Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: Paarlaamaan Itoophiyaa hogganoota TPLF irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee Onkololessa 12 bara 2020 gaggeesseen, hooggantoota ABBUT 38 irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el dabalatee miseensotaa fi hogganoota TPLF 38 irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe.
Manni marichaa wal-gahii isaa har'a taa'een murtee kana kan dabarse yoo ta'u namoonni kunneen yakkoota adda addaan Abbaa Alangaa Waliigalaan shakkamuun ta'uu, bakka bu'aa itti aanaa mootummaa kan sadarkaa deetaa Ministiraatti jiran obbo Caalaa lammii Mana marichaaf dhiyeessaniiru.
Sababni mirga himatamuu dhabuu miseensota Mana Maree kanaa akka mulqamu murtaaheef, Manni Marichaa odeeffannoo fuula feesbuukii gubbaatti maxxanseen eereera.
Yakka biyya ganuu olaanaa, yakka heeraafi sirna heera biyyaarratti raawwatame, meeshaa waraanaa hidhachuun finciluu, tokkummaa daangaa fi siyaasaa biyyaarratti yakka raawwatamu, Raayyaa Ittisa Biyyaa miidhuu, yakka shororkeessummaafi yakka shorokeessummaa keessatti hirmaachuun miseensonni 38 kunniin Waajira Abbaa Alangaa Federaalaan shakkaman.
Pireezidantii Naannichaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el, Hogganaa korporeeshinii sukkaaraa kan turan Abbaay Tsahaayyee fi ministira komunikeeshinii kan turan Obbo Geetaachoo Raddaa kanneen mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqame 38 keessaati.
Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:
Waggoota 27 darbaniif qindoomina dhaaba biyya bulchuu keessatti dhaaba dhiibbaa guddaa qabaachaa ture kan ta'e TPLF, dhaaba tokkicha MM Abiy Ahimad ijaaran dhaaba Badhaadhinaatti makamuu diduun isaa ni yaadatama.
Filannoon biyyoolessaa sababa weerara Covid-19 dheereffamuu dhaabbilee siyaasaa morman keessaa kan ta'e TPLF, naannoo ofii bulchaa ture keessatti Qaammee afur bara darbe filannoo gaggeessuun filannicha injifachuu ibsee ture.
Mootummaan Federaalaa filannoo naannichatti gaggeeffameen bu'uura seeraa kan hin qabne jechuun fudhatama dhabsiiseera.
Boodas hariiroo mootummaa naannoo Tigraay waliin qabu adda kutuu ibseera.
Hariiroon mootummaa Federaalaafi Mootummaa Naannoo Tigraay hammaachaa dhufe torbee tokko dura ''humnootni nageenyaa naannichaa buufata raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa erga bananii,'' sadarkaa waraanaatti ce'eera.
Mootummaan Federaala oppireeshinii naannicha keessatti gaggeessaa jiruun, olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka hojjetu, aanga'oota TPLF badii isaaniif seera dura isaan dhaabuufis kan kaayyeffate ta'uu ibseera.
Mootummaan naannichaa ''mirga ofiin of bulchuu keenya sarbuun humnaan nu jilbeeffachiisuufi'' jedhee himata.
Torbee darbe erga waraanni labsamee Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannoo Tigraay keessatti labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labseera.
Manni maree Federeshiniis, mootummaa yeroo kan naannicha bulchus akka ijaaramu labseera.