Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awwal Aloo: 'MM Abiy Ahimad fi TPLF gidduu garaagarteen jiru kan ilaalcha siyaasaati'
Mootummaan federaalaafi naannoon Tigraay muddama ji'oota hedduu booda waraana seenaniiru. Dhaabbileefi hoggantoonni garaagaraa rakkinichi haala nagaa ta'en akka furamu waamicha dhiheessaa jiru.
Biyya UK Yunivarsiitii Kiilitti barsiisaafi xiinxalaa waldhibdee siyaasaa Gaanfa Afrikaa kan ta'e Awwal Qaasim Aloo (PhD) waldhibeen ijoo qaamota lamaanii ilaalcha siyaasaati jedhu.
Awwal waldhibdeen qaamolee lama gidduu jiru ammallee yoo furame malee rakkoon kana caalu dhufuu danda'a jedhu. Akkuma Finfinneefi Maqalee, Asmaraanis miseensa lola kanaa ta'u malti xiinxala jedhus qabu.
Turtii waliin taasisne haala gaaffiifi deebiin qopheessineerra. Itti dhihaadhaa.
BBC: Haalli jiru waraanatti qajeela tilmaama jedhu qabda turtee? Qaamoleen lamaan nagaafi araaraan rakkoo gidduu isaanii jiru maaliif furuu dadhaban?
Awwal: Waldhibdeen mootummaan federaalaa MM Abiy gaggeessuufi naannoon Tigraay TPLF'n gaggeeffamu jidduu jiru kan turedha. Wanti akkanaammoo yeroon yoo hin furamne gara hin taanetti qajeeluu akka danda'u ifa ture.
Waraanni dhufuu akka danda'u namoonni hedduu tilmaamaniiru. Wanta hin eegamne miti. Tarii yeroo kanatti dhufuu danda'a jedhee kan eege hin jiru ta'a.
TPLF mootummaa federaalaa mormuun filannoo gaggesseera. Kanaanis, walitti dhufeenyi TPLF waliin hammaataa dhufe.
Gama TPLF'n bulchiinsa MM Abiy irratti dhiibbaa guddaa uumuun kan danda'amu turtiin aangoo mootummaa federaalaa yeroo dhumettidha amantaan jedhu jira fakkaata.
Lamaanuu ejjennoo isaaniirraa duubatti akka hin jenne, akkasumas mariif fedhii akka hin qabne mallattoon agarsiisan turani. Kanaanis, lola sodaatamaa salphaatti tasgabbaa'u hin dandeenyetti akka qajeelan ifa ture.
BBC: Lolichi salphaatti tasgabbaa'u hin danda'u yoo jedhame, maal hordofsiisuu danda'a?
Awwal: Wanti ilaaluu qabnu garaagarummaan siyaasaa isaan gidduu jiru maali kan jedhudha. Wanti ijoo garaagarummaan mootummaa Abiyyiifi TPLF gidduu jiru ilaalcha hooggansa siyaasaati.
Kanaanis, Itoophiyaan fuuladuratti biyya akkamii ta'u qabdi, bulchiinsi mootummaa maaliin hogganamuu qaba kanneen jedhan irratti garaagarummaa ijootu jira.
Kanaan ala, TPLF aangoorraa ka'u hordofee MM Abiy aangoo isaani cimsachuuf TPLF dhiibuu, wantoota bara TPLF dalagamaniifi legaasii TPLF balleessuuf hojjetamaa ture.
Keessumaa ADWUI diiguufi Paartii Badhaadhinaa hundeessuun walqabatee wantoonni hojjetaman garaagarteen ilaalcha hooggansa siyaasaa akka jiran kan agarsiisanidha.
Rakkoowwan bakkeewwan garaa garaatti mudatan TPLF'tu raawwate jedhamus, TPLF's ta'e mootummaan haa raawwatu, kunneen lamaan gidduu garaagarummaa ilaalcha hooggansa siyaasaafi mo'amuu waliin ilaalamuu qabu.
Dhihoo Wallaggatti ajjeechaan lammiilee nagaarratti raawwate jedhame akkuma raawwateeni ajjeechaan raawwate ABO - Shanee waliin hidhata qaba jedhame. TPLF humna kana erge kan jedhame.
TPLF fi ABO gidduu walitti dhufeenyi akkamii akka jiru ni beekama. Kana hordofee guyyoota muraasa gidduu waraanni eegale.
Wantoonni kunneen akka sababaatti dhihaachuurra kan darbe, garaagartee mootummoota lamaan gidduu jiru kan agarsiisan miti.
Kunneen garaagartee ummanni ilaaluufi sodaatudha.
Kanaaf, lolli kuni garaagarummaa ilaalcha hooggansa siyaasaarratti kan hundaa'e waan ta'ef yeroo gabaabaatti qabbanaa'u hin danda'u. Salphaatti qaamni mo'u kan jiraatus natti hin fakkaatu.
Lolichi yoo itti fufe immoo Itoophiyaaf qofa osoo hin taane rakkoon naannawa [Gaanfa Afrikaarratti] dhaqqabsiisu salphaa miti. Sochiin mootummaa Ertiraa erga dhihooti cimaa dhufeera.
Walitti dhufeenyi [hoggantoota lamaa] kuni mootummaafi mootummaa gidduu hin fakkaatu, walitti dhufeenya namoota lamaa fakkaata.
Mootummaan Ertiraa sirna Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ejjennoo isaa ifatti ibsaa akka ture ni beekna. Kunimmoo, mootummaa MM Abiy fi TPLF gidduu garaagarummaan ilaalcha hooggansa siyaasaa jirun kallattiin walqabata.
Pirezidant Isaayyaas federaalizimiin sab - daneessaa Itoophiyaa keessa hin barbaachisu ilaalcha jedhu qabu. Lola mootummaa MM Abiy fi naannoo Tigraay gidduu taasifamurratti Ertiraan harka keessaa hin qabdu jechuun hin danda'amu.
Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa jiru. Sudaanittis akkasumas rakkoon akka jiru ni beekama.
Sababa kanaaf, rakkinichi gaanfa Afrikaarratti rakkoo uumuu akka danda'u homaa gaaffii hin qabu.
BBC: Mootummaa Ertiraa waliin walqabatee keessumaa TPLF dhimma biyya keessaa keessa seenurratti himannaa dhiheessaa ture.
Daangaan ammallee akkuma cufametti jira. Araarri raawwate sadarkaa maalirra jira jetta?
Awwal: Jalqaba biyyoota lamaan gidduu tarkaanfii MM Abiy fudhatan hundi keenya kan ajaa'ibsisnedha. Adeemsa deeggaramu qabudha. Biyyoonni lamaan nagaatti deebi'un kan deeggaramu ture.
Haa ta'u malee, rakkoon Itoophiyaa keessa ture keessumaa mootummaa federaalaafi naannoo Tigraay gidduu ture araarri biyyoota lamaanii fuuladuratti akka hin tarkaanfanne godheera.
Akkuma beekamu rakkinichi rakkoo daangaati jedhamee ture. Daangaan sunimmoo gama naannoo Tigraayin jira. Walitti dhufeenyi Isaayyaasiifi Tigraayimmoo gaarii hin turre.
Fedhiin MM Abiy fi Pirezidant Isaayyaas TPLF balleessuufi qarqara kaa'uu fakkaata.
Waraanni 1998 lola TPLF gaggesseefi Isaayyaas itti injifatame waan ta'ef Isaayyaas TPLF'n deebisee mo'u barbaada.
MM Abiyyiis ilaalcha siyaasaa kan ofii isaanii ni qabu. Ilaalchi siyaasaa isaanii akka galma hin geenye gufuu kan ta'e TPLF'dha jedhee waan amanuuf lamaan isaanii TPLF'n akka diina walootti ilaalu.
Sababa kanaaf, Asmaraanis akkuma Finfinneefi Maqalee miseensa waraana kanaati yoo jenne dogongora natti hin fakkaatu.
Hirmaannaan isaanii hammami kan jedhu haala amma jirruun gamaaggamuu dadhabnuus Ertiraan dhimma kanarratti fedhii guddaa akka qabdu tilmaamuun ni danda'ama.
BBC: Araara Itiyoo - Ertiraa waliin wal qabatee badhaasni Nobelii MM Abiyyiif akka kennamu kanneen barreessun kaadhiman keessaa tokko turte. Amma yeroo yaaddu si gaabbisiisaa?
Awwal: Badhaasa nobeeliif MM Abiy yeroon kaadhimee barreessee galche haala ture ilaaleeni. Yeroo tokko tokko wantoota goonu duubatti deebinee yoo ilaallu, dogongora nutti fakkaatee mul'achuu danda'a.
Ani ammallee yeroos hojii Abiy hojjeteen beekkamtiin kennameefi badaadha jedhee hin yaadu. Rakkoon Itoophiyaa keessa tureefi rakkoon Itiyoo - Ertiraa guutummaa guututti furmaata argata tilmaamni jedhu hin turre.
Yoo xiqqaate, keessumaa carraaqqii nagaa taasisef beekkamtiin kuni osoo kennameef fuuladuratti kan caalu hojjeta tilmaama jedhuun qaba ture.
Tilmaamniifi xiinxalli ani qabadhe dogongora ture. Garuummoo, MM Abiy kaadhimu kootti wanti na gaabbisiisu hin jiru.
MM Abiy badhaasa sana argatee haala amma jiruun waraana labsuun isaa sadarkaa kanaan MM Abiy maaltu tuqe akka jedhu carraa kenna. Maqaan MM Abiy badhaasa sanaan akkuma guddate wanti inni godhus beekkamtii olaanaa argate waliin akka wal simu eegama.
Gaafa ta'u dhabemmoo akkasumas itti - gaafatamummaan akka dhufudha. Akkaataa kanaanin ilaala.
BBC: Waraanni eegaluu isaafi isa durallee namoonni siyaasaa Amaaraa TPLF irratti mormii jabaa kaasaa turan. Ammallee waraana irratti humnoonni nageenyaa Amaaraa humnoota nageenyaa federaalaa waliin hiriiruu isaanitu himama.
MM Abiy waraana kana akka labsan paartii isaanii keessaa keessumaa Paartii Badhaadhina Amaaraa irraa dhiibbaan irratti taasifame jira ta'a?
Awwal: Dhiibbaan akkanaa hin jiraatu jechuun hin danda'amu. TPLF egeree Itoophiyaaf balaadha, baduu qaba dubbiin jedhu dhagahama. Ajjeechaa Wallagga Lixaatiinis walqabatee kan mul'ate kanuma.
Sababa kanaaf, mootummaa naannichaa irratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba jedhanii dhiibbaa yoo uuman waan nama dhibu miti. Kan ta'u danda'us kanuma. Lolli amma eegalames dhiibbaa sana waliin akka wal qabatus shakkiin hin jiru.
Sababoonni seenaa hedduu jiru. Keessumaa tokko federaalizimiin sabarratti hundaa'e Tigraayin kalaqame kan jedhu jira. Namni siyaasaa Amaaraa kana hin barbaadu. Daangaa waliinis falmiin cimaa jira.
Ammammoo TPLF sirni mootummaa tokkummaawaa akka hin deebineefi mootummaan federaalaa akka barbaade akka hin goonef kanneen mormii guddaa dhageessisaa jiran keessaa tokko waan ta'ef, waldhibdeen Amaaraafi Tigraay gidduu jiru kanarraa madda.
BBC: Amma lolli kuni akka tasgabbaa'uf maaltu taasifamuu qaba jetta? Qaamolee lamaaniifi hawaasa idil - addunyaarraa maaltu eegama?
Awwal: Lola eegaluun waan salphaa ta'u danda'a, lola keessaa bahun garuu baay'ee cimaadha. Hunduu xiiqiidhaan lola keessa erga seenee booda kan injifatame fakkaachuu dhabuuf dhiibbaa hawaasa Idil - addunyaarraa dhufu fudhachuun xiqqaadha.
Miidiyaaleen tokko tokko akka gabaasanitti mootummaan federaalaa dhiibbaawwan [dhaabbilee garaagaraarraa dhufan] akka hin fudhanneefi dhimmichi waraanaan qofa akka furamu akka amanu agarsiisa.
TPLF's waldhibdeen kuni akka hammaatu gahee ofii gumaacheera. Dhimmichi nagaan akka furamu fedhiin waan jiru natti hin fakkaatu. Garummoo lolli akkanaa dafanii hin xumuramani.
Kan dadhabu jiraatus ifatti harka kan kennu akkasumas injifate harka kennachiseera qaamni jedhu hin jiraatu.
Sababa kanaaf, lola kanarraa kan fayyadamu tokkoyyuu hin jiru. Kan miidhu garuu hunduma jechuun danda'ama. Kanaaf, hunduu kan gochuu qabu keessaanis ta'e alaan qaamoleen lamaan rakkinicha hiikuuf marii haa ta'ani kan jedhudha.
Garuu, lamaanuu bira mariif qophiin waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaan ala rakkoo waraanni furu jira natti hin fakkaatu. Rakkinichi ilaalcha siyaasaadha.
Sababa kanaaf, karaa dimookiraatawaa ta'en furmaata kennuudha. Hireen ummataa maal ta'u qaba kan jedhu ummata Itoophiyaaf dhiisuun barbaachisaadha.
BBC: Erga MM Abiy aangootti dhufani as biyya keessatti walitti bu'iinsi, ajjeechaafi hidhaan baay'achuu gabaasonni mul'isan jiru. TPLF waliin ilaalchi siyaasaa guddaa jira jetteeta.
Mul'atni MM Abiy Itoophiyaaf qaban fudhatama akka hin arganne agarsiistuu ta'e fudhatamuu danda'aa?
Awwal: Ilaalcha siyaasaa waliin walqabatee rakkinawwan kana sirnichi mataa isaa kan uumedha jedhanii kan falman jiru. Gama kaaniin immoo federaalizimiin sab - daneessaa dhibdee uume hin qabu kan jedhanis jiru.
Walqoodinsa biyya keessa uumame yoo ilaallu, tarii, rakkinoonni Itoophiyaa keessa uumamaa jiran walharkisoo hunoonni garaa garaa fuula duratti biyya akkamiitu jiraachuu qaba abjuu jedhu cimsuufi ilaalcha siyaasaa isaanii lafa qabsiisuuf carraaqqii taasisanirraa madda ta'u danda'a.
Haa ta'u malee, mootummaan dhimma kana keessa harka hin qabu ilaalcha jedhu fudhachuf anaaf natti cima.
Waan Shaashamanneetti raawwate yeroo ilaallu dhalli namaa sadarkaa sanaan osoo ajjeefamu humnoonni nageenyaa gidduu hin seenne. Maaliif gidduu hin seenne jedhamanii gaafatamnaan ''hin ajajamne'' jedhanii turan.
Maalis ta'u ilaalcha siyaasaaf lolli akka galteetti hojiirra oolaa jira. Ajjeechaa eenyutu raawwata isa jedhuuf garuu walabaan qoratamuu qaba. Kanaan achi, abaluudha abaluudha jechuuf ragaa argachuun ni cima.
BBC: MM Abiy waggoota 20 darbaniif ADWUI sirna federaalizimiin amanu keessa nama turanidha. Dhufaatiin isaaniis ummata Oromoo irraati.
Yeroo dubbatanis sirna federaalizimii sab- daneessaa akka deeggaran himu.
Sadarkaa kanaan waldhibdeen TPLF waliin jiru waldhibdee ilaalcha siyaasaati jennee ibsuuf garaagarummaan maal jiraannaani?
Awwal: MM Abiy yeroo hedduu yeroo dubbatan ejjennoo ilaalcha siyaasaa baay'ee ifa ta'e qabu. Yeroo biraammoo ilaalcha siyaasaa ifa ta'e hin qabani. Bakka adda addaatti siyaasa isaaniif akka tolu wantoota garaa garaa dubbatu.
Namoota ilaalcha siyaasaa tokkummaawaa qaban bira yoo dubbatan afaan isaanii dubbatu. Kaan yeroo dubbisan kan biraa dubbatu.
Waan dalagan, waan dubbataniifi tarkaanfii dhaabbati isaanii fudhatuun fakkeenyaaf kan Paartii Badhaadhinaa ifadha.
MM Abiy ifatti pirojektii federaalaa yookiin wantoota federaalizimiin irratti bu'ureeffate wantoota raawwachiisu barbaadu nama deeggaranidha jedhanii yaadun danda'ama.
Paartiin Badhaadhinaa caasaa federaalaa biyyattii keessa jiru akkasumas ilaalchasaa kan fudhatu miti.
Hojii isaaniirraa ifatti hubachuun kan danda'amu caasaa federaalawaa osoo hin taane hamma tokko caasaa siyaasaa kan kaanitti makameefi aangoo isaanii guddisu akka barbaadan ifa dha, dubbachuu baatanis.
TPLF waliin turuun isaanii ifadha. Sirna darbe yeroo qeeqan gama siyaasaan TPLF qeequun ummata Itoophiyaa hedduu biratti fudhatama waan qabuufi amma morkataan isaanii TPLF waan ta'ef wanti amma hojjetamu hojii siyaasaa dhaaba sana hadheessuudha.
BBC: Kanaaf, gabaabumatti MM Abiy gama Paartii Badhaadhinaan hojjetaniifi amananiin tokkummaawaadha jechuun danda'amaa?
Awwal: Eeyyee. Tokkummaawadha.
BBC: Agarsiistuun maali?
Awwal: Wanti ijoo akkaataa Paartiin Badhaadhinaa itti caaseffamedha. Paartiin Badhaadhinaa sagantaa siyaasaa raawwachuuf hojii siyaasaa hojjetamedha.
Isaan ala agarsiistu fiduun hin barbaachisu. Waltajjiiwwan garaagaraatti waan dubbatan fiduun danda'ama garuu agarsiistuun ijoo akkaataa paartichi itti hundaa'edha.
Wanti lafarratti mul'atu caasaan dhaabni jaarmiyaa mootummaa itti hogganuus tokkummaawaadha. Ilaalcha siyaasaa ifa ta'e qabaachuu baatus wanti mul'atu tokkummaawaa dha.
BBC: Galatoomi.
Awwal: Galatoomaa isiniis.