands jirurraa, gosa barnootaa Bulchiinsaafi Imaammataan (Public Administration and Public Policy), xumuran.

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa torban darbe yaa'ii gaggeesseen, Naannoo Tigraay bulchuuf bulchiinsi yeroo akka labsamu yaada dhiyeessee, Manni Maree Ministirootaas murtee irratti kennee ture.

Waraanni mootummaa Federaalaafi Mootummaa naannoo Tigraay gidduutti eegalame torban tokkoo oliif gaggeefamaa jiru akkuma itti fufetti jira.

Paarlaamaan Itoopiyaa ooltii isaa kaleessaan mirga himatamuu dhabuu dhaaba naannoo Tigraay bulchaa jiruu 38 mulqeera.

Poolisiin Federaalaas Pireezidantii naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) dabalatee hooggantoota dhaabichaa 64 ta'an hidhuuf ajajni hidhaa bahuu ibseera.